Nato'n maali, akkamitti humna ittisaa isaa dabalaa jira?

Loltoota Poortugaala

Madda suuraa, Getty Images

Nato'n, dhaabbanni Waliigaltee biyyoota Awurooppaa keessaa fi Kaaba Ameerikaa, guyyaa Kibxataa waggaa 75ffaa isaa magaalaa keessatti jalqaba hundeeffame, Waashingitan DCtti kabajachuufidha.

Yeroo ammaa kana Nato [Neetoo] seenaa isaa keessatti yeroo kamuu caalaa rakkoo guddaa keessaa darbaa jira.

Kunis sababii biyyoonni miseensa ta’an dandeettii ittisaa isaanii guddisuuf yaalaa jiraachuun alattis Yukireen waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jirtuun akka gaariitti hidhattuu gochuuf qabsaa’aa jiru.

Nato'n maali, yoom hundaa'e?

Nato, gabaajee 'North Atlantic Treaty Organization' ykn 'Dhaabbata Waliigaltee Kaaba Atilaantikii' kan jedhurraa dhufe.

Walta'insi kunis US, UK, Kaanaadaa fi Faransaay dabalatee biyyoota 12n bara 1949tti hundaa'e.

Waliigaltee Nato uumee kan mallattaa'e Waashingitan DC Meelon Oditooriyam keessatti yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota Nato guyyaa jalqabaa yaa'ii isaanii kan Adooleessa 9-11tti gaggeeffamu irratti waggaa kana kabajuuf walgahu.

Nato'n

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nato'n Ebla 1949 Waashingitan DC keessatti hundeeffame

Galmisaa jalqabaatiis kan babal'insa Gamtaa Soviyeet qolachuu ture. Gamtaan Soviyeet (Soviet Union), garee biyyootaa Raashiyaa of keessatti hammate ture.

Miseensonni Nato's yoo isaan keessaa tokko irratti haleellaan banamee, biyyoonni biroo hundi birmachuun ittisarratti gargaaruu akka qaban irratti waliigalan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nato'n waraana mataasaa hinqabu. Garuu biyyoonni miseensaa rakkoo mudate qolachuudhaaf tarkaanfii waraanaa waloo fudhachu danda'u.

Fakkeenyaa, Nato'n waraana Yugozilaaviyaa duraanii kan bara 1992-2004 ture jidduu seenuudhaan UN gargaareera. Innis humna qilleensaa fi lafootti fayyadamuun duguggaa sanyii dhaabsiisuun nagaa buusuu keessatti gargaareera.

Akkasumas karoora ittisaa waliin tahuun qindeessu, shaakala waraana waloos ni taasisu.

Erga Guraandhala 2022 keessa Raashiyaan Yukireen weerareen booda, Nato'n Raashiyaan "nageenya michootasaaf yaaddoo kallattii cimaa" itti umtee jirti jedhe.

Barreessaan Olaanaa Nato aangoo irraa ka’aa jiran, Jeens Stoltanbarg, yaa’ii Waashingitan DC'tti gaggeeffamu irratti dhimmoonni ijoon, attamiin dandeettii ittisa biyyoota miseensa akka cimfamuu fi akkaataa dhiyeessii meeshaa waraanaa Yukireen, keessattuu dhuukaatuuwwanii fi misaa’elaa, haala tasgabbaa'aa ta’en itti dhiyeessuun danda’amu ta’uu dubbataniiru.

Biyyoota kamtu miseensa Nato'ti?

Nato'n US, UK, Kaanaadaa, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaanii, Ispeen fi Tarkii dabalatee, Awurooppaa guutuu fi Ameerikaa Kaabaa keessaa miseensota 32 qaba.

Bara 1991 erga Gamtaan Soviyeet jigeen booda, biyyoonni Baha Awurooppaa hedduun,Albeeniyaa, Bulgaariyaa, Hangaarii, Poolaand, Cheek Rippabliik, Isloovaakiyaa, Romaaniyaa, Lituweeniyaa, Laativiyaa fi Estoniyaa dabalatee, walta'insa kanatti makaman.

Biyyoota miseensaa fi miseensummaaf gaaffii dhiyeessan

Finlaand kan daangaa dheerina lafaa 1,340km (832 mile) Raashiyaa waliin qabdu, Ebla 2023tti itti makamte. Swiidin ammoo Bitooteessa 2024 miseensa garee kanaa taate.

Biyyoonni lamaanuu Caamsaa 2022 erga Raashiyaan Yukireen weerartee yeroo dhihoon booda, Nato'tti makamuuf kan iyyatan. Isaanis waggoota kurnaniif walaba turre.

Yukireen, Bosniyaa fi Herzegovinaa fi Joorjiyaanis Nato'tti makamuuf abdachaa jiru.

Biyyoonni Nato hangam waraanaaf oolchu?

Nato'n biyyoonni miseensa tahan hunda galiisaanii biyyooleessaa keessaa yoo xiqqaate %2 waraanaaf baasii akka taasisan gaafata.

Isaan keessayis biyyoonni 23 bara 2024tti galma sana guutuuf karoorfataniiru. Bara 2014tti kan galmaan gahan sadi qofaadha.

Haaluma guddina diinagdee saanitiin biyyoota baasii olaanaa baasan keessa tAmeerikaa fi biyyoota akka Poolaand fi Riippablikii Baaltikii kan Raashiyaa waliin daangaa qoddattan fa'iidha.

Miseensonni Nato Awurooppaa fi Kaanaadaan walumaagalatti bara 2023'tti baasii ittisaa isaanii tilmaamaan %9n kan dabalan yoo ta’u, bara 2024'tti ammoo %18 dabalataan akka dabalan tilmaamameera.

Doonaald Tiraamp yeroo Pirezidaantii Ameerikaa turanitti, miseensonni Nato biyyoonni Awurooppaa baasii ittisaasaanii akka guddisan kan dhiibaa turan yoo ta’u, yeroo duula filannoo pirezidaantummaa tibbanaa irrattis haala falmisiisaa ta'een, Raashiyaan biyyoota Nato baasii gahaa ta'e baasuu waan didan akka haleeltuf nan jajjabeessa jechuun dubbatan.

Nato'n Raashiyaa qolachuuf maal hojjetaa jira?

Bara 2023 keessa komaandaroonni Nato, haleellaa Raashiyaa gama Arkitiikii fi Atilaantikii kaabaa, jiddugala Awurooppaa fi naannoo Mediteeraaniyaanitti mudachuu malu qolachuuf karoora qixaa'e baasan.

Lakkoofsi loltoota Awurooppaa keessatti of eeggannoo olaanaa irra jiran 40,000 irraa gara 300,000tti ol guddiseera. Akkasumas daangaa Raashiyaa irrattis garee waraanaa saddeet waliin ittisa cimseera.

Biyyoonni Nato meeshaalee waraanaa akkamiifaa Yukireeniif kennan?

Akka gareetti Nato'n meeshaa waraanaa kamuu Yukireeniif hin ergine. Haa ta'u malee biyyoonni miseensota ta'an hedduun dhuunfaatti erganiiru.

Ameerikaa, UK, Jarmanii fi Tarkiin; meeshaalee waraanaa kanneen akka farra-taankii, sirna ittisaa misaa'elaa, meeshaa akka madifii, taankiiwwaniifi diroonii waraanaa erganiiru.

US fi UK'n misaa'elota karaa dheeraa qaxxaamuran erganiiruuf.

Kana malees Ameerikaan biyyoonni miseensa Nato ta'an kaan jeettii waraanaa kanneen akka F-16 akka dhiyeessaniifi paayilatoonni Yukireen balaliisuu akka danda'an leenjii akka kennan deeggarteetti.

An ATACMS missile being fired

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan misaa'ela karaa dheeraa qaxxaamuru ATACMS kennaafii jirti

Nezarlaandis jeettiiwwan 18 gosa F-16 dhiyeenya erguu akka maltu akeektee jirti.

Ta'us garuu biyyoonni Nato loltoota isaanii gara Yukireenitti egaa hin jiran. Yookis humnoonni isaanii daangaa qilleensaa naannichatti zoonii balalliirraa dhorkaa tahe jechuunis hin labsine. Maaliif jennaan, kuni kallattiin Raashiyaa wajjin lolatti naqa.

Yukireen kan Nato'tti makamtu yoomi?

Prezdaantiin Yukireen Zelenskiin Yukireen yeroo gabaabaa keessatti akka itti makamtuuf gaafatan.

Jeens Stoltanbarg, Yukireen miseensa ta'uun ishee ''waan hin oolle'' ta'us hanga waraanni Raashiyaa waliin qabdu xumuramutti akka hin taane dubbateera.

Miseensonni Nato bara 2008tti Yukireen dhumarratti gamtichatti makamuu akka dandeessu dubbataniiru.

Jens Stoltenberg greets President Volodymyr Zelensky of Ukraine at a Nato summit

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg, Yukireen "turtiin booda" miseensa taati jechuun Pireezidant Zeleskiitti himan

Raashiyaan irra deddeebiin miseensummaa Yukireen mormaa turte. Kunis humnoonni walta'insichaa daangaasheetti dhiyaatu sodaa jedhurraa kan ka'edha.

Yukireen wayita Raashiyaa wajjin wal-waraanaa jirtutti Nato'tti makamuu akka hin dandeenye beekti. Tahus akkuma lolli kun dhaabateen miseensa tahuu feeti.

Gareen Qunnamtii Ittisa Yukireen kan Ameerikaan durfamu ji’a Adooleessa 2023 irraa eegalee Yukireen Raashiyaa akka irraa of ittisuufmeeshaa waraanaa fi leenjii kennuudhaaf tattaaffii taasifamu qindeessaa jira.

Nato gahee sana fudhachuuf yaada dhiheessaa jira. Waggoota shanan dhufan keessatti Yukireen deeggaruuf fandii doolaara biiliyoona 100 qopheessaa jira.