Dhimmoota dinqisiisoo waa'ee Koloneel Muhammar Gadaafii muraasa

Madda suuraa, Getty Images
Walakkaa jaarraa 20ffaa keessa siyaasa addunyaa keessatti namoota dhimmi isaanii ijoo dubbii ta'ee darbe keessa tokko Koloneel Muhammar Gadaafiiti.
Namoota baay'ee waa'een Muhammar Gaddafi yoo ka'u kan dafee sammuu isaani keessa dhufu waa'ee gara jabummaa fi abbaa irrummaa isaati.
Waggoota 41 inni Liibiyaa bulchaa ture keessatti, hawaasa addunyaa fi miidiyaalee dabalatee gocha inni dhiittaa mirga namaa irraan gahu,abbaa irrummaa fi deeggarsa shororkeessitootaaf taasisa jedhamuudhan isa himataa turan.
Kaan ammoo hogganaa mul'ata addaa biyya isaa fi Afrikaaf qabu jedhanii isa ibsu. Keessumaa lammiileen Liibiyaa bulchiinsa isaa irraa fayyadamoo ta'an,ammoo hoggansa isaa jajatu.Innis akka hoogganaa Araboota, mootii Afrikaa fi falmaa bilisummaa cunqurfamootaatti of ibsa ture.
Gadaafiin seeneeffama kanaan alas wantoota biroo nama dinqiisiisuu danda'an tarii namootni baay'een hin beekne ittiin yaadatamu danda'u heddu qaba.
Dhugaawwaan dinqisiisoo Mohaammad Gadaafi namootni baay'een hin beekne muraasni kunooti.
Eegdonni isaa hundi dubartootaa

Madda suuraa, Getty Images
Dhuma bara 1970mootaatti Gadaafiin yeroo hedduu uffata isaa calaqqisu addaatti hojjatamuufin fayamee eegdotas dubartootaan marfamee deema ture.
Egdootni isaa Uffata waraanaa uffatan kan maqaa "Amazons" jedhamuufi marshaal aartii leenji'aniidha. .
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartootni kunneen kan eegdotaaf filataman durbummaa qabaachudhaan. Eegdota idilee malee eegdota dubartootaa addatti leenjii olaanaa qabaniifi isa eegan 40'n ol qaba.
Gareen eegdota kunneen eeyyama isaa malee namni kamuu gara isatti akka dhiyaatu hin eeyyaman.
Viidiyoo heddu ilaalame tokko irratti, namoota walitti qabaman keessaa namni tokko harka Gadaafi xuquuf yeroo yaaletti eegdota isaa kessaa tokkoon rukutamuu mul'isa.
Garuu eegdota isaa kanneen waliin walqunnamtii saalaa taasisaa akk turetti hamatama. Dubartii ummata giddutti dubbise ykn arge yeroo biraa deebi'ee arguuf akka haala miijessaniif hojjettoota isaatiif illee mallattoo qaba ture.
Mallattoo sana irratti hundaa'uun, miseensota garee isaa keessa tokko dubartii sana uummata keessa gara cinaatti baasuun gara masaraa Gadaafiitti akk dhuftu affeeraa ykn waamicha taasisaaf.
Hala kanaan dubartoota lakkoofsan heddu ta'an waliin wal qunnamtii saalaa raawwachuudhan maqaan isaa ka'a.
Liibiyaa keessatti ulfa baasuun seeraan nama gaafachiisa ture. Gadaafiin garuu kilinika yaalaa guddaa lafa jalaatti ijaarsisuun hojjettoonni fayyaa ulfa hedduu kan inni itti gaafatamu baasaa akka turan ragaaleen kan ibsan.
Eegdota isaa keessaa kanneen 5'n ta'anis humnaan gudeeddiin ykn miidhaan saalaa Gadaafiidhan ykn ilma Gadaafin irratti raawwatamuu himataniiru.
Gadaafiin haadhawarraa lama kan qabu yoo ta'u. Haati warraa isaa jalqabaa barsiistuu kan turte yoo ta'u, ji'a jahaan booda gargar ba'anii ilma Muhaammad jedhamu tokko waliin qabu. Haadhi warraa isaa lammaffaan, Narsii yoo taatu, haadha ijoollee isaa torbaati.
Akkasumas narsii lammii Yukireen dabalatee jireenyaa isaa keessatti deeggartoota dubaraa isa bira dhaabbatan hedduu qaba ture.
Bakka deemu hundatti dunkaana qabatee deema ture

Madda suuraa, Getty Images
Muhammar Gaddaafi wayita Liibiyaa Tiriipoolii keessa turu mooraa dallaa cimaa qabuu fi yoo rakkoon uumaame ulaa ittiin miliquu heddu qabu keessa jiraachaa ture.
Garuu yeroo biyya alaa deemu hundatti dunkaana rasaasa hin dabarsine qabatee deema ture.
Hoteelota caalaa dunkaana isaa galaana qarqara ykn naannawa gammojjitti dhaabbatutti of amana. Dunkaana isaa kana keessatti keessummoota biyya alaa waliin wal arga, akkasumas ibsa gaazexeessitootaaf kenna ture.
Sababa isaa garuu ifatti dubbatee hin beeku. Haa ta'uu malee dunkaanni isaa kun baay'ee guddaa waan tureef bakka inni deemu hundatti xiyyaara adda ta'een geejjibsifamaa ture.
Wayita walga'ii Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii irratti hirmaatu yeroo baa'ee dunkaana isaa Poorchugaal keessa dhaabee, achiis ganama barii gara Niiwu Yoorkitti balaliʼa. Sana booda gara Poorchugaalitti deebiʼa dukkaana isaa keessa bulaa ture.
Liifti keessa galuu fi xiyyaraan balali'uu sodaata

Madda suuraa, Getty Images
Gadaafiin dunkaana isaa sababni baattatee deemuf tarii tokko liiftii hoteelota gurguddoo keessa seenuu waan sodaatuuf ta'uu mala. Sababa isaa takkaa ibsee hin beeku garuu olk'iinsa baay'ee sodaata ture. Ol ka'iinsaa faana 35 ol qabu darbuu hin fedhu
Namoonni hedduun sodaa kana ni qooddatu, garuu kan Gadaafiin sadarkaa daangaan ol ta'etti mul'ate.
Yeroo danda'etti xiyyaaraan balali'uu irraa of qusata. Liiftiis fayadamuu hin jaalatu. Gamoodhuma ol ka'iinsa guddaa qabu bahuuf heddu rakkata.
Balallii sa'aatii saddeet ol ykn galaana gurguddaa irra isa imalchiisu yeroo baay'ee magalaa tokkotti bu'ee akka boqatu ykn filannoo biraa sodaa isaa kana xiqqeessuuf barbaaduun dirqama.
Kanaaf yeroo Gadaafiin karora imala dheeraa qabutti imala isaa haala kanaan qindeessuuf hojjatoota isaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa ture.
Fakkeenyaaf, imalli inni Liibiyaa irraa gara Niiw Yoorkitti godhe, Poorchugaal keessatti boqonnaa taasisuu qabu dabalata. Kun tarii imala dheeraa sana keessatti sodaa isaa akka salphisuuf isa gargaara.
Kondoliizaa Raayiz akka malee dinqisiifata ture

Madda suuraa, Getty Images
Gadaafiin Ministira Dhimma Alaa duraanii Koondoleezzaa Raayis "dubartii gurraattii Afrikaa jaallatamtuu" jechuun waamu.
Raayis bara 2008 Tiriipooliitti wayita daawwannaa taasisan faayaa miidhaginaa gatii doolaara kuma 200 baasu dabalatee kennaa heddu isheef kenneera.
Haata'u malee, hammam akka ishee jaalatu kan if ba'e erga inni du'ee suurawwan ishee hedduu yaadannoo isaa keessa argamuudhani.
Albamii suuraa of eeggannoodhaan qindaa'eefi suuraawwan Ruuzii hedduudhaan guutame ture.
Yoom akka dhalatee namni beeku hin jiru

Madda suuraa, Getty Images
Koloneel Mohammed Gaddafi jalqaba bara 1940moota keessa akka dhalate tilmaamama. Garuu maatii gosa Liibiyaa Bedowin kana ragaa dhaloota hin galmeessine keessatti dhalate.
Gosti Gadaafii garmalee harka qal'eeyyii waan turaniif, re'ee fi gaala tiksaa jireenya baay'ee rakkisaa keessa darbe.
Liibiyaa keessatti barnoonni bilisa waan hin turreef, gosa Gadaafii keessaa namni ijoollee isaa gara mana barumsaatti erge hin jiru jechuun ni danda'ama.
Abbaan Gadaafii garuu ilma isaa kana keessatti dandeettii wayii arguun umurii isaa xiqqaatti doonidhaan gara mana barumsaa erge.
Maatii isaa waliin wal qunnamtii qabaachuuf baay'ee fagoo waan tureef naannoo umurii torbaatti Gadaafiin masjiida keessa ciisee barataa ture.
Barataa cimaa ta'uun barnoota sadarkaa lammaffaa booda gara Ingilaanditti imaluun leenjii loltummaa fudhate.
Gadaafiin leenjii loltummaa kan baratuuf mootummaa kuffisuuf qofa akka ta'ellee hin dhoksine.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 1969tti Gadaafiin gamtaa qondaaltota dargaggoota waliin hundeessuun fonqolcha mootummaa raawwate. Wayita sana mootummaan biyyattii yeroo saanaa dawwaannaaf biyya Girik waan hin turreef utuu dhukaasni tokko hin dhukaafamin aangoo qabate.
Erga aangoo qabatanii waggaa tokko keessatti, ammallee gareen qondaaltota mufatan kan biraa fonqolcha mootummaa isarratti raawwachuuf ta'uu odeeffannoo basaasaa argate.
Sanaanis yeroo gabaabaa keessatti gara mootummaa abba irreetti jijjiirame waggoota 40 biyyatti bulche.
Seerota bara bulchiinsa isaa turan muraasa

Madda suuraa, Getty Images
Gaddafiin namni hundi mana argachuun isaaf mala jedhee amana ture. Kitaabni isaa 'The Green Book' kan bu'uuraa falaasama siyaasaa isaa ta'e keessatti, manni jireenyaa fedhii bu'uuraa dhala namaa akka ta'e ibse.
Qajeelfamni kun manneen barnootaa Liibiyaa keessattillee akka qaama kaarikulamii biyyaalessaatti barsiifamaa ture.
Barnoonni fi eegumsi fayyaa lammiilee Liibiyaa hundaaf bilisaan akka kennamu yaalera. Gatiin barnoota fi fayyaa biyyoota Afrikaa fi Arabaa heddu keessatti akka hir'atuu fi sadarkaan isaanii fooyya'uuf gummacha guddaa ba'eera.
Qonnaan bultoonni lafaafi meeshaalee tolaan akka argatan taasiseera. Imaammatni kunis qonnaa guddisuu fi hirkattummaa nyaata biyya alaatii galfamu hir'isuuf kan kaayyeffate ture.
Haadholiin yeroo jalqabaaf da'umsa eegalan deeggarsa maallaqaa doolaara kuma 5 argatu.Kunis nageenya maatii fi tasgabbii dinagdeef akka ta'e ibsame.
Bara bulchiinsa Gadaafii lammiileen humna ibsaa kaffaluuf yaadda'uu hin qaban ibsaan bilisa. kunis mootummata heddu biratti kan baratamne hin turre. Qabeenya boba'aa biyyattiin qabdu irraa dureeyyota biyya alaa har'uun biyyattiin akka ofiif qabeenya ishee kanatti fayyadamtu taasise.
Waa'ee Gadaafii dhimma baay'ee falmisiisaa ta'e keessaa tokko maallaqa Afrikaa warqeen deeggaramu, kan Afrikaan tokkummaa qabduufi maallaqa biyya alaa akka doolaara Ameerikaa ykn Yuuroo irratti hirkachuu dhiistee warqee daldalattu yaada dhiyeesse. Karoorri kun yoo hojiirra oole gabaa addunyaa jeequu fi biyyootni Afrikaa qabeenya isaaniif gatii madaalawaa akka argatan humna kennuu danda'a ture.
Yaadni kun ammoo biyyootni miseensa NATO ta'anii fi Ameerikaan akka isarratti xiyyeefatan isaa taasiseera












