Afgaanistaan: Turtii waggoota 20 booda xiyyaarri waraanaa US dhumaa Kaabulii baate

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri Ameerikaan isheen dhumaa buufata xiyyaaraa Kaabul keessaa baateetti, kanaanis turtiin Ameerikaa waggaa 20 Afgaanistaan keessaa goolabameera.
Qondaaltonni akka jedhanitti xiyyaarri dhumaa C17 halkan walakkaa ambaasaaddara US qabattee Kaabul keessaa baateetti.
Kanneen yeroo qabameef keessatti ba'uu hin dandeenyeef haala mijeessuuf hariiroon dippiloomaasii akka itti fufus bsan.
Erga xiyyaarri Ameerikaa dachee Afgaanistaan keessaa godaanee booda Taalibaan meeshaa waraanaa dhukaasuun gammachuu ibsataa turan.
Balaliin xiyyaaraa kun ergamni Ameerikaan bara 2001 Afgaanistaan keessatti eegalte guutuun goolamuu kan mul'isedha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Ameerikaan erga gareen Taalibaan Afgaanistaan to'atanii borumtaasaa gaafa Hagayya 14 namootashee baasuuf hojii eegalte.
Afgaanistaan fi naannawa sanatti Ajajaa Waraanaa US kan ta'an Janaraal Kenneth McKenzie, Hagayya 14 irraa eegalanii hanga har'aatti namoota 123,000 caalan Afgaanistaan keessaa baasuu ibsan.
Guyyaatti giddugaleessaan namoota 7,500 ol baasaa akka turan himan.
Ergamni US Afgaanistaan keessatti qabaachaa turte xumuramuun erga labsamee booda Waashingtanitti ibsa kan kennan Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan, hojiin kun mootummaa US'f qormaata guddaa ture jedhan.
"Boqonnaa haaraan eegalameera. Ergamni waraanaa xumurameera. Ergamni dippiloomaasii eegalameera.''
US yeroodhaaf caasaa dippiloomaasii Afgaanistaan keessaa qabdu gara Qataar, Dohaatti dabarsuu kan himan qondaalli kun, lammiilee Ameerikaa fi namoota paaspoortii Ameerikaa qaban hundayyuu yoo isaan fedhan Afgaanistaan keessaa baasuuf akka gargaaran ibsan.
Gaazexeessituun BBC Kaabul jirtu Lyse Doucet akka jettutti lammiilee Afgaanistaan biyyattii keessatti hafan miiliyoona 38'f bulchiinsi Taalibaan qabatee dhufu garam akka geessu hin beekamu.
Seera jabaa bara dhumaa bulchiinsa isaanii duraanii keessatti hojiirra oolchaa turanitti deebi'uu danda'u yaaddoo jedhu qabu.
Wayita Taalibaan baadiyyaa biyyattii qabatee bulchaa turetti namoonni argan haalli bulchiinsa isaanii daranuu hammaachuu ragaa bahan.
Gareen Taalibaan duudhaa duriitti cichuun beekamu, dubartoonni walabummaa xiqqoo kan argatan erga warri lixaa biyyattiitti seenaniiti.














