Joo Baayidan: 'Barri Ameerikaan biyyoota biroo ijaaruuf waraanaan duultu xumuramuu agarsiisa'

Madda suuraa, Pireezidant Joo Baayidan
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraanni isaanii Afgaanistaan keessaa bahuun 'barri US biyyoota biroo ijaaruuf duula waraanaa gootu xumuramuu agarsiisa' jedhan.
Ibsa miidiyaaleef kennaniin Joo Baayidan, Afgaanistaan keessatti filannoon qaban ''gadhiisuu ykn hammeessuu'' ture jedhanii adeemsi dachii Afgaanistaan gadhiisanii bahuu ''milkaa'ina guddaa'' ture jechuun ibsan.
Baayidan loltootni isaanii Afgaanistaan keessaa akka bahan murteessanii sochii eegaluu booda Taalibaan saffisa guddaan kutaalee biyyattii to'atee Ameerikaan osoo xaxattee hin bahiin masaraa mootummaa Kaabul jiru to'ateera.
Kun Baayidan irratti keessaafi alaan, michootaa isaaniirraa osoo hin hafiin qeeqa jabaaf kan isaan saaxile yeroo ta'u Baayidan ibsa isaanii Kibxataan murteen isaanii sirrii ta'uu irra deebiin hubachiisan.
Baayidan loltuun isaanii inni dhumaa Afgaanistaanii erga bahee guyyaa tokko booda dhimma kanarratti yeroo dubbatan, yeroo dheeraaf turuun filannoo hin turree jedhan.
Loltootni isaanii yeroo gabaabaa keessatti lammiilee Afgaanistaan keessaa bahuu fedhan 120,000 ol xiyyaaraan biyyattii baasuu danda'uu isaaniif dinqisiifataniiru.
Waggoota 20 darbaniif humnoota US fi michoota ishee waraanaa kan ture Taaliban dhuma irratti injifannoo argatan wayita loltuun dhumaa US dachii isaaniirraa bahu dhukaasa meeshaa waraanaan gammachuu ibsatan.
Afgaanotni michuu US turan hedduun biyyattii gadhiisanii bahuu muddamaan guute keessatti osoo hin hammatamiin hafanis Baayidan milkaahina addaa ture jedhanii ibsan.
Baayidan waraana waggoota 20 pireezidantootni Ameerikaa afur itti waljijiiran kana xumuranii bahuuf yeroon isaa xiqqoo durseera osoo ta'ees goolamni amma yeroo bahan mudate mudachuu hin oolu turee jechuun qeeqa yeroo sirriitti hin baane jedhus ofirraa faccisaniiru.
Baayidan pireezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp warra Taalibaan waliin yeroo biyyattii keessaa bahuuratti yoo waliigalan dogoggoraniiru jechuun qeeqaniiru.
Duulli US Afgaanistaanitti bara 2001 haleellaa 9/11 booda eegalte garuu baroota dura kaayyoo isaa isa ta'e al-Qaayidaa injifachuu milkeesseera jedhan.
Xumurri isaa garuu imaammata alaa Ameerikaarratti jijjiiramni bal'aan akka feesisu akeekaeera jedhan.
Baayidan biyyi isaanii filannoo qaalii waraanaan lafa to'atanii sirreessuurraa fuul gargalfachuun akka barbaachisu dubbatan.
Ameerikaan erga haleellaa shororkeessummaa 9/11 booda Afgaanistaan keessatti qofa osoo hin taanee Iraaq keessatti waraanaan to'achuun gatii guddoo baaste.
Ammaan tana waraanni US guutummaatti Afgaanistaan keessaa bahus hoji maneen US dachiii sanii qabnu kan xumurame hin fakkaatu.
Xumura duula kanaa ilaalchisee Koongireesiin Ameerikaa keessumaa bakka buutotni Rippaablikaan Baayidaniin gatii siyaasaa guddaa baasisu jedhamee yaadama.
Murteen kun garuu Baayidan yeroo dheeraaf murtee dabarsuuf eegaa turanidha. Ammas murteen isaanii kun sirrii ta'uu of amansiisaniiru.














