Waraanni Yukireen akkuma Tiraamp Pirezedantii ta'een xumura argata- Zeleniskii

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni Yukireen-Raashiyaa “dafee akka xumuramu mirkaneeffadhera” jechuun akkuma Tiraamp Pirezedantii Ameerikaa ta’anii muudamaniin xumura argata jedhe.
Filannoo pirezidantummaa Ameerikaa Tiraamp erga injifatee booda Zelenskiin bilbilaan haasaa bu’aa qabdu haasofne jedhan.
Tiraamp marii Raashiyaa waliin taasifamuu danda’u ilaalchisee gaaffii dhiyeessuu fi dhiisuu isaanii hin ibsine, garuu ejjennoo Yukireen waanta faallesse isarraa hin dhageenye jedhan.
Tiraamp irra deddeebiin waraana Yuukireen xumuruun, qabeenya Ameerikaa, bifa gargaarsa waraanaatiin Yukireeniif laatamu dhaabuu akka barbaadu himeera.
''Imaammata garee amma Waayit Haawus hoogganu kanaan waraanni Yuukireen dafee akka xumuramu mirkanaa'era.
Kun tooftasaaniiti, kun waadaa lammiilee isaaniif galaniidha,'' jechuun Zelenskiin gaaffii fi deebii miidiyaa Yukireen ‘Suspilne’ jedhamu waliin taasisaniin dubbatan.
Itti dabaluun, Yukireen ''waraanni kun bara dhufu akka xumuramuuf, karaa dippilomaasii akka xumuramuuf waan dandeessu hunda gochuu qabdi'' jedhan.
Haalli dirree waraanaarratti mul’atu rakkisaadha, humnoonni Raashiyaa jabataa jiru jedhan Zelenskiin.
Seerri Ameerikaa Tiraamp waliin wal arguuf kan eeyyamu baatii Ammajji dhuftu keessa erga sirna kakuu raawwate booda qofa jedhan.
Tiraamp fi Zelenskiin yeroo dheeraaf hariiroo jeequmaa ta’e qabu. Tiraamp bara 2019tti Zelenskiin waa’ee maatii Baayiden odeeffannoo miidhu malu akka barbaadu jajjabeesse jedhamee himatamee aangoo irraa kaafameera.
Garaagarummaan waggoota dheeraa giddusaanii jiraatus, Tiraamp Zelenskiin waliin hariiroo baayyee gaarii akka qaban cimsee dubbateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fulbaana darbe yeroo lamaan isaanii Niiw Yoorkitti wal argan, Tiraamp walgahuuusaaniirra ''waan baay'ee akka barate'' ibsuun, waraanni Yukireen '' dafee akka furamu'' dubbataniiru.
Tiraamp akkamitti waraana kana xumuruuf akka yaadan hanga ammaatti hin ibsine.
Morkattoonnisaanii warri paartii Dimookiraatotaa Tiraamp pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinitti michee jedhanii himachuun,tooftaan Tiraamp hordofaan Yukireeniif harka kennachiisuun, Awurooppaa hunda balaadhaaf saaxilu ta’uu ibsaniiru.
Garuu Chaansilara Jarmanii Olaf Scholiz, Tiraamp filannoo injifachuu hordofee waliin dubbachuun miidiyaalee Jarmanitti akka himanitti, hogganaan Ameerikaa filataman waraana kana irratti ejjennoo, kan yeroo baayyee tilmaamamu caalaa cimaa qaba jedhan.
Scholiz gaazexaa ‘Süddeutsche Zeitung’ jedhamutti akka himan haasaan bilbilaan Tiraamp waliin haas’an “tarii waan nama ajaa’ibu, haasaa baay’ee bal’aa fi gaarii” ta’uu ibsan.
Jalqaba bara kanaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yunaayitid Isteet weerara Raashiyaa qolachuu gargaaru Yukireeniif gargaarsa waraanaa Doolaara biiliyoona 61 (£49bn) akka kennamu raggaasiseera.












