Kooriyaan Kaabaa misaayeloota 'teknoolojii addaan' hojjetaman dhukaafte

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan biyyaalessaa Kooriyaa Kaabaa akka gabaasanitti misaayeloonni ittisa haleellaa qilleensaa lama bakka hogganaan biyyattii Kiim Joong Uun dhiyeenyaan hordofaa turan dhukaafamaniiru.
Korean Central News Agency (KCNA) akka gabaasetti meeshaan waraanaa kun ''humna ittisaa jabaafi teknoolojii addaan'' hojjjetame. Kana malee odeeffannoo dabalataa hin kennine.
KCNA misaayelli kun Sambata kan yaalaman yoo ta'u, teeknoolojiin gosoota piroojektaayilii lama hojiirra oole qilleensarratti dirooniifi kiruus misaayelii haleelee kuffisuuf mijataa ta'uun mirkanaa'eera jedha.
Yaaliin kun kan gaggeeffame Kooriyaan Kibbaa Kibxata darbe loltoota Kooriyaa Kaabaatti dhukaasa akeekkachiiftuu dhukaasuusaa mirkaneessuushee sa'aatiiwwan murtaahan boodadha. Se'uul dhukaasa kana kan raawwatte loltootni Piyoongiyang daangaa biyyoota lamaanii loltuun itti seenuu hin qabne keessa waan seenaniifi.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii loltootni Kooriyaa Kaabaa 30 ta'an daangaa biyyoota lamaanii waraanarraa bilisa akka ta'u murtaahe keessa seenaniiru jechuu ejensiin oduua Yonha gabaaseera.
Piyoongyaang dhukaasa akeekkachiisaa se'uuliif deebii kenneen ''dubbii barbaachaa'' jetteetti.
Kooriyaan Kibbaafi US Wiixata darberraa eegalee naannichatti shaakala waraanaa waloo gaggeessaa jiru.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Wiixata dhufu Waashingitan DCtti Pirezidentii Kooriyaa Kibbaa Lee Jee Miyaang simachuuf jiru.
Pirezidantiin haaraan kooriyaa Kibbaa hariiroo Kooriyaa lameenii fooyyessuuf akka hojjetan wayita duula gaggeessan waadaa galanii ture.
Haata'u malee obboleettiin kiim yaalii mootummaan Lee araaraaf gochuu eegale busheessiteetti.
Kiimis jalqana ji'a kanaatti shaakala waraanaa US fi Kooriyaan Kibbaa waliin gaggeessan balaaleffataniiru.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa kun sagantaa misooma waraana niikuleeraa isaanii akka dabalanis dubbataniiru.
Amajjii darbe Kooriyaan Kaabaa misaayela baalastikii naannoo Pasifikii keessatti xiyyeeffannaa kamuu haleeluu danda'u dhukaasuu beeksiftee ture.
Hogganoonni Kooriyaa Kibbaa ammoo Piyoongiyaang tekinoolojii misaayelaa Raashiyaa argachuunshee yaaddoo kan dabalu ta'uu ibsaniiru.
Kooriyaan Kaaba teeknoolojii Raashiyaa kana kan argatte loltootnishee Raashiyaa deeggaranii akka lolan waan bobbaafteefi.
Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Pirezidantii Kooriyaa kibbaa duraanii Shiin Woonsiik yaada bara darbe kennaniin Moskoon misaayelaafi meeshaalee biroo sirna ittisa qilleensaa Piyoongiyaang cimsan ni kenniti jdhanii ture.
Misaayelli amma yaalame teeknoolojii Raashiyaa qabaachuuf dhiisuun hin ibsamne.












