Kooriyaan Kaabaa rizoortii guddaa ijaarte daawwattootaf banuufi

Rizoortii Kooriyaa Kaabaa

Madda suuraa, KCNA

Kooriyaan Kaabaa rizoortii guddaa qarqara galaanatti ijaarte daawwattootaf banuuf akka jirtu miidiyan biyyattii gabaase.

Bulchaan biyyattii Kiim Joong Uun biyyasaanii qoollifatamte turizimiif banaa gochuuf yaadaniitu jedhama.

Rizoortiin kun Wonsan Kalma kan jedhamu yoo ta'u, qarqara bishaan baha Kooriyaa Kaabatti kan ijaarameedha.

Turistoota biyya keessaf gaafa Adoolessa 1 irraa kaasee banaa ta'a jedhamus lammiilee biyya alaaf yoomirraa kaasee banaa akka ta'u hin baramne.

Kooriyaan Kaabaa rizoortii guddaa kana ijaartee xumuruuf waggaa jaha itti fudhate.

Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNA akka gabaasetti, rizoortiin Wonsan Kalma turistoota 20,000 qabachuu kan dandaa'ufi qarqara bishaanii km 4 dheeratu irratti ijaarame.

Hoteelota, rizoortiwwan, giddu galawwan gabaafi paarkii bashannanaa kan of keessatti qabate ta'uus gabaase miidiyaan biyyattii.

Kooriyaan Kaabaa sababa sagantaa nikularaasheen qoqqobbii addunyaa cimaa ta'e jala jiraachurraa kan ka'e, biyyoota addunyaa hiyyeeyyii ta'an keessaa tokkoodha.

Qabeenyafi leeccalloo qabdu irra guddeessa waraana ijaarufi siidawwan magaalaa guddoo biyyattii Piyoong Yaang keessa jiran miidhagsuu irratti dhangalaasti.

Piyoong Yaang rakkoo maallaqaa qabdu bifa kanaan furachuuf akka ta'e kan kaasan jiru. Turistoonni biyya alaa rizoortii Kooriyaan Kaabaa ijaarte kana akka daawwataniif gaafa banaa ta'u, namoonni heedduun Chaayinaafi Raashiyaa, biyyoota yeroo dheeraf michuu Kooriyaa Kaabaa ta'an, irraa akka deemantu tilmaamama.

Kooriyaan Kaabaa sababa weerara Covid irraa kan ka'e bara 2020 hanga 2023tti daangaashee turistoota biyya alaaf cufaa gootee turte.

Turistoota biyyoota lixaa kanneen Faransaayi, Jarman, UK fi Awustiraaliyaa fa'aarraa dhufaniifis barumsa 2023 ji'a Guraandhalaa keessaa daangaashee banaa goote. Torbee tokko booda garuu sababasaa osoo hin ibsin turistoonni biyyashee akka hin seenne dhorkaa keesse.

Kiim Joong Uun haadha warraasaafi intalasaa waliin yeroo taa'u

Madda suuraa, KCNA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rizoortii haaraa amma ijaartes turistoonni biyyoota lixaarraa dhaqan akka daawwataniif hayyamuurratti shakkii kan qaban danuudha.

Kooriyaa Kaabaa keessatti bakkeewwan ijoo turistoonni daawwatan magaalaa Piyoong Yaang, naannoo daangaa Kooriyaa Kibbaa DMZ jedhamuun beekamuu fa'aa bakka turistii biyyoota lixaaf banaa ta'anii itti fufu jedhamee eegama.

Miidiyaan biyyattii KCNA akka gabaasetti, rizoortiin Wonsan Kalma "taatee guddaa biyyattii keessatti mudate" ta'uu ibsuun turizimii Kooriyaa Kaabaaf boqonnaa haaraa fidee kan dhufuudha.

Sirna eebba rizoortii haaraa kanarratti gaggeessan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun intalasaa Kiim Ju Ae fi haadha warraasaa Ri Sool Ju waliin gaafa Waxabajjii 24 kan argameera.

Haati warraa Kiim bara 2024 booda yeroo jalqabaaf ija uummataatti mul'atte.

Kooriyaa Kaabatti ambasaaddara Raashiyaa kan ta'an Aleeksaandar Matsegoraafi hojjattoonni embaasichaa biroo sirna baniinsa rizoortii guddicha Kooriyaan Kaabaa ijaarte kanarratti argamaniiru.