Baayidan 'yeroo sirriitti' Afgaanii baane yoo jedhan Buush ammoo 'gaddaaniin taatee kana hordofaa' jira jedhu

Joo Baayidan

Madda suuraa, Pool

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan loltoota isaanii Taalibaanii baasuu hordofee Taalibaan biyyattii to'achuun qeeqa jabaaf saaxilamanis murtee sirrii fudhannee jedhan.

''Kana caalaa lubbuu Ameerikaanotaa hangamiitu malaaf?'' jechuunis gaafatan pireezidant Baayidan.

Adeemsa loltoota US Afgaanistaanii baasuu amma gaaga'ama hordofeesiiseen alatti yeroon gaariin amma dura sana gochuu danda'an akka hin turre ibsan.

Waggoota 20 darbaniifi mootummaa Afgaan, US fi michoota US waliin waraanarra kan bahe Taalibaan dilbata darbe pireezidantiin Afgaan aangoo gadhiisanii biyyaa bahuu isaaniitiin aangoo mootummaatti deebi'uuf hiree argateera.

Taalibaan humnoonnii alaa hedduun waraana isaanii baasuu booda erga ji'a tokkoo waraana cimsee kutaalee biyyattii hedduu kan to'ate yoo ta'u saffisni ittii magaala harka mootummaa turte Kaabul itti to'achuu dhufe garuu US dabalatee qaamota alaa hedduutti raajii ta'eera.

Baayidan boqonnaa Kaamp Deeviditti udhachaa turanirraa gara waayit Haawus kan deebi'an yoo ta'u, torban tokko keessatti yeroo duraaf dhimma Afgaanistaan irratti ibsa kennan.

''Taateen ttorbee darbee wanti cimsu yoo jiraate, US hirmaannaa waraanaa ishee Afgaanistaan amma xumuruun murtee sirrii ta'uu isaati'' jedhan Baayidan.

''Loltootni Ameerikaa waraana humnoonni Afgaanistaan mataan isaanii loluuf fedha hin qabnerratti hirmaachuun loluu fi irratti du'uu hin qaba.''

Baayidan murtee loltootni isaanii hunduu Fuulabaan dhufaa jirutti Afgaanistaan keessaa xaxatanii akka bahan bitootessa darbe murteessaniin akkaan qeeqamaa jiru.

Lolli waggoota 20'f michoota isaanii waliin Taaliban irratti banan ammallee xumura argachuu dhabee inumaa Taaliban dhumarratti gara masaraa mootummaa Kaabuul jirutti deebi'eera.

Senaatarri Rippaabilkaanotaa Miich MaakKooneel ergaa twiitara gubbaa maxxansaniin ''wanti Afgaanistaan keesatti ilaalaa jirru balaa hambisuun dadhabameedha. Bulchiinsi Baayidan duubatti deebi'uun isaa maqaa gaarii Yunaayitiid Isteetis irratti dirmammuu hambisa'' jedhan.

Bara 2001'tti humni waraanaa US gara Afgaanistaan akka duulu ajaja kan dabarsan pireezidantiin bara sanii US Joorji W Buush ''Taatee gaddisiisaa Afgaanistaan keessatti ta'aa jiru gadda gadi fagoon daawwachaan jira'' jedhan.

Faallaa yaada Baayida kennaniin ''lammiileen Afgaan amma balaa guddoo keessa bu'an biyya isaanii keessatti jijjiirama deemaa ture keessatti adda duree turan''jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, People tried to cling on to the wheels of a departing US military plane

Haasaa isaanii keessatti Baayidan ergamni waraana US Afgaanistaan keessatti biyya haaraa ijaaruu hin turree jedhan.

Bara 2009 pireezidantii itti aanaa wayita turan loltoota dabalataa kumootaan gara Afgaanistaan erguuf wayita jedhamu yaada pireezidant Baaraak Oobaamaa mormuu isaaniis himan.

Baayidan itti dabaluun bulchiinsi isaanii pireezidant Doonaald Tiraamp irraa aangoo yoo dhaalu dhimma Afgaanistaan irratti loltoota US baasuuf Taalibaan waliin waliigaltee gohamee akka ture himaniiru.

Erga US Afgaanistaanitti waraana ishee duulchiftee pireezidantoota afuriin kan bulte yoo ta'u, Baayian waraanni dheeraan kana gaafatama pireezidantii haaraa dhufuu akka ta'u kan hin barbaanne ta'uu dubbatan.

''Ummata Ameerikaatiin osoo xiqqoo Afgaanistaan turreerra ta'e haallichi kanaan adda ta'a jedhee hin dogongorsu'' jedhan Baayidan.

Imaammata alaatiin hedduu kan jajaman Baayidan, hidhattootni Taalibaan biyya guutuu dhuunfachuu danda'u yaadni jedhu hedduu hin amansiisu jechuun ji'a tokko dura miidiyaaleetti himanii ture.

''Kun kan nuti eegneen caalatti ssaffisaan dhalate'' jedhaniiru.

Yaada lammiilee US haga ammaa sassaabameen lammiileen hedduun US Afgaanistaan keessaa bahuu ishee deeggaraniiru.

Haata'u malee Baayidan akkatti Afgaanistaan keessaa bahan irratti qeeqni itti jabaateera. Jalqaba loltoota baasanii achii ammoo lammiilee ofii achii baasuuf loltoota kumoota hedduu bobbaasuuratti.

Baayidan miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti ergaa maxxansaniin loltoota 6,000 erguufi kaayyoon isaa lammiilee achi jiran biyyatti deebisuuf ta'u akkasumas ergamni kun yeroo murtaa'e keessatti xumurama jedhan.

San booda hirmaannaan loltoota isaaniiAgfaanistaan ifatti akka xumuramu ibsaniiru.

Dilbata darbe hilikpptarri US gamoo embasii US Kaabul marsaa yeroo turte mul'ateera.

Namoota hedduutti suurri sun seenaa bara 1975 yeroo Ameerikaan haala qaanessaan Saigon, Veetinaam keessa baatu waliin walfakkaateera.

Bara sana Baayidan senaatara dargaggeessa.

US sochii lammiilee ishee Kaabul keessaa baasuu sababa hokkorii dhalateef tursiifteetti.

Uummatni hedduun xiyyaarotatti fiigaa koree balaaf saaxilameera, haala kana dhaabsisuuf loltootni US dhukaasa bananiin namootni lama ajjeefamaniiru.

Waliigalatti namootni torba lubbuu dhabaniiru.

1px transparent line