Afgaanistaan: Facebook ergaawan Taalibaan waliin walqabatan dhorkuu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Facebook warra Taalibaan akka garee shororkeessaatti ilaaluun ergaawwan garee kana waliin hidhta qaba akka dhorku beeksiseera.
Facebook ergaawwan qabiyyee warra Taalibaan leellisan, akkasumas ergaawwan garee kanaa nan dhorka jedheera.
Kana ammoo akka to'ataniif jecha garee addaa ogeessota Afgaanistaan tokko hundeesseera. Ogeessota kana gargaaramuun ergaawwan qabbiyyee waa'ee Taalibaan dubbatan fuula Facebook irraa battalumatti akka balleessaniif ajajni darbeera.
Taalibaan ergaawwan isaa guutummaa addunyaa qaqqabsiifachuuf waggootaaf Facebook akka sabaa-himaa tokkootti itti gargaaramaa tureera.
Taalibaan caasaa mootummaa to'achuu isaa hordofee waltajjiiwwan miidiyaalee hawaasaa garee kana akkamiin keessummeessuu akka qaban irratti irra deebiin akka qoratan isaan taasisaa jira.
"Akka seera Ameerikaatti Taalibaan garee shororkeessaadha. Seerri kun ammoo nutis haaluma sanaan akka ilaalluuf kan nu taasisudha. Kana waan ta'eef, ergaawwan Taalibaan waliin walqabatan kamiyyu hin dhiyeessinu," jechuun BBCtti dubbate dubbi himaan Facebook.
Facebook afaanoota gurguddoo Afgaanistaan kan ta'an akka Daarii fi Paashitoon warra dubbatan hojii kanaaf jecha qacaree hojjechiisaa akka jirus himeera.
Kampaniin Facebook dhorkaa kana kan hojiirra oolchu kampaaniiwwan obbolaa ta'an Instagram fi Whatsapp irratti dabalatee akka ta'es himeera.
Warri Taalibaan waltajjii Whatapp ballinaan akka fayyadaman ni himama.
Tarkaanfii Facebook hordofee miidiyaaleen hawaasaa dorgomtoota ta'an dhiibbaa keessa galaniiru.
Dubbi himtoota Taalibaan yeroo magaalaa Kaabul to'atan ergaawwan isaanii dabarfachuudhaaf miidiyaa hawaasaa isaan ittiin ergaa isaanii dabarfatan tokko Tiwiitara.
Kana ilaalchisuudhaan gaaffii BBCn dubbi himaa Tiwiitariif dhiyeesseen dhaabbanni isaa dhaabbileen jibbinsa, shororkeessummaafi hokkara gaggeessan irratti ejjenoon qabu kan sirriiqu miti jechuun dubbate.
Youtube dhimma Taalibaan irratti ejjennoo akkamii akka qabu baruudhaaf BBCn irra deddeebiyee yaalus hin milkoofne.















