Akkaataa loltoonni Ameerikaa Saadaam Huseen itti qaban yeroo yaadatamu

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Ameerikaatiin durfamu Iraaq irratti gaggeeffame waggaa 20 darbeera. Bara 2003 keessa ture waraanni sun kan gaggeeffame.
Bulchaan biyyattii yeroo sanaa Saadaam Huseen ammoo waraanichi jalqabamee ji'a saddetiin booda Mudde 13, 2003 guyyaa Sambataa bakka dhokatee turee loltoota Ameerikaatiin qabame.
Barbaacha ji'oota baayyeen booda Saadaam Huseen magaalaa dhalootasaa taate Tikriititti dhiyoo jiru al-Dawr keessaa mana qonnaan-bulaa tokko lafa jala dhokatee argame.
"Hundi baga gammaddan! Namicha [Saadaam Huseen] arganneerra," jechuun Paawol Bireemar ibsa Saadaam qabamuu hordofee kenneen. Paawol waraana US booda dursaa mootummaa ce'umsaa Iraaq yeroo sanaa ture.
Namni achi ture ibsa aanga'aa kana dhaga'e hunduu gammachuun sagalee ol fuudhanii iyyan.
"Saadaam Huseen Sadaasa 13, 2003 akka sa'aatii Iraaqitti waaree booda 8:30 irratti Tikriit irraa kiiloomeetira 15 faggaattee kan argamtu Adwaar [mana tokko] lafa jalaa qabameera.
''Ummata Iraaqiif waan tokko jechuun barbaada. Guyyaan har'aa guyyaa yaadatamudha. Nama gara jabeessa kanaan miliyoonaan kan lakkaa'amtan waggoota baay'eef hacuucamaa turtaniittu," jedhe itti fufuun.
Saadaam Huseen kan qabamuu danda'e eeruu loltoota Ameerikaaf kennameen ture.
Loltoonni Ameerikaa gara qe'ee keessa dhokate sana erga deemanii booda boolla xiqqoo mooraa qonnaan-bulaa keessa lafa jala dhokattee jirtu tokko argan.
Loltoonni kunneen fanjii harkatti qabatanii turan gara boollattiitti darbachuuf sekondii qofti yoo haftu Saadaam Huseen boollicha keessaa 'malal' jedhee bahee harka kennate jedha oppereeshinii Saadaamiin barbaachuu kan gaggeesse Koloneel Jaams Hiikii.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Loltoonni Ameerikaa Sambata barii odeeffannoo murteessaa argatanii ture gara qe'ee Saadaam keessa dhokatee turetti kan qajeelan. Odeeffannoo murteessaa kana ammoo kan argatan nama guyyaa dura magaalaa Baagidaad keessatti to'atame tokkodha jedha Koloneel Jaams Hiikii.
Akkuma odeeffannoon sun argameen dukkana barii keessa loltoonni lafoo Birgeedii 4ffaa US bakka dhokachuu danda'a jedhaman lamatti bobba'an.
Ergamni ba'aniifis Saadaam Huseeniin ajjeesuu ykn qabuuf ture. Kallattii lamaan deeman sanaan marsanii cufuun bakka bal'aa sakatta'an.
Kallattii lamaan itti marsan keessaa bakka tokkoo wanti tokkoyyu hin argamne ture.
Bakka lamaffaatii garuu erga marsanii cufanii booda barbaachaafi sakatta'a cimaan osoo taasisaa jiranii mooraa qonnaan-bulaa tokko keessaa godoo xiqqoo sibiilaafi dhoqqeen ijaaramte argan.
Loltoonni of eeggannoon suuta gara mooraa qonnaan-bulaa kanatti siqan. Osoo sakatta'anii loltoonni kunneen boolla supheen ijaaramte kosooftuu garuu keessi ishee hafaa qabdu argan.
Loltoonni boolla kana keessa yeroo ilaalan waan fakkii namaa fakkaatu tokko argan jedha Koloneel Jaams Hiikii.

Madda suuraa, Getty Images
"Harki lama itti aanee mul'ate [boollicha keessaa]. Namni harka baasu kun ammoo harka kennachuu kan barbaadudha," jedhe.
Akka ajajaan waraana lafoo Birgeedii 4ffaa M/Janaraal Raay Odi'ernoo jedhutti, itti aanee Saadaam Huseen miira "aarii" fi "burjaajiin" irraa mul'atuun boolla keessaa bahe.
"Maqaan koo Saadaam Huseen jedhama. Ani pirezidantii Iraaqidha, mariin waliigaluu nan barbaada," jechuun afaan Ingiliziitiin loltoota US'tti dubbate.
Bakka Sadaam Huseen dhokatee ture odeeffannoo murteessaa loltooonni US'f kan kenne lammii Iraaq Dr. Mawufaaq al-Rubaay jedhamu ture.
Dr. Mawufaaq al-Rubaay eenyu?
Loltoonni Ameerikaa nama lammii Iraaq ta'e Dr. Mawufaaq al-Rubaay jedhamu gargaarsa gaafatan. Namni kunis odeeffannoo qabu loltoota US kanaaf kenne.
Bara 1970'oota keessa wayita Saadaam Huseen siyaasa keessa seenetti Dr. Mawufaaq al-Rubaay mana hidhaa ture.
Bara 1979 wayita Saadaam Huseen Pirezidantii Iraaq ta'e Dr. Mawufaaq al-Rubaay baruma sana Iraaq gadhiisee biyyaa bahe.
Waggoota 25 booda biyyatti deebiyee bulchiinsa ce'umsaa Iraaq kan Yunaayitid Isteetiin hundeeffame keessa seene.
Guyyaa Saadaam Huseen to'atame Dr. Mawufaaq al-Rubaay walga'ii tokko keessa ture. Osoo inni walgahii sana keessa jiruu hiriyyaan isaa tokko dhufee oduu Saadaam to'atamuu itti hime.
Waa'ee yeroo sanaa yaadachuun Dr. Mawufaaq al-Rubaay akkas jedha: "Gammachuu guddaanan guutame. Wantan of godhun wallaale.
''Wanti ta'e walga'ii keessa osoon jiruu fuulakoorratti mul'ate. Namoonni walga'icha keessa jiranis battalumatti narratti baran.
"Walga'iin suna yeroodhuma sana dhaabbate, namoonni gammachuun iyyanii utaaluu jalqaban. Abdii tokkotu nutti mullate."
Dr. Mawufaaq al-Rubaay guyyaa sana aanga'oota olaanoo Iraaq biroo waliin Saadaam Huseeniin akka dawwataniif humnootni US isaan gaafate.
"Helekooptaraan gara buufata xiyyaaraa Baagidaad geeffamne. Kaayyoon achi nu geessaniif inni guddaan namni areeda'aa Saadaam Huseen ta'uu isaa akka mirkaneessinuuf ture.
''Iraaq keessatti Kamaandarri US Jeneraal Saancheez deemee isa ilaaluuf fedhii akkan qabu na gaafate," jechuun waan yeroo sana ture BBCtti hima Dr. Mawufaaq.
"Karaa cinaarraan foddaa fuullee keessaan ilaaltamoo ykn bilbilaan itti haasoftamoo ykn kallattiin fuuldura dhabbattee ilaaluu barbaadda jedhee na gaafate.
"Animmoo -lakkin jedhe. Anoo fuulaaf fuulatti isa ilaaluun barbaadan jedhe. Ani isa waliin haasa'een gaaffileen isa gaafachuun barbaada. Ani erga bara 1979 tasa isa hin daganne," jedha Dr. Mawufaaq al-Rubaay.
Haasaa inni Saadaam Huseen waliin taasise
"Mataa gadi qabatee qarqara siree tokkorra taa'a ture. Uffanni isaa irra keessatti jaakkettaa gurraacha, jalatti T-shartii adii uffatee ture.
''Rifeensi mataa isaa irra bahee baay'ee guftaa'eera. Teessuma afuritu nuuf kenname ture.
''Achumaan of beeksifne. Isaan booda ani gaaffiwwan hedduun isa gaafadhe," jedha Dr. Mawufaaq waan yeroo sana yaadatu BBC'tti yeroo dubbatu.

Madda suuraa, Getty Images
"Jalqabarratti kanan gaafadhe Imaam Sadir maaliif ajjeefte? Iraan maaliif haleelte? Kuwetiin maaliif qabatte? Kurdoota maaliif hiite?
''Kibba Iraaq keesatti Shiitaa miliyoonaan lakkaa'aman ajjeefamanni awwalli jumlaan hedduutu jiru, kun maaliif? Namoonni kumaan lakkaa'aman maaliif ajjeefaman? Ani gaaffii hedduun isa gaafadhe."
"Saadaam Huseen gaaffiiwwan koo deebisuu hin barbaadne, guutummaatti gaffilee koo dhiise; yookaan ammoo gochawwan isaa sirrii akka turan mirkaneessuun jechootuma yeroo aangoorra ture jedhu sana dubbate akka ta'utti fudhate.''
Dr. Mawufaaq Sadaam waliin sa'aatii tokkoof kutaa itti hidhame keessa ture. Nama jalqaba seenee garuu dhumarra isa biraa bahe ture.
"Gaaffiiwwan qaban ture osoon hin gaafatiin bahuu hin barbaadun ture. Nama kana osoo ajjeesnee jedhees nan yaade.
''Isaan booda ani deemee oduu gammachiisaa Saadaam kanaa booda hin jiru jedhu deemee itti himuu nan danda'a.
"Booda garuu, sammuukoottin deebiye. Kun garaagarummaa anaafi Sadaam gidduu jirudha. Ummata duratti dhiyaatee akka murtii argatun barbaada - murtii seeraa seenaa Iraaq keessatti boqonnaa haaraa ta'edha."
"Yeroon kutaa mana-hidhaa sana keessaa bahe, hafuuran baafadhe. Akkasin ittiin jedhe - yaa Saadaam Huseen abaarsi Waaqayyoo sirraa haa ta'u! jedheen bahe."
Onkololeessa 2005, qabamee waggaa lama booda jechuudha, Saadaam Huseen Baagidaad keessatti mana murtiitti dhiyaate. Murteen du'aa irratti darbee Mudde 30, 2006 fannifame.
Dr. Mawufaaq yeroo sanatti gorsaa nageenyaa biyyaalessaa Iraaq ture. Yeroo Saadaam ajjeefamus namoota achi turan keessaa tokko ture.















