Ameerikaa: FBI yaalii ajjeechaa Pirezidantii duraanii Joorji W Buush irratti yaadame fashaleesse

Madda suuraa, Getty Images
Namni garee IS leellisu tokko pirezidantii duraanii Ameerikaa Joorji W Buush ajjeesuuf karoorfatee FBI shira kana bira gahuun fashaleessuu aangawoonni Ameerikaa himan.
Shakkamaan kun jiraataa Ohaayoo yoo ta'u, hojii kanaaf hojjettoonni Iraaq Meksikoo irraa gara Ameerikaatti akka seenan barbaade jedhameera.
Amma to'annoo jala kan jiru yoo ta'u, Kibxata darbe mana murtii federaalaa Ohaayootti dhiyaateera.
FBI karoora isaa fashaleessuuf kanneen odeeffannoo kennaniifi hordoffii elektirooniksii fayyadame.
Akka ragaa mana murtiitti, shakkamaan kun Shihaab Ahimad kan jedhamu yoo tahu nama ganna 52 fi lammii Iraaqidha.
Bara 2020 irraa eegalee US keessa kan ture yoo ta'u, koolu-galtummaa argachuuf iyyatee eeggachaa ture.
FBI akka jedhutti, Shihaab miseensa garee Al-Raed jedhamuun beekamu kan teessoo isaa Qataar godhate keessaa akka ta'e madda iccitii kan daddabarsa namaa seeraan alaa hojjetutti himuu argadheera jedhe.
Marii nama madda odeeffannoo FBI tahe waliin godhe irratti Obbo Shihaab pirezidantii duraanii US, Joorji W Buush osoo isaan ''lammiilee Iraaq hedduu hin ajjeesiinii fi Iraaq hin caccabsiin'' dura isaan ajjeesuu akka barbaadaa ture himeera.
Itti dabaluudhaanis, oppireeshinicha irratti dhuunfaan hirmaachuuf akka barbaadaa ture, akkasumas ''yoo du'es akka dhimma itti hin qabne, sababiin isaas kana irrati hirmaachuu isaan qofa akka boonu,'' dubbateera.
Obbo Shihaab baajii poolisii sobaa barbaadaa ture jedhame, akkasumas namootni waraanaa karaa daangaa Meeksikoo qaxxaamuranii oppireeshinicha irratti hirmaachuun akka miliqaniif gaafachaas tureera jedhame.
Namootni lama gara Ameerikaatti galchuuf abdate ergamtoota basaasaa duraanii Iraaq kan hojii ajjeechaa irratti muuxannoo guddaa qabaniidha jedhaman.
Shihaab madda odeeffannoo lammaffaa FBI kan maamila daddabarsa namaa seeraan alaa fakkaachuun hojjetu waliinis wal qunnamaniiru jedhameera.
Namootni lameenuu waan isa waliin dubbatan waraabbataniiru.
Shihaab miseensa garee shororkeessummaati jedhamee himatamuu baatus, tajaajila daddabarsa namaa seeraan alaa fayyadamuun miseensota garee Islaamummaa gara Ameerikaatti galchuuf akka abdatan maddootaa kanneeniif himeera jedhamuun himatame.
Yeroo tokko, Obbo Shihaabii fi namni odeeffannoo qoodeef keessaa tokko waliin konkolaataa isaaniitiin gara Daalaas, Teksaasitti imaluun mana jireenyaa Buush fi dhaabbata Joorji W. Buush viidiyoo kaasuuf yaalaniiru.
Bitootessa bara 2022 kutaa hoteela Kolombas, Ohaayoo jiru tokko keessatti walgahii gaggeessee meeshaa waraanaa fi uffata sobaa seera kabachiisuuf oolu qopheeffachuuf yaadaa turan jedhame.
Amma nama seeraan alaa gara US galchuuf yaaluun hidhaa waggaa 10, yaalii ajjeechaa pirezidantii duraanii Ameerikaa irratti tumsuu fi gargaaruun hidhaa waggaa 20 kan biraan isa eeggata.
Dubbii himaan duraanii Pirezidanti Buush, Buush ''tajaajila Iccitii Yunaayitid Isteetis fi hawaasa keenya seera kabachiisanii fi basaasaa irratti amantaa guutuu qabu'' jedhan.














