Lammiileen Kooriyaa Kaabaa miliqan Yukireen waliin Raashiyaa loluu maaliif barbaadu?

Lammilee Kooriyaa Kaabaa gama Yukireen goranii Raashiyaa lolan

Madda suuraa, Reuters

Lammiileen Kooriyaa Kaabaatii miliquun Kooriyaa Kibbaa jiran Yukireen deemun loltoota Piyoongyaang Raashiyaaa akka deeggaraniif ergite akka miliqaniif gargaaruf akka hayyamamuuf gaafataa jiru.

Lammiileeen Kooriyaa Kaabaa See’ul jiran kunneen loltoota Kooriyaa Kaabaa Raashiyaatti bobba’an amansiisuu akka danda’an dubbatu.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa 10,000 ta’an Yukireen loluudhaf Raashiyaatti duulun isaanii Kooriyaa Kibbaatti gaaffii kaasee jira.

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa, Kim Joong Un kana gochuunsaa Raashiyaa irraa teeknolojii waraanaa argachuuf akka ta’e kaasu. Tajaajilli Tikaa Kooriyaa Kibbaa akka beeksisetti, loltoonni Kooriaa Kaabaa bobobba’an tokkoon tokkoo isaanii ji’aan hanga dolaara 2,000 ni argatu.

Kooriyaan Kaabafi Kooriyaan Kibbaa erga bara 1953 walitti dhukaasuu baatanis akkuma wal-gaarreffatanitti jiru.

Kooriyaan Kaabafi Kibbaa erga gargar bahanii waggoota 70 keessatti lammiilen Kooriyaa Kaabaa 34,000 ta’an Kooriyaa Kibbaatti baqataniiru.

Waamicha tarkaanfii

Gareen sivilii baqattoota Kooriyaa Kaabaa Kooriyaa Kibbaa keessa jiran lama: Waldaa Loltoota Kiristaanaa Kooriyaa Kaaba fi Loltoota Buleeyyii Kooriyaa Kaabaa Miliqanii waliin ta’uun ibsa baasaniin tarkaanfii Piyoongyaang mormuun loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa deeggaruun loluuf bobba’an miliqanii gara Yukireenitti akka baqataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Sim Ju-il, osoo gara Kooriyaa Kibbaatti hin baqatin dura loltoo Kooriyaa Kaabaa kan ture yoo ta’u, erga Kooriyaa Kibbaatti baqatee ammoo Waldaa Loltoota Kiristaanaa Kooriyaa Kaabaa gaggeessaa ture.

Tarkaanfii Piyoongyaan kanaaf deebiin hatattamaa kennamuu akka qabu hima. Gara Yukireen deemun loltoota Kooriyaa achitti bobba’an amansiisuu barbaada.

"Adda waraanaa yoon deeme, loltoora Kooriyaa irraa natti dhukaafamuu danda’a. Garuu xiyyeeffannoon koo dhugaa kaayyoo waraanichaa isaan barsiisudha,” jedha.

Tooftaalee

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiilen Kooriyaa Kaabaa Kooriyaa Kibbaatti miliqan kunneen loltoota Kooriyaa Kaabaa adda waraanaa Yukireenitti bobbaafaman akka miliqan amansiisuf tooftaa garaa garaatti fayyadamuuuf akka karoorfatan ibsu.

Dirooniwwan fayyadamuun barreeffamoota bittimsuufi sagalee guddistuu fayyadamuun waraana xiinsammuu gaggeessuu akkasumas, duula miidiyaa hawaasaa irratti banuu fa’aa fayyadamuun amansiisuu barbaadu.

"Adda waraanatti yoo dhiyaanne, sagalee guddistuu fa’aa fayyadamuun waraana xiinsammuu gaggeessuu barbaanna,” jedha daayireektara World Institute for North Korea Studies kan ta’e Dr, Ahan Chaan-il.

Dr. Ahan yeroo Kooriyaa Kaabaa turetti bataaliyeenii ittisa sivilii keessa tajaajilaa turuu kan himu, loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa gargaaruf bobba’an humna addaa Storm Corps jedhamaniifi ajjeechaa raawwachuu, caasaa garaa garaaa cabsanii seenu fa’aarratti muuxannoo kan qaban ta’uu akka hin oolle kaasa.

“Divizhiniin waraana Kooriyaa Kaabaa lama ykn sadi yoo [Raashiyaatti] ergaman yoo ta’e, nutis hojjachuu qabna. Ibsa baasunis kan barbaachiseef kanaafi,” jedha Dr. Ahan.

Gabaasaalen akka agarsiisanitti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa miliqanii Kooriyaa Kibbaa jiran muraasni dhaabbata loltoota Kooriyaa Kaabaa Yukireen jiran akka miliqaniif gargaaru hundeessanii jiru.

Tooftan isaan fayyadamanis, barreeffamoota, waraabbii sagalee akkaataa itti miliquu danda’an gargaaru qopheessun loltoota Yukireenitti kennuuf jiru.

Nama suuraa Kiim Jong Un daawwacha ajiru

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Qormaata mudachuu malu

Danqaawwan dippilomaasifi haala qabatamaa jiruu karoora kana wal-xaxaa taasisu. Ministiirri Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa imala gara Yukireenitti taasifamu ugguree jira.

Namni gara Yukireen deemu adabbii hidhaa waggaa tokkoo ykn adabbii dolaara 7,000 adabama.

Kanneen Kooriyaa Kaabatii miliqan Yukireenitti erguun Mooskofi Piyoongyaanga dheekkamsiisun nageenya naannoo booressuu danda’a kan jedhus yaaddon jira.

“Deemnee waraanuu dandeenya” jedhamee osoo labsamee gaaridha, garuu ammoo loltoota bobbaasun dhimma hariiroo alaa hin danda’amneedha,” jedha garee miliqxoota Kooriyaa Kaabaa biraa North Korea Balloon Group jedhamutti gaggeessaa kan ta’e Lee Min-bok.

Loltoota Kooriyaa Kaabaa akka miliqan amansiisunis hojii manaa biraati. Lee Woong-gil Kooriyaa Kaabaa yeroo turetti, loltuu miseensa garee Storm Corps jedhamuu ture. Akka miliqaniif isaanitti dubbachuun rakkisaa akka ta’e hima.

“Itti dubbachuuf yoo yaalte miidhaa isaatu caala, kallattiin sitti dhukaasu,” jechuun garee salphaatti amanu akka hin taane kaasa.

Kanneen Kooriyaa Kaabatii miliqan waggoota hedduuf Kooriyaa Kibbaa keessa waan jiraataniif waan ammatti waraana Kooriyaa Kaabaa keessatti ta’aa jiru hubannoo gahaa qabaachuu dhabuunis yaaddoo biraa akka ta’e hima.

Miseensa Waldaa Loltoota Kiristaanaa Kooriyaa Kaaba kan ta’e Sim yaada wal-fakkaatu kaasa- loltoota Kooriyaa Kaabaa salphaatti amansiisun akka hin danda’amne.

"[Loltoonni Kooriyaa Kaabaa] gootummaan lolanii gaggeessaa isaanifi paartii isaanif du’uu akka kabajaatti warra lakkaa’aniidha,” jedha.

Korea Institute for Defense Analyses irraa Dr. Doo Jin-ho ammoo kallattiidhaan adda waraanatti piroppaagaandaa farra Kooriyaa Kaabaa ta’e gadi lakkisuun haleellaa diroonif akka nama saaxilu hima.

Inumaayyuu viidiyoofi sagalee waraabanii akka miliqan gochuu akka wayyu hima miseensa loltuu duraanii Kooriyaa Kaabaa kan ture Lee Woong-gil.

Mootummaan Yukireen viidiyoo karaa Yuutuubii gadi lakkiseen loltoonni Kooriyaa Kaabaa akka harka kennataniif waamicha dhiyeessera

Loltoota Kooriyaa Kaabaa adda waraanaa Yukireenitti bobba’an amansiisuf danqaaleen garaa garaa jiraatanis, lammiilen Kooriyaa Kaabatii miliqanii Kooriyaa Kibbaa jiran ammayyuu ergama Yukireen deemuf qaban karoorsuu hin dhiisne.

Karoorri kun mariirra yeroo jirutti Yukireen viidiyoo piroppaagaandaa loltoota Kooriyaa Kaabaf ergaa dhaamu gadi lakkisuu eegalteetti.

Ministiirri Dhimma Alaafi Walitti Makamuu Kooriyaa Kibbaa gamasaan, kanneen Kooriyaa Kaabatii miliqanii achi jiran gara Yukireen akka deeman akka hin deeggarre ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa Yukireen gamaasaan, kanneen Kooriyaa Kaabatii miliqanii Kooriyaa Kibbaa jiran gara Yukireen deemuf karoora qaban harka bal’isee akka simatu BBCtti hime.