Biyyoonni Lixaa meeshaalee waraanaa akkamii Yukireeniif dhiyeessan?

Jeettii waraanaa F-16 warri lixaa Yukireeniif arjooman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota F-16 Yukireeniif kennan keessaa tokko Beelijiiyeem

Yukireen jeettii waraanaa F-16 kan biyyoonni Lixaa kennaniif isa jalqabaa waraanaaf bobbaasaa turte.

Kiiv dhuma bara 2025tti jeettiiwwan waraanaa 65 fi isaa ol akka argattu abdii qabdi.

Akkasumas, erga Kongireesiin gargaarsa waraanaa doolaara biiliyoona 61 kan yeroo baayyee harkiifate raggaasisee booda US irraa dhiyeessii meeshaa waraanaa haaraa argataa jirti.

Ofii meeshaalee waraanaa dhiheenya Yukireeniif kennamee kamidha?

Dhuma baatii Hagayyaarratti, Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin humni qilleensaa isaanii kennaa xiyyaarota waraanaa F-16 kan marsaa jalqabaa biyyoota lixaarraa akka isaan qaqqabe beeksisaniiru.

Xiinxaltoonni waraana qilleensaa, xiyyaaronni Ameerikaan hojjetaman keessaa kan gara 10 ta'an akka qaqqabaniifi kanneen biroo 10 ammoo dhuma bara 2024tti akka dhiyaatan himan. Kanneen hafan bara 2025'tti akka ergamu dubbatu.

F-16 jeettii waraanaa

Yukireen Guraandhala 2022 battaluma Raashiyaan weerara raawwattee yeroo muraasa booda kaasuun michoota ishee jeettii F-16 gaafachaa turte.

Biyyoonni Awurooppaa afur: Beeljiyeem, Deenmaark, Nezerlaandiifi Noorweeyeen xiyyaarota F-16 kan US irraa bitatanii fi bakka buusuuf yeroonsaa gahaa jiru akka kennaniif yaada dhiyeessan.

Caamsaa bara 2023 keessa ammoo, prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan xiyyaarota kanneen dabarsanii biyya alaatti akka erguuf hayyama isaaniif kenne.

Erga yeroo sanaatii kaasees, balaliistonni Yukireen akkaataa itti jeettiiwwan kanneen balaliisan barachaa jiru.

Dhaabbata Rooyaal Yunaayitid Sarviiz Inistiitiyuutii irraa Piroofeesar Jastiin Biroonk akka jedhanitti, dhaabbanni ittisa Biriteen, xiyyaaronni F-16 adda durummaan diroonii Raashiyaa fi haleellaa misaa’ela kiruuzii bakka waraanaa fi siiviilii irratti raawwatu irraa ittisuuf kan oolaniidha.

Haa ta’u malee, Giddu-galli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa Ameerikaa keessatti argamu akka jedhutti, kanneen akka:

  • Sirnawwan ittisa qilleensaa Raashiyaa, wiirtuuwwan ajajaa fi kuufama dhiyeessii irratti haleellaa raawwachuuf,
  • Xiyyaarota Raashiyaa naannoo qilleensaa Yukireen keessatti bobbaasuuf,
  • Humnoota lafa irraa lola irratti deeggarsa dhiyeenyaa ni kennuuf ni oolu.

Biyyoota lixaa meeqatu Yukireen gargaare?

Baatii Guraandhala 2022 fi dhuma ji’a Waxabajjii 2024 gidduutti, Ameerikaan meeshaalee waraanaa fi qawwee gatii doolaara biiliyoona 56.9 qaban Yukireeniif dhiyeessuuf ykn kennuu ishee dhaabbanni qorannoo Jarmanii Institiyuutiin Keel ibseera.

Jarmaniin ammoo meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 11.3 baasuu, UK'n doolaara biiliyoona 9.8, Deenmaark doolaara biiliyoona 7.1, Nezerlaandiif ammoo doolaara biiliyoona 4.9 akka kennan Inistiitiyuutiin Diinagdee Addunyaa Keel ibseera.

Biyyoota deeggarsa waraanaa olaanaa Yukireeniif kennan
Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota deeggarsa waraanaa olaanaa Yukireeniif kennan

Eenyutu gargaarsa dabalaa jira, eenyutu hir'isa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ganna bara 2023 fi 2024 keessa, sababii Kongireesiin seera gargaarsa waraanaa dabalataa kennuu raggaasisuu dideef, dhiyeessiin meeshaa waraanaa Ameerikaa Yukireeniif dhaabate ture.

Kunis hanqina meeshaa waraanaa keessumaa, rasaasa meeshaa waraanaa - kan uume yoo ta'u, kanaanis humnoota Yukireen baha biyyattii keessa duubatti akka deebi'an taasiseera.

Waraanni Ameerikaa akka jedhutti, erga Eblaa kan labsiin gargaarsa waraanaa haaraan Kongireesiin itti ragga’e irraa eegalee, sirni ittisa qilleensaa, meeshaaleen dhokaafaman fi misaa’eloonni fageenya dheeraa sirritti qajeelfaman ammas adda waraanaatiif dhiyaachaa jiru.

Haata'u malee Yukireen Jarman irraa oduu gaarii hin dhageenye. Motummaan biyyattii waggaan deeggarsa waraanaa doolaara bilbiyoona 8.7 dhiyeessaa ture amma Adooleessarraa kaasee gumaachasaa akka haabu hime.

Erga yeroo sanaatii asis gaaffii gargaarsaa dhiyaateef haaraa diduun gabaafameera.

Jarmaniin Yukireen maallaqa sagantaa garee biyyoota G7n ​​bakka isaa walitti qabaa jiru irraa argachuu dandeessi jetteetti. Kunis dhala qabeenya Raashiyaa dhorkame irraa argamu irraa doolaara biiliyoona 50 walitti qabuuf kan qophaa’edha.

Guraandhala bara 2024 keessa, Gamtaan Awurooppaa, erga Haangaariin waliigaltee kana ugguruu dhiistee booda. Yukireeniif gargaarsa dabalataa Yuuroo biiliyoona 50 (Doolaara biiliyoona 55) kennuuf irratti waliigalan.

Biyyoonni lixaa meeshaa attamii Yukireeniif kennan?

Meeshaalee farra-taankii

Biyyoonni Lixaa weerara Raashiyaan Guraandhala 2022 raawwatteef humna waraanaa Yukireen meeshaa ittisaa kennuudhaan, birgeediiwwan hidhannoo Raashiyaa akka qolatan gochuun deebii kennan.

US fi UK'n misaa'ela farra taankii Javelin fi Nlaw jedhaman kumaatamaan lakkaa'aman dhiyeessaniiru.

Isaan kunneenis tarkaanfii humnoonni Raashiyaa Kiiv irratti taasisan dhaabuuf murteessoo akka ta’aniitti fudhataman.

Farra taankii
Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa farra taankiiwwan

Sirnoota ittisa qilleensaa

Ol’aantummaa qilleensaa Raashiyaa fi haleellaa diroonii fi misaa’elaa magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa Yukireen irratti raawwattu qolachuuf biyyoonni Lixaa Yukireeniif sirna ittisa qilleensaa gosa hedduu erganiiru.

Meeshaaleen kunneenis, meeshaa farra xiyyaaraa fageenya gabaabaa UK, Starstreak jedhamu irraa kaasee hanga sirna misaa'elaa Paatriyootaatti kan argamanidha.

Meeshaa farra misaa'elii

Paatriyootii tokkichasaa hojjechuuf baayyee qaaliidha - misaa'elli tokko gara doolaara miiliyoona 3 baasisa.

Sirni kun attamiin akka hojjatu

US fi Noorweeyis ittisa qilleensaaf kan oolu Nasams (National Advanced Surface-to-Air Missile System) kan jdhamu kan dhiyeessan yoo ta’u, Jarmaniin ammoo Iris-T kenniiteetti.

Meeshaa waraanaa fi misaa’ela

Raashiyaan ega Kiiv irraa gara duubatti deebiteen booda, waraanni kun baha biyyattii irratti xiyyeeffate.

Ergasii asis gama lachuunuu meeshaa waraanaa fi misaa'elootatti baay'ee fayyadamaa turan.

Howtizr 777

Biyyoonni Lixaa qawwee Ameerikaan hojjetame M777 howitzer dabalatee, meeshaa waraanaa dhoka'an 620 ol Yukireeniif erguusaanii Inistiitiyuutiin Kiil ibseera.

Akkasumas Himaar fi sirna rookkeettii M270 dachaa furguggifamuu, dabalatee sirna misaa'ela 82 kennaniifiiru.

Yukireen misaa'ela fageenya dheeraa furgugfaman kan akka Scalp Faransaay irraa fi Storm Shadow UK irraa argatteetti.

Akkasumas US baalistik miisaa'elii ATACMS fageenya dheeraa, kan maayilii 190 (300km) deemuu danda'us Yukireeniif dhiyeessiteetti. Ebla 2024 dura, kan fageenya gabaabaa furgugfamu qofa dhiyeessaa ture.

Ji’a Hagayyaa 2023 keessa, US loltoota Raashiyaa bakka ittisaa irraa buqqisuuf gargaaruuf jecha boombii kilaastara Yukireeniif dhiyeessiteera jetteetti.

Meeshaaleen waraanaa kunneen irra caalaasaanii rasaasa meeshaa waraanaatiin kan dhiyaatan yoo ta’u, boombii dachaa kan facaasaniifi balaa namoota nagaa irratti fidan irraa kan ka’e biyyoota 100 ol ta’aniin dhorkamaniiru.

Taankii

Jalqaba bara 2023tti, biyyoonni Lixaa taankii gara Yukireen erguuf waliigalan. Humnoonni Yukreen sarara ittisa Raashiyaa cabsanii haleellaa dura dhaabbannaatiin loluu ni dandeessisa jedhamee abdatama ture.

UKn Challenger 2s 14 dhiyeessitee turte.

Taankii Chaalleenjerii
Ibsa waa'ee suuraa, Taankii Chaalleenjer

US taaknii Abrams 31ergite, biyyoonni Awurooppaa ammoo taankii Leopard 2 kan Jarman keessatti hojjetame 104 Yukireeniif erguu isaanii oddeeffannoon Inistiitiyuutii Kiil irraa argame ni mul’isa.

Loopaard 2

Taankiin Ameerikaan hojjatte M1 Abrams kan addunyaa irratti sadarkaa olaanaa irra jiru ta'uun ibsameera.

M-1 Abraams

Haata'u malee, hidhannoowwan hammayyaa kunneen tokkollee Yukireen bara 2023 keessatti boqonnaa cimaa akka argattu hin dandeessifne.

Dirooniin

Dirooniin waraana kana hunda keessatti hordoffiidhaaf, xiyyeeffannaadhaaf, misaa'ela furguggisuu fi akka meeshaa waraanaa "kamikaze"tti baay'inaan mul'ateera.

Turkiyaan jalqaba waraana kanaarratti diroonii misaa'ela dhukaasu Bayraktar TB2 kan dhiheessite yoo ta'u, US diroonii kamikaze "Switchblade" kennite. Biyyoonni hedduun ammoo diroonii to'annaa daldalaa kan akka Chaayinaan hojjetame DJI Mavic 3 erganiifi ture.

Guraandhala bara 2024 irraa eegalee, tokkummaan biyyoota Gamtaa Awurooppaa fi UKn, bakka diinni jiruu fi konkolaattota hidhannoo qaban adda baasuuf jecha, dirooniiwwan xixiqqoo "first person view" kumaatamaan lakkaa'aman Yukireeniif dhiyeessuuf karoorsuu jalqaban.