Kooriyaan Kaabaa misaa'ela ardii qaxxaamuru dhukaaste

Madda suuraa, Reuters
Kooriyaan Kaabaa bilastik misaa'elii ardii qaxxaamuru dhukaasuu Jaappaanifi Kooriyaan Kibbaa ibsan.
Misaa'elli Kooriyaan Kaabaa dhukaaste kun bakka itti qiyyaafatame dhaqqabuuf daqiiqaa 86 imale jedhame.
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela ardii qaxxaamuru (ICBM) kan dhukaaste har'a yoo ta'u, yeroo walitti dhufeenyi isheen Kooriyaa Kibbaa waliin qabdu caalmatti hammaatettiidha.
Piyoong Yaang yeroo filannoon Ameerikaa gaggeeffamuuf jedhutti balistik misaa'elii dhukaasuf akka karoora qabdu Kooriyaan Kibbaa kaleessa akeekkachiistee turte.
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela fageenya dheeraa imalu dhukaasuu hordofee US dheekkamte.
Kuni "murteewwan Mana Maree Nageenyaa heddu cabsuun tarkaanfii maal na dhibdeedha" jette.
"Kooriyaan Kaabaa jireenya lammiileeshee fooyyessuurra meeshaa badii guddaa qaqqabsiisu gabbisuu kaayyooshee godhachuu itti fuftetti," jedhan dubbi himaa Nageenya Biyyaalessaa Waashingtan kan ta'an Siin Saaveet.
Piyoong Yaang baalistik misaa'ela ardii qaxxaamuru akka hin omishneefi qoqqobbiiwwan garaa garaa UN irra kaa'era. Isheen garuu kanaaf waan gurra laatte hin fakkaattu.
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un erga Mudde, 2023 as har'a yeroo jalqabaf misaa'ela ardii qaxxaamuruun fageenya dheeraa imaluu danda'u kan dhukaasan.
Kooriyaan Kaabaa kanaan duras misaa'elawwan Ameerikaa qaqqabuu danda'an omishaa turte.
Ollaa Kooriyaa Kaabaa kan taate Jaappaan sochii Kooriyaa Kaabafi misaa'ela isheen dhukaastee hordofaa akka turte beeksite.
Piyoong Yaang misaa'ela ardii qaxxaamuru erga dhukaastee booda, qondaalonni Kooriyaa Kibbaafi US wal-arguun "tarkaanfin garaa garaa akka fudhatamuuf mariyataniiru" jechuun ibse Ministeerri Ittisaa Kooriyaa Kibbaa.
"Bilaastik misaa'elaa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee michoota keenya USfi Jaappan waliin odeeffannoo waan waliif qoonnuf waraanni keenya qophii gahaarra jira," jedha ibsi waraana Kooriyaa Kibbaa kun.
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela dhukaasuu qofa osoo hin taane, loltootashee Raashiyaatti erguun Yukireen akka lolan gochuunis Koriyaa Kibbaafi kaan dheekkamsiisera.
Peentagon akka jedhetti loltoonni Kooriyaa Kaabaa 10,000 Raashiyaatti ergamaniiru.












