Afgaanistaan: Taalibaan fakkaachuun hanniifi saamichi Kaabuul keessaa baayyate

Saafii

Erga gareen Taalibaan magaalaa guddittii Afgaanistaan Kaabul to'atanii booda wanti hedduun biyyattii keessatti jijjirameera jiedhu jiraattoonni.

Dilbata gara galgalaa ture konkolaataan garee namoota hin beekmne feete tokko giddu-gala Kaabulitti mana Aadil Ahimad Saafii dhaquun namni mootummaaf hojjatu achi kan jiraatu yoo ta'e waaridiyyaa gaafatan.

Waardiyichi qondaalli mootummaa achi jiraatu akka hin jirre itti himnaan konkolaatiittiin deebiite deemte.

''Ganama kana ammoo Facebook gubbaatti namoonni Taalibaan fakkaachuun naanawwanii saamichaafi namoota jalaa qabeenyaa hataa jiru,'' jedha Saafii namni umuriin isaa waggaa 26 ta'e karaa bibilaatiin akka BBCtti himeetti.

"Namoonni konkolaataa keessa turan sun eenyuu akka ta'e omaa hin beeku, garuu naannoo keenya saamuuf akka dhufanii turanan shakka.''

Saafin mana barnoota dhuunfaa Kaabul keessatti to'ataa humna namaa ta'un hojjata. Manneen barnootaa isaanii sadii keessatti barattoota gara 2,300 ta'aniitu barata. Saafiin erga Indiyaatti gosa barnootaa Bulchiinsa Bizinasitiin digrii argateen booda dhiheenya kana gara biyyatti deebi'e.

''Jireenya gaarii abdachuunan gara biyyaatti deebi'e. Garuu amma wanti hundi kan amnsiisu miti. Nama haala sanaanii hin jiraannee tokkoof eegeereen maal akka ta'u eeggachuun baayyee rakkiisaadha,'' jedha.

"Ammatti wanti gaariin Kaabul keessa hokkarri hin jiru. Bulchiinsi haaraan mootummaa sirriifi hawaasa wal qixxummaa qabu mirkaneessa jedheen abdadha.

Mootummaa duraanii keessaa malaammaltummaa hedduutu ture. Tajaajila hunda argachuuf qondaaltoota mootummaaf waa kennuu qabda ture. Seerriifi sirni badaa ture.''

Saafiin akka jedhuutti, Taalibaan beekamtii idil-addunyaa yoo barbaadee, ''dubartootaaf mirga kennuun uummata kabajuu qabaatu.'' Akkasumas, akka amma ''ummataaf gaarii fakkaachuu yaala qofaa osoo hin taane'' ta'anii mirkanneessuu qabaatu.

Suqiiwwan Kaabul keessaa hunda amma cufaa ta'uu dubbata. Manneen barnootaafi waajjiraaleen dhuunfaas cufaadha.

''Ammaan tanatti yaaddoon keenya inni guddaan haannaa fi saamicha Taalibaan fakkaachuun ummatarratti raawwatuudha,'' jedha.