Kiim Joong Un Puutin fi hoggantoota biroo waliin agarsiisa waraanaa Chaayinaarratti argamuuf

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un torban dhufu Beejiingitti agarsiisa waraanaa irratti akka hirmaatan ministeerri dhimma alaa Chaayinaa beeksiseera. Kun ammoo hogganaa kanaan sadarkaa idil-addunyaatti walgahii hoggantootaa waliin yeroo taasisu isa jalqabaa ta'a jedhamee amanama.
Agarsiisni "Guyyaa Injifannoo" jedhamu kun waggaa 80ffaa waraana Chaayinaan Jaappaan irratti geggeessiteefi xumura Waraana Addunyaa Lammaffaa kabajuuf kan qophaa'edha.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutinis hoggantoota biyyoota 26 saganticha irratti ni argamu jedhamee eegamu keessaa tokko yoo ta'u, kun kan ta'e pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Kiim waliin wal arguu akka barbaadan erga dubbataniin guyyoota muraasa boodadha.
Chaayinaan meeshaalee waraanaashee haaraa xiyyaarota, taankii fi sirna farra diroonii dhibbaan lakkaa'aman dabalatee agarsiifti jedhamee eegama. Yeroo jalqabaatiif caasaan humna waraanaa haaraan waraanashee guutummaatti agarsiisa irratti ni dhiyaatu jedhamees eegama.
Agarsiifni waraanaa baay'ee koreegiraafii ta'e kun loltoonni sadarkaalee waraana Chaayinaa gara garaa 45 keessaa, akkasumas hojjettoonni waraanaa kuma kudhaniin lakkaa'aman Addabaabayii Tiyananmen irratti bahanii kan agarsiisan ta'a.
Agarsiisni daqiiqaa 70f turu kun pirezidantii Chaayinaa Shi Jinpingiin kan qoratamu yoo ta'u, xiinxaltoonniifi humnoonni dhihaa dhiyeenyaanni daawwatu jedhamee eegama.
Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa Kamisa darbe ibsa gaazexeessitootaaf kenneen michuu dhiyoo Piyoongiyaang keessaa tokko kan taate Beejiing, ollaashee waggoota 20 o darbaniif ''michummaa aadaa'' qabaachuusaanii jajachuun biyyoonni lamaan ''nagaa fi tasgabbii naannoo'' irratti wal tumsuu isaanii itti fufu jedheera.
Argamuun Kiim agarsiisa Guyyaa Injifannoo Chaayinaa isa dhumaa bara 2015 turerraa fooyya'iinsa agarsiisa - yeroo sanatti Piyoongiyaang qondaaltota olaanoo ishee keessaa tokko kan ta'e Choe Ryong-hae ergite.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kiim agarsiisa giddugala Beejiingitti qophaa'e kanarratti argamuun pirezidantii Raashiyaa Puutin fi Pirezidantii Chaayinaa Shii cinaa dhaabbachuun carraa suura ka'uu argata.
Garuu Shiiif injifannoo dippilomaasii ijoo ta'a.
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Puutin waliin waliigaltee uumuun waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru xumuruuf yaalaa jiru.
Torban darbe keessas Kiim waliin deebi'ee wal arguu akka barbaadu beeksiseera Tiraamp.
Pirezidantiin Chaayinaa kun tapha kana keessatti kaardii ji'oopoolitikaa ittiin taphatu akka qabu asitti mallattoo agarsiisaa jira. Hoggantoota lamaan irratti kan daangeffamu ta'us dhiibbaa uumurs ni qaba.
Yeroon isaas baayyee murteeessaadha. Pirezidaant Tiraamp dhuma baatii Onkoloolessa keessa gara naannoo sanaa aka deemuu danda'uufi Shii waliin wal arguufis qophii ta'e Waayit Haawus yaada dhiheesseera.
Pirezidantiin Chaayinaa kun pirezidaantii Ameerikaa waliin walgahii kamirrattiyyu kan hirmaatu yoo ta'u, Kiim fi Puutin irraa odeeffannoo guutuu argachuun akka isaan hin hafne ni beeku.
Kiim erga Beejiing daawwatee waggaa jaha ta'eera - yeroo dhumaaf waggaa 70ffaa hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii bara 2019 irratti hirmaate.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa kophaa ta'e kun bara 2018tti yeroo sadii Beejiing daawwateera, kunis yeroo muraasaaf biyya alaa waan imaluuf imala idil-addunyaatiif bara hojiin itti baay'atu ta'eera.
Hoggantoonni biyyoota Lixaa harki caalaan isaanii agarsiisa kana irratti ni hirmaatu jedhamee hin eegamu. Kunis gartokkoon garaagarummaa waraana Yukireen irratti hogganaa Raashiyaa Puutin waliin qabanirraa kan ka'edha.
Jaappaan kanaan duras hoggantoonni biyyoota alaa ''sagalee farra Jaappaan'' qaba jechuun agarsiisa kana irratti akka hin hirmaanne gaafachuun ishee himameera.
Garuu amma gaaffiin Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Jae Myung agarsiisa kana irratti tarii ni hirmaatu kan jedhudha. Kanaanis erga hariiroon isaanii bara 2019 addaan citee as hoggantoonni Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa wal arguuf carraa jalqabaa ta'a.
Lii affeeramee jira, garuu waamicha kana hin fudhanne. Mootummaan nama siyaasaa sadarkaa gadi aanaarra jiru bakka buusee erguuf karoorfatee ture.
Ji'a Waxabajjii keessa kan filataman Lii, Kiim Joong Un waliin haasa'uu fi Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo nagaa uumuu akka barbaadu irra deddeebi'ee dubbateera.
Wixata kaleessaa Lee Pirezidaant Tiraampiin Waajjira Ovaal keessatti yeroo wal argu, Tiraamp Galoo Kooriyaa keessatti akka nama nagaa buustuutti akka hojjetan gaafataniiru. Lee hariiroo Beejiing waliin qabu cimsuu akka barbaadus ibseera.
Garuu Kooroyaan Kaabaa irra deddeebiin Lii qeequun, yaaliin inni gochaa jiru hunda kuffiseera. Kaleessa qofa dhaabbati oduu mootummaa ishee KCNA Lii "nama maraataa atakaaroo uumuu barbaadudha" jedheera.
Lii yoo agarsiisa kanarratti hirmaate qaamaan Kiimitti akka dhihaatu taasisa, garuu tarkaanfii balaa qabudha. Kiim ifatti hogganaa Kooriyaa Kibbaa, ykn namoota siyaasaa ishee kan biraaillee yoo tuffate ykn yoo dide, qaanii guddaa ta'a.
Optikiin Liin pirezidaantota Raashiyaa, Beelaaruus fi Iraan cinatti mul'achuun isaas waan Kooriyaan Kibbaa irraa fagaachuu barbaaddu ta'uu mala. Waajjirri Pirezedaantii Kooriyaa Kibbaa har'a irratti hirmaachuu fi dhiisuu isaa irratti yaada hin kennine.












