Afgaanistaan: 'Taalibaan lammilee Afgaan loltoota US fi NATO qarqaaraa turan adamsaa jira' - UN

Madda suuraa, EPA
Dookumantiin UN akka jedhutti Taalibaan lammilee Afgaan loltoota Ameerikaa fi NATO waliin hojjetaa turanii fi qarqaaran adamsuu jabeessee itti fufee jira.
Dookumantii iccitii kana dhaabbata 'Norwegian Centre for Global Analyses' jedhamu kan odeeffannoo basaasaa UN'f kennutu qopheesse.
"Warri Taalibaan namoota loltoota US fi NATO waliin dalagaa turan hidhaa jiru, warra ofiin harka kennachuu didan ammoo maatii isaanii hidhuuf ykn ajjeesuuf doorsisaa jiru," jedha ragaan BBC'n arge.
Keessumaahuu namootni waraana, poolisii fi qaamolee qorannoo keessa turan addatti irratti qiyyaafatameera jedha.
"Warri Taalibaan osoo magaalota Afgaanistaan gurguddoo hin to'atiin dura namoota barbaadaman adda baafachaa turani," jedha ragaan kun.
Itti dabaluunis buufata xiyyaaraa Kaabulitti namoota biyyaa bahuuf yaalii godhaa turan adda baafachuuf hordoffii gochaa ture jedha.
Dokumantiin kun akka jedhutti Taalibaan namoota haaraa caasaa basaasaa isaa keessatti tajaajilan fo'achaa jira.
Taalibaan maal jedha?
Taalibaan garuu humnooti alaa lammilee isaanii akka baafatan deeggarsa gochuun ‘waadaa isaa eegaa jiraachuu”hogganaan olaanaan garichaa tokko Rooyitarsitti himeera.
“Lammilee alaa qofa osoo hin taane Afgaanotaafillee nagaan akka bahan haala mijeessaa jirra,”jedha.Buufata xiyyaaraa Kaabuulitti miseensota Taalibaan, lammilee Afgaan fi lammilee alaa jidduutti hokkorri akka hin uumamne hojjechaa jiraachuus himeera.
Taalibaan guyyaa magaalaa Kaabuul to’ate‘namni haaloo bahamu tokkollee hin jiru’jechuun BBC’tti himee ture.
“Uummata Afgaanistaan, addatti warra magaalaa Kaabul jiran – lubbuu isaaniis ta’e qabeenya isaaniirra wanti gahu akka hin jirre mirkaneessuufi barbaanna.
Namni haaloo bahamu tokkollee hin jiraatu,” jedhan dubbi himaan Taalibaan Suhaal Shahiin.
Itti dabaluunis “nuti tajaajiltoota uummataa fi kan biyyattiiti” jedhan.
Taalibaan kana jedhus lammileen Afgaanistaan loltoota US fi NATO waliin hojjechaa turan, mootummoonni biyyoota isaan waliin hojjechaa turanii akka achii isaan baasan watwaataa jiru.
Isaan keessaa tokko kan ta’e lammiin Afgaan loltoota UK’f afaan hiikuun tajaajilaa ture, Ministirri Muummee UK akka achii isaa fi maatii isaa baraaru kadhateera.
Ahimad kan nageenya isaaf jecha maqaan isaa jijjiirame gara UK imaluuf hayyama argatee guyyaa tokko booda, Kaabul Taalibaaniin to’atamte.
Ahimad amma lubbuu isaaf sodaatee kutaa dukkanaa keessa dhokatee akka jiru BBC’tti himeera.

Loltoonni UK lammilee isaaniifi Afgaanota isaan waliin hojjetaa turan achii baasuutti jiru.
Xiyyaarri lammilee Afgaan fe’e Kaabul irraa ka’e har’a UK gaheera. Biyyattiin baqattoota Afgaanota hanga 20,000 simachuuf qophii ta’uu ibsiteetti.
Pireezidant Joo Baayidan Taalibaan namoota Afgaanistaan keessaa bahuu barbaadan buufata xiyyaaraa Kaabuul akka hin geenye gochaa jira jechuun dubbataniiru.
Sababa kanaan buufata xiyyaaraa Kaarzaayi kan magaalaa gudditti Kaabuul jiru to’atanii kan jiran loltoonni Ameerikaa 4500 ta’an guyyaa akka bahan itti himame caalaa turuu danda’u jedhaniiru.
Lammileen Ameerikaa 10,000-15,000 tahan akkasumas Afgaanota 50,000-65,000 tahan kan waraana Ameerikaa turjumaanaan tajaajila turan fa’i achii bahuu qabuu jedhan Joo Baayidan.
Mootummoonni biyyoota alaa lammiilee isaanii fi Afgaanota isaan wajjin hojjetan geejiba qilleensaan achii baasuu itti fufaniiru.
Taalibaan lammiilee Afgaan waraqaa ragaa imalaa hin qabne hin dabarsu kan jedhe yoo tahu, warrumti eeyyama qabanillee biyyaa bahuuf rakkachaa jiru.
Lammiileen Ameerikaa tokko tokko sagantaa balalii isaaniif qabameen achii bahuuf buufata xiyyaaraa galuu hin dandeenye jedhan.













