Afgaanistaan: Gareen shamarranii Afgaanistaan roobootii tolchan nagaan Kaataar galan

aree dorgomtoota Roobotiksii Waashingitan DCtti Bara 2017 badhaasa meetii Rajaa Cherkaoui El Moursli yeroo fudhatan

Madda suuraa, The Washington Post via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, aree dorgomtoota Roobotiksii Waashingitan DCtti Bara 2017

Garee shamarranii roobootii tolchan Afgaanistaanii baasuuf muddama guyyaa baay'eef taasifameen booda nagaan Kaataar galaniiru jechuun dhaabbanni isaanii hime. Gareen kuni miseensota sagal qaba.

Adeemsi isaaniin Afgaanistaanii baasuu mootummaa Kaataariin raawwate. Gareen shamarranii kun 2017tti wal-dorgommii ‘robotics’ UStti taasifame mo’achuun ijoo dubbii tahuun baraman.

Barnoota dubartootaa Afgaanistaaniif fakkeenya tahuun bal’inaan leellifamaniiru.

Gareen shamarranii ganna 15 hanga 19 jiran barsiistuu isaanii waggaa 25 waliin achii akka bahan kan godhame haalli magaalaa guddoo biyyattii Kaabuul hammachaa dhufnaani.

Dhaabbanni olaanaa garee kanaa Digital Citizen Fund (DCF), kan UStti argamu, Kaataar shamarran kunneen akka deeggartu gaafa Hagayya, 12 otoo Taalibaan hin qabatiin gaafate.

Qondaalonni mootummaa Kaataar shamarran 2019tti Dohaatti erga isaan keessummeessaniin as isaan iyyaafataa turan. Shamarran kunneen lixa Afgaanistaan iddoo Heraat jedhamuu dhaa bahan.

Dhaabbatni DCF,’’Kaabuul to’annoo jala ooluuf akka jettu yeroo barru haajaa alaa Kaataar qunnamne, isaaniis viizaa ariifachiisaa baasuun atattamaan akka bahan godhan,’’ jedhan miseensi boordii DCF, Elizabeth Schaeffer Brown. ‘’Baayyee isaan kunuunsaa jiru,’’ jedhan.

‘’Haa tahu malee shamarran kunneen baraarfaman jechuu hin dandeenyu sababiinsaas ciminaafi dhamaatii ofii isaaniin waggoota baayyee dabarsan,’’ jedhan.

Balaliin Kaabuul irrraa gara Kaataar godhan nageenya isaaniif jecha kan taasifame dha jechuunis ibsaniiru. Shamarreen kunneen ammaaf Dohaa jiran, Kaataar turu ykn barnoota isaanii itti fufuuf iddoo biraa deemuu malu.

Miseensi boordii dhaabbatichaa akka ibsitetti, ‘’barnoota isaanii itti fufuun dhimma murteessaa taha.’’ Miseensonni garee shamarran kanaa hafan barsiisotaafi gorsitoota isaanii waliin ammallee Afgaanistaan keessa jiru.

Gareen roobootiii Afgaan kuni bara 2017 ture kan hundaa’e. Bara darbe gareen kuni dhukkubsattoota Covid-19 haalaan dhukkubsatan gargaaruuf jecha ventileetara hojjetaniiru.