Afgaanistaan: Taaliibaan lammiileen Afgaanistaan akka gara buufata xiyyaaraa hin galle dhorke

Lammiilee Tarkii Afgaanii baafamaaa jiran

Madda suuraa, Mininstera Ittisaa Biyyaalessaa Tarkii

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiilee Tarkii Afgaanii baafamaaa jiran

Taaliibaan erga Kaabul to'atee lammiilee Afgaanistaan sodaatanii biyyaa bahuuf gara buufata xiyyaaraa deeman akka hin seenne dhorke.

Taaliibaan lammiilee biyyattii akka hin deemneef haalotni akka itti ulfaatan gochaa jira jedhama.

Loltootni Ameerikaa 4,500 tahan buufata xiyyaaraa biyyattii qabatanii eegaa jiru. Lammiileen Afgaanistaan garuu osoo buufaticha hin gahiin bakka sakatta'insaa irratti dhorkamaa jiru.

Taaliibaan lammiilee Afgaanistaan ragaalee imalaa hin qabne akka gara buufata xiyyaaraa sana hin seenne gochaa jira. Inumaayyuu namootni ragaa barbaachisaa qabaniyyuu rakkachaa akka jiran gabaafama.

Oduun kun kan dhagahame erga Dilbata darbe Taalibaan magaalittii qabatee as lammiileen biyyattii kumaatamni sodaadhaan biyyaa bahuuf yaalaa hordofeeti.

Erga Taaliibaan biyyattii to'atee biyyootni hedduun lammiilee isaanii fi lammiilee Afgaanistaan miidhaman baasuuf yaalii gochaa jiru.

Hanga ammaatti Ameerikaan lammiilee ishee fi Afgaanistaan hedduu baasuun jalqaba irra jirti. Hanga ammaatti namoota 5,200 baasteetti.

Waashingitan lammiilee Afgaanistaan miidhaman 22,000 tahanii fi lammiilee ishee 15,000 tahan ammallee biyyicha jiran baasuuf jetti.

UK'n lammiilee Afgaan dabalatee namoota 1,200 baastee jirti. Guyyaattis namoota 1,000 tahan baasuuf akka hojjettu beeksifteetti.

Jarman namoota 500 baaste keessaa 100 lammiilee Afgaanistaan, Faransaay namoota 209 isaan keessaa 184 kan tahan lammiilee Afgaanistaan akkasumas Ispeen namoota 500 tahan baasaniiru.

Nezerlaandis garuu lammiilee ishee namoota 35 baastee kana booda guyyaatti namoota 1,000 tahan baasuuf jetti.

Haalli Afgaanistaan keessaa biyyoota ollaas miidhuun Indiyaan Taaliibaan daldala daangaa irraa dhaabsise jechuun himatte.

Kaargoon biyyoota lameen gidduu Paakistaan keessaa qaxxaamuruun darbaa ture. Federeeshiniin Dhaabbata Al-Ergee Indiyaa sochiin kaargoo dhaabbachuu irraa kan ka'e al-ergee fi kan biyya alaa irraa galu doolara miliyoonota baasu miidhuu himan.

Indiyaan michuu daldalaa Afgaanistaan guddoo yoo taatu Niw Deliin hojii bu'uuraalee misoomaa akka hidhaa, manneen barnootaa fi daandii irratti doolaara biliyoona sadii baasii gooteetti.

Dabalataan biyyi ollaa jirtu Paakistaanis daangaa ishee lammiilee Afgaan baqatanitti cufattee jirti. Taaliibaan manaa manarra deemuun akka lammiileen biyyattii sodaatanii biyyaa hin baane jajjabeessaa akka jirus gabaafameera.