Raashiyaan 'waraana keessatti' misaa’ila haaraa irra deebitee ni fayyadamti- Puutin

Puutiin misaa'elli Oreshnik akka hin qolatamne ibsuun waraana keessatti otoo hafiin ammas daballee yaalla jedhan

Madda suuraa, Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin

Raashiyaan misaa'ela haaraa humna guddaa qabu ''dhukaasuf qophaa’e kuusaa keessaa qabdi'' jedhan Pirezedantiin biyyattii Vilaadmiir Puutiin.

Puutin kana kan jedhan Raashiyaan baalistik misaa'elii haaraa magaalaa Yukireen Diniprootti erga dhukaastee guyyaa muraasa boodadha.

Hogganaan Raashiyaa kun haasaa TV irratti taasisaniin, misaa'elli Oreshnik akka hin qolatamne ibsuun, waraana keessatti otoo hin hafiin ammas daballee misaayila kana yaalla jedhan.

Yukireenis yeroo jalqabaaf misaa’ela Ameerikaa fi Biriteen gara Raashiyaatti dhukaasteetti.

Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin ammoo hoggantoonni biyyoota addunyaa Puutin '' gatii gochasaatii akka yaaduuf''deebii cimaa'' akka kennan gaafatera.

Yukireen meeshaa ittin haleellaa xiyyaara qolattu kan duraanirra fooyyee qabu biyyoota Lixaa gaafachaa turte jedhan Zeleniskiin.

Akka dhaabbanni oduu Interfax jedhutti, Kiiv meeshaa ittisa haleellaa qilleensaa Ameerikaa ‘Terminal High Altitude Area Defense-THAAD’ jedhamu argachuuf, ykn ittisa misaa’ela farra baalistikii Paatriyoot jedhamuu fooyyessuuf barbaaddi.

Puutin Jimaata darbe akka himetti, misaa'eloonni haaypersoonikii Oreshnik saffisa sagalee dachaa 10 qaba, misaayila kana akka oomishamu ajajeera.

Yuukiren misaayila Raashiyaatti dhukaasteef kun deebii akka ta'e Puutin kanaan dura dubbataniiru.

Haleellaa Kamisa darbe Diniprootti raawwatame namoonni argan waan addaati jedhan, dhohinsa isaa sa'aatii sadiif itti fufeera jedhan.

Haleellaa misaa'ela Raashiyaa kana booda qondaaltonni Yukireen misaa'elichi baalistikii ardii qaxxamuru (ICBM) ta’uu hin oolle jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojii gaggeessaan olaanaa fi hundeessaan dhaabbata gorsaa dhimma balaa Jastiin Kiraamp BBCtti akka himetti, Mooskoo haleellaa kana akka akeekkachiisaatti itti fayyadamuu hin oolle.

Misaa’elich - saffisaa fi ammayyaadha- dandeettii ittisa haleellaa qilleensaaYukireeniif rakkoo uumu qaba jedha Jastiin Kiraamp .

Waraanichi hammaachuun hordofee torban kana keessa hoggantoota biyyoota addunyaa biroo waraanni Yukireeniifi Raashiyatti itti adeemaa jirurratti yaadda’u himan.

Ministirri Muummee Poolaandi Doonaald Taask waraanni kun sadarkaa murteessaarra qaqqabeera jechuun ibse- waraanichi waraana sadarkaa idil-addunyaatti geeddaramu mala jedhe.

Ministirri Muummee Haangaarii Viktor Orbaan gama biraatiin ''imaammanni Raashiyaan adda durummaan humna waraanaa irratti waan hundaa'uuf'' biyyoonni Lixaa akeekkachiisa Vilaadmiir Puutin fudhachuu qabu jedhe.

Hoggaanaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un balaan waraana niwukilaraa yeroo kamiyyu caala amma jabaachu kaasuun, Ameerikaan imaammata "diinummaa'' Piyoongiyaang irratti hordoftii jechuun himatera.

Kooriyaan Kaabaa loltoota kumaatamaan lakkaa’aman Raashiyaaf akka lolan ergitetti.

Humnoonni Yukireen loltoota Kooriyaa Kaaba waliin bulchiinsa Raashiyaa Kuriskitti wal loluusaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden Mooskoon loltoota Kooriyaa Kaabaa Kuriskitti bobbaasu hordofuun, Yukireen misaa’ela Ameerikaa fageenya dheeraa qabu-Atacms Raashiyaatti akka dhukaastu eeyyamaniiru.