FBI odeeffannoo Sawudii fi haleella 9/11 wal qabsiisu gadhiisuu eegale

Ilillii

Madda suuraa, EPA

Dhaabbatni Qorannoo Federaalaa US, FBI, dokimantii odeeffannoo hariroo lammilee Sawudii US keessa jiranii fi namoota haleella 9/11 gaggeessan lama jidduu jiru qoratu dhiyeenya ifa taasifame gadhiiseera.

Maatileen namoota miidhamanii, anga’ooti Sawudii wa’ee haleellaa kana dursanii utuu beekanii garuu dhaabsiuuf hin yaalle himata jedhuun, ragaaleen kun akka gadhiifamaniif yeroo dheeraa gaafachaa turaniiru.

Ta’us garuu odeeffannoon gadhiifame kun haleellaa 9/11 keessatti mootummaan Saawudii hidhata qabachuu isaa irratti raga hin qabu.

Namoota haleellaa kana gaggeessan 19 keessa 15 lammilee Saawudii turani.

Odeeffannoon kun gadhiifamuu isaa dura, imbaasiin aawudii ,Waashingtan jiru murtee odeeffannoo kana gadhiisuu irratti akka walii galuu ibsuun, himatni mootummaan Sawudii kanneen haleellaa gaggeessan waliin hariiroo qaba jedhu “sobaa fi hamaadha” jechuunis ammas haaleera.

Odeeffannoon kun kan gadhiifame wagga 20ffaa haleellaa hamaa US keessatti gaggeeffame irratti yoo ta’u, odeeffannoon dabalataa ni gadhiifamu jedhamee eegama. Haleellaa kanaan erga xiyyarotni afur butamanii lubbuu namoota 3,000 galaafataniiru.

Maatileen namoota miidhamanii tokko tokko, Pirezdaant Joo Baayden yoo odeeffannoo kunneen hin gadhiiu ta’e, kabaja yaadannoo haleellaa kanaa Sanbata Niw Yoorkitti gaggeeffame irratti akka hin argamne gaafachuun dhiibbaa irratti uumaniiru.

Dokumantiin FBI fuula 16 kun, ammayyuu gadi fageenyaan ilaalamaa jira. Dokumantiin kun gaaffii fi deebii madda eenyuummaan isaa adda hin baafamne waliin taasifamee fi hariiroo lammilee Saawudii fi yakkamtoota lamaan, Nawaaf al-Hazmii fi Kaalid al-Mideer irratti hundaa’uuni.

Yakkamtoonni kun barattoota fakkaachuun bara 2000 US seenani. Odeeffannoon FBI akka jedhutti, deeggarsa loojistikii guddaa kan argatana wa’ee Omar al-Bayoomi irrattidha, kanneen ijaan argana akka himanitti namni kun yeroo sanatti barataa ta’uun isaa beekamus, gara imbaasii Saawudii Loos Anjeles jirutti yeroo deddeebi’u argameera.

Maddii kun akka FBI’tti himetti, Bayoomiin imbaaii sana keessatti ‘aangoo olaanaa” qaba ture.

“Baayomiin kan inni Hamzii fi Miidaa gargaara ture, imala, bakka jireenya, afaan hiikuu fi mallaaqaani,” jedha odeeffannoon kun.

Dabalataanis odeeffannoon FBI kun hariiroo yakkamtoota lamaanii fi imaami Masjiira King Fahad, Loos Anjelis jiru Fahad al-Tumaarii jiduu ture agariiseera. Imaamni kun nama “amantaa finxaalessummaa qabu” jedhamuun maddootaan ni ibsama.

Akka gabaasa APtti Obbo Baayoomii fi Obbo Tumaarii haleellaan 9/11 gaggeeffamuu isaa torbanoota dursanii US gadhiisanii ba’ani.

Abukaatoon maatii miidhamtoota 9/11, odeeffannoon gadhiifame kun “falmii yeroo dheeraaf mootummaan Saawudii haleellaa 9/11 keessa harka qaba jechaa turre kan mirkaneessudha,” jechuu isaa AP’n gabaaseera.

Ji’a darbe, himatni firoota midhamtootaan dhiyaate, aanga’ootni duraanii Saawudii akka qorataman taasiseera.

Bulchiinsi Joorji W Buush, Baraak Obaamaa fi Doonaldi Tiraamp hundi isaanii, rakkoo nageenyaa uumuu danda’a jechuun odeeffannoo kana gadhiisuu didanii turani.

Joo Baayden garuu torban darbe ragaaleen qorannoo ilaamee, anga’ootni ji’oota ja’an dhufan keessatti hanga danda’amu akka gadhiisaniif ajajaniiru.

Yakkamtooti haleellichaa hedduun lammilee awudii waan ta’anii fi hdhata Osaamaa Bin Laadin Sawudii waliin qabu irratti hundaa’uun, aanga’ootni Saawudii haleellaa kana keessa harka qabu kan jedhu yeroo dheeraaf shakkiin tureera.

Ta’us garuu, gabaasni 9/11 mootummaan awudii ykn angaa’ootni olaanoo isaa haleellaa kana waliin hidhata qabaachuu isaani irratti ragaa hin arganne.

Yeroo tokko tokko hariiroon isaani rakkoo qabaatus, US fi Saawudii Arabiyaan yeroo dheeraaf waayilota ta’anii turaniiru.

Doonald Tiraamp hariiroo Sawudii waliini cimsee ture, Joo Baayden garuu ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kashoogii keessaa harka waan qabaniif Sawudii qeeqeera.

Erga sanaattii hariiroon biyyoota lamaanii barbaachisaa akka ta’e eeruun Baayden Mootii awudii Mohaammad bin Salman waliin hariiroo qaban sirreesaniiru.