Bulchaan Kooriyaa Kaabaa maatii loltoota waraana Yukireen irratti du'anii arguun jajjabeessan

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un maatii loltootaa waraana Yukireen irratti ajjeefamanii arguun jajjabeessaniiru

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un maatii loltootaa waraana Yukireen irratti ajjeefamanii arguun jajjabeessaniiru

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un maatii loltoota biyyattii Raashiyaa gargaaruun Yukireenitti duulanii fi adda waraanaatti du'anii arguun jajjabeessaniiru.

Kim Jong Un maatii kunneen arguun ''gaddasaanii ibasuu'' miidiyaan biyyattii gabaaseera.

Sagantaa addaa Jimaata darbe dhimma kanaaf mootummaan Kooriyaa Kaabaa qopheesserratti Kim Jong Un osoo maatii loltootaa jajjabeessanii mul'atan.

Bulchaan biyyattii kun gurraacha (uffata gaddaa) uffachuun suuraa loltoota ajjeefamanii alaabaa biyyattiin marame maatiif kennaa turan.

Kooriyaan Kibbaa akka jettutti loltoonni Kooriyaa Kaabaa kuma 15 ta'an weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee jirtu tumsuun duulaniiru.

Akkasumas biyyattiin misaa'elaa fi meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa irratti haleellaa raawwatan Raashiyaaf gumaachiteetti jechuun himatti Kooriyaan Kibbaa.

Bakka kanaa ammoo Raashiyaan gargaarsa midhaan nyaataa, maallaqaa fi tumsa teeknikaa Kooriyaa Kaabaaf kennaa turte.

Kooriyaan Kaabaa waraana biyyasheen alaa keessatti hirmaachuu kan amante Ebla darbe qofa, loltoonni ishee gariin ajjeefamuus mirkaneessite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ergasii homaa hin jenne.

Amajjii darbe aanga'oonni lixaa BBCtti akka himanitti ji'oota sadi keessatti loltoonni Kooriyaa Kaabaa 1000 ta'an ajjeefamaniiru, hedduun ammoo madaa'aniiru.

Garuu akka tilmaama dhiheenya kana ba'eetti yoo ta'e loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Yukireen keessatti ajjeefaman 600 ta'u.

Sagantaan Jimaata darbee torbee kana keessatti Kooriyaa Kaabaaf sagantaa isa guddaa lammaffaadha.

Sagantaa kanarratti Kim Jong Un wayita dubbatan ''gadda guddaan liqimfamanii akka jiran,'' ibsan.

Loltoota kunneen lubbuudhaan gara biyyaatti deebisuu dhabuutti akka baayyee gaddan dubbatan.

Kanaafis siidaa barabaraan yaadatamu akka ijaaranii fi ijoollee loltoota kunneenii akka gargaaran waadaa seenan.

''Sagantaa duraan ture irratti waa'een maatii loltoota wareegamanii hin argamin hafan baayyeena yaachisee ture. Kanaafan isaan hafan arguuf sagantaa kana mijeesse. Gaddaa koo ibsuu fi miira isaanii hanga tokko qooddachuuf,'' jedhan.

Kim torbee dhufu wayita Waraana Addunyaa Lammaffaarratti harka kennachuu Jappaan yaadachuuf gara Chaayinaa imalan Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin walarguuf jiru.

Sirna yaadannoo agarsiisa waraanaan dabaalamee dhihaachuuf karoorfame kanarratti ni argamu jedhamanii kan eegaman keessaa Kim Jong Un fi Vilaadmiir Puutiin isaan ijoodha.

Wayita Moskoo fi Piyoongiyaang hariiroosaanii akkaan cimsanii jiranitti Kim fi Puutiin waggaa lama keessatti yeroo sadaffaaf walarguuf jedhu.

Onkoloolessa darbe Kim guyyaa dhalootaa Puutin irratti baga gammadde jechuun erganiif.

Hiriyaa akkaan walitti dhihaatan ta'uus eeran.

Ji'uma sana keessa Puutin waliigaltee waraanaa Kim waliin mallatteessan ibsan.

Waliigalteen kun Kooriyaan Kaabaa fi Raashiyaan biyyisaanii ''weeraramnaan'' akka walbira dhaabbatan akeeka.

Kooriyaan Kaabaa loltoota miiliyoona 1.28 qabaachuutu himama. Garuu hanga waraana Yukireenirratti loltoota bobbaasanitti muuxannoo biyyoota alaaf loluu hin qaban ture.