Misaa'eloonni Storm Shadow maali, attamiin Yukireeniif murteessoo ta'an?

Madda suuraa, Getty Images
US fi UKn misaa’ela fageenya dheeraa Yukireen akka Raashiyaa keessatti bakka irratti xiyyyeeffatterratti akka hin fayyadamneef dhorkanii ture guyyoota muraasa keessatti kaasuuf akka qophaa’an agarsiiftuun ciccimoon mul’ataa jiru.
Yukireen torbanoota hedduudhaaf dhorkaan meeshaa kana akka hin fayyadamne irra kaa'ame akka ka'uuf kadhachaa turte.
Misaa'eliin kun Storm Shadow jedhama.
Biyyoonni lixaa maaliif hayyamuuf fedhii dhaban? Misaa’eloonni kunneen waraana kanaaf garaa garummaa akkamii fiduu danda’u laata?
Misaa'elli Storm Shadow maalidha?
Storm Shadow'n Kiruus misaa'el Anglo-French kan ta'eefi fageenya dheeraa gara naannoo kiilomeetira 250 (maayilsii 155) furgugfamuu kan danda'udha. Warri Faransaay Scalp jechuun waamu.
Misaa'eliin kun xiyyaara irraa kan furguggifamu yoo ta'u sana booda, saffisa sagalee fakkaatuun balali'uun fageenya imaluun bakka itti xiyyeeffate qaqqabuun dhoo'insa ol'aanaa uma.
Storm Shadow'n meeshaa gaarii akka ta'eefi man-kusaalee rasaasaa, kanneen Raashiyaan waraana Yukireen irratti fayyadamtuu keessatti itti fayyadamte keessa seenuuf gargaaruutti ilaalama.
Haata'u malee, tokkoon tokkoon misaa’ela gosa kanaa gara doolaara Ameerikaa miiliyoona 1 (£767,000) kan baasu waan ta’eef, akkuma Raashiyaan Yukireen irratti gootu sanatti, ittisa qilleensaa diinaa raasuufi dursanii diroonii baay’ee gatii salphaa ta’e of eeggannoodhaan karoorfachuun erganii sanatti furguggifamuuf kan ta'udha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biriteeniifi Faransaay duraanuu misaa'eloota kana gara Yukireenitti erganiiru, haata'u malee, Yukireen of eeggannoo daangaa mataashee keessatti qofaa dhukaasuu akka dandeessuu akeekkachiisuun.
Meeshaaleen kunneen waajjira muummee humna Galaana Raashiyaa Bilaak Siir kan Sevastopol'tti argamu heleelluun guutummaan Kiriimiyaa humna galaanaa Raashiyaatiif akka bakka nagaa hin qabne taasisaa tureera.
Xiinxalaan waraanaafi qondaalli duraanii Waraana Biriitish, akkasumas hoji-gagggeessaan dhaabbata gorsaa Sibylline, Jastiin Kiraamp akka jedhutti, Storm Shadow Yukireeniif meeshaa waraanaa bu'a qabeessa ta'edha.
Bakka Raashiyaan daangaashee keessatti qabattee jirtutti bakka feete sirriitti adda baastee ittiin haleelaa turteetti jedha ogeessi kun.
"Kiiv [meeshaa] kana Raashiyaa keessatti fayyadamuuf gaafachuun kan nama ajaa'ibu hin ta'u, keessumaa dhiyeenya kana humna Yukireen adda waraanaa jiru akka fuulduratti hin deemne godhe dirree xiyyaaraa haleellaan boombii irraa ka'ee rukkutu irratti xiyyeeffachuuf gargaara," jedhe.
Yukireen maaliif amma barbaadde?
Magaalonni Yukireeniifi addi waraanaashee haleellaa guyyaa guyyaan Raashiyaan irratti raawwattu jala jira.
Misaa'eloonni baayyeefi boombiin buufata waranaa, gamoowwaniifi manneen, akkasumas hospitaalotarratti rooban xiyyaara Raashiyaa fagoo Raashiyaa keessaa ka'anidha.
Kiiv ammoo osoo kun irra gahaa jiruu harka tokkoon hidhameen harka biraanan waraanaa jira jechuun meeshaan warra lixaa kun akka fayyadamtuuf hayyamamuuf gaafachaa jirti.
Koraa nageenyaa Globsec Piraaguu ji'a kana ani irratti hirmaadherratti buufanni humna qilleensaa Raashiyaa namoota nagaa Yukireen caalaa eegumsi taasifamaaf. Kun ammoo sababa dhorkaa meeshaa kana fayyadamuutiinidha.

Madda suuraa, Getty Images
Yukireen sagantaa dironii ofiishee kalaqattee, bu'a-qabeessa ta'e fagoo deemuu danda'u ni qabdi.
Dirooniiwwan Yukireen kunneen yeroo tokko tokko kiiloomeetira baayyee Raashiyaa keessa seenuun fageenyarratti haleelu.
Haata'u malee, waan guddaa hin baatani, akkasumas yeroo baayyee argamanii ni qolatamu.
Haleellaa qilleensa Raashiyaa kana ofirraa deebisuudhaaf Kiiv misaa'elii fagoo deemu akka ishee barbaachisu dubbatti. Kun ammoo warra akka Storm Shadowfi sistemoota dorgomoo ta'an warra akka Atacms Ameerikaa kan hnaga kiiloomeetir 300 deemu dabalata.
Warri Lixaa maaliif kennuuf harkifatan?
Salphaamatti jecha tokkoon ibsuuf: hammeessuu.
The fear in the White House is that hardliners in the Kremlin could insist this retaliation takes the form of attacking transit points for missiles on their way to Ukraine, such as an airbase in Poland.
Sodaan Waayit Hawus aanga'oonni Kireemiliin dubbii hammeessan kana sababa gochachuun darbanii Yukireeniin haleella jedhanii tuura misaa'eloyaa kanneen akka buufata xiyyaaraa Polaan keessa jiru haleeluu danda' kan jedhudha.

Madda suuraa, EPA
Sun mudatee jennaan ammoo, Keewwanni NATO 5 hojiirra ooluu danda'a jechuudha. Keewwanni NATO 5 kun ammoo biyyoonni michoota NATO Raashiyaa waliin waraanatti seenu jechuudha.
Erga Guraandhala 24, 2022 Raashiyaan waraana guutuu Yukireen irratti bantee, kaayyoon Waayit Haawus osoo kallattiin Mooskoo waliin waraanicha keessa hin seeniin hanga danda'ame gargaarsa taasisuudha. Kallattiin keessa seenuun US ammoo dubbii hammeessee hanga nuukilara walitti dhukaasuutti gahuu danda'a sodaa jedhu uumeera.
Storm Shadow jijjiirama akkamii fiduu danda'a?
Hanga tokko jijjiirama ni fida, garuu dhimmi rakkoo ta'e turuu isaati. Kiiv yeroo dheeraaf misaa'eloota biyyoota Lixaa daangaa Raashiyaa keessa seenuun fagoorratti haleelan fayyadamuuf gaafachaa turteetti. Amma ammoo Mooskoonis meeshaan Yukireen gaafattu kun dhorkaan kaa'amee ture ka'ee hayyamamuu mala jechuun of eeggannoo taaisaa jirti.
Meeshaalee ittiin boombii dhukaasan, misaa'elootaafi bu'uuraaleen tokko tokko daangaa Yukireen irraa gara duubaatti deebisuun fageenya misaa'eliin Storm Shadow jedhamu kun hin qaqqabne geessaa jirti Raashiyaan.
Jastiin Kiraamp akka jedhutti humni ittisa qilleensaa Raashiyaa sodaa Storm Shadow kana Yukireenuma keessatti qolachuuf qophaa'us, akka yaade waan hin taanee itti ulfaachuu danda'a. Kun ammoo daangaan Mooskoo bal'aa waan ta'eef haleellaaf saaxilamuu ni danda'a.
"Kun loojistikii waraanaa dhiyeessuu, ajajaafi to'annoo, akkasumas deeggersa qilleensaa dhiyeessuu rakkisaa taasisa.
Humni xiyyaaraa Raashiyaa sodaa misaa'ela kanaarraa kan ka'e karaa adda waraanaa Yukireen jiruun duubatti deebi'us, yeroo fudhatuufi baasii baasuun ammallee rakkoon isa mudachuun hin oolu."
Dhaabbara Rusii jedhamutti daarektarri saayinsii waraanaa Maatiw Saviil dhorkaa fayyadama meeshaa kanarra kaa'ame kaasuun Yukireeniiif faayidaawwan gurguddoo lama qaba jedhee amana.
Inni tokkoffaan, sirni biraan, Atacms kan jedhamu akka "banamu" gochuu danda'a.
Inni lamaffaa ammoo, meeshaaleen humna ittisaa gati jabeeyyii ta'an kanneen eessa tti akka kuusu ilaalchisee gaaffii itti uumuu danda'a.
Kun ammoo dirooniiwwan Yukireen salphaatti akka seenan salphaa taasisuuf danda'a.
Walumaagalatti garuu jedha Saviil, Storm Shadow jijjiirama guddaa carraan inni itti fiduu danda'u xiqqaadha.












