Loltoonni Kooriyaa Kaabaa yeroo jalqabaaf loltoota Yukireen waliin wal waraanan

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky loltoonni Kooriyaa Kaabaa gara 11,000 ta’an naannoo daangaa Raashiyaa Kursk keessa akka jiran himan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan faayila iirraa fudhatame

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa yeroo jalqabaaf loltoota Yukireen waliin walitti bu’uu isaanii qondaaltonni olaanoo Yukireen ifa godhaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Yukireen Rustem Umerov gaaffii fi deebii miidiyaa Kooriyaa Kibbaa KBS jedhamu waliin taasisaniin ''garee xiqqaa loltoota Kooriyaa Kaabaa irratti haleellaan raawwatame" jedhan.

Hogganaan Yukireen Volodiymiir Zelenskiiy kanaan dura biyyoonni dhihaa loltoota Kooriyaa Kaabaaf deebii kennuu dhabuu isaanii balaaleffatanii, ''lola jalqabaa Kooriyaa Kaabaa waliin taasifamu kunniin addunyaa irratti boqonnaa haaraa tasgabbii dhabuu banuu malas'' jedhan.

Kooriyaan Kibbaa gama isheen ''loltoonni gama lachuu kallattiin lola irratti hirmaataniiru jedhee hin amanu'' jetteetti, garuu ''taateewwan loltootni Kooriyaa Kaabaa lakkoofsaan muraasa ta'an fuulduratti ba'an hirmaachise akka jiran ibsiteetti.

Yukireen loltoonni Kooriyaa Kaabaa 11,000tti tilmaamaman naannoo daangaa Kurisk keessa naannawa loltoonni lafoo Yukireen buufatan akka jiran dubbatteetti.

Torbanoota darban keessa dhaabbileen basaasaa Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa, akkasumas NATO'n waraanni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaa keessatti hirmaachuu isaa ragaa jiraachuu ibsaniiru.

Garuu Moskoo fi Piyoongiyaang himannaa kamiifuu hanga ammaatti kallattiin deebii hin kennine.

Qondaalli olaanaa farra odeeffannoo sobaa Yukireen Andriy Kovalenko akka jedhanitti Kooriyaa Kaabaa ''kutaaleen waraanaa jalqabaa Kuriski keessatti dhukaasa jala galaniiru'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaaffii fi deebii miidiyaa Kooriyaa Kibbaa KBS waliin taasisaniin, Rustem Umerov kana mirkaneessuun, loltoonni Kooriyaa Kaabaa ''lakkoofsi guddaan'' lola irratti akka hirmaatan ni eegama jedhan.

Haa ta'u malee ''hanga ammaatti hirmaannaa guutuu utuu hin taane hirmaannaa xixiqqoo qofatu taasifamee'' jedhe. Irra caalaan isaanii ammallee leenjii fudhachaa akka jiran itti dabaluun dubbataniiru.

''Uffata [loltoota] Raashiyaa uffataniiru, leenjii tooftaa fudhachaa jiru, ajaja adda addaa waraana Raashiyaa jalatti sarara fuulduraa irratti hirmaachuuf jiru,'' jedhan Umerov.

Kutaalee waraanaa shan keessatti tokkoon tokkoon isaaniif loltoota gara 3,000 ta'an dirree waraanaa kana keessa bobbaafamuu akka hin oolles ibsan.

Haleellaa fudhatameenis miidhaan lubbuu gahuu fi dhiisuu isaa hin kaasne.

Zeleniskiin Roobii darbe haasawa viidiyoo guyyaa guyyaan kennaniin, Yukireen ''addunyaa waliin hojjettuuf tarkaanfii Raashiyaa waraana babal'isuuf gootu lamaan isaaniif(Raashiyaafis Kooriyaa Kaabaa) kufaatii akka ta'u akeekkachiisan.

Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii wayita viidiyoon ibsa kennan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan faayila iirraa fudhatame

Tarkaanfiin akkanaa Kooriyaan Kaabaa fudhachuu gabaasaleen ba'uu hordofee, Kooriyaa Kibbaa keessatti sodaa uumera, waldhabdee gama lamaan jidduu jiru akka bifa haaratti ka'uu carraa uumuu mala jedhamees sodaatama

Dhuma baatii darbee Kooriyaan Kibbaa (Seoul) loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen keessaa ''hatattamaan akka ba'an'' gaafachuuf ambaasaaddara Raashiyaa waamtee turte.

Akkasumas kallattiin Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiyeessuuf yaadaa akka jirtu akeekkachiifterti.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti Piyoongiyaang kaffaltii argachuu akka dandeessu, ykn loltoota kanaaf jijjiirraa teeknooloojii waraanaa Raashiyaarraa argachuu akka maltu ibsuu.

Guyyaa Roobii darbe miseensonni mana maree Raashiyaa waliigaltee ittisa waliinii Kooriyaa Kaabaa waliin taasifame raggaasisuuf sagalee kennan. Yaadni kunis yeroo jalqabaaf kan dhiyaate yeroo prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin baatii Waxabajjii keessa daawwannaa Piyoongiyaangitti taasisan ture .

Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa biyyoota lamaan keessaa tokko irratti "weerarri biyya biraa" yoo raawwatame akka wal gargaaran waadaa galanii turan.