Ashraaf Gaanii: Pireezidantiin Afgaanistaan biyyaa baqatan UAE qubatan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Afgaanistaan Ashraaf Gaanii Tokkummaa Eemireetota Arabaa(UAE) tti baqachuu biyyittiin beeksifte.
Ashraaf Gaaniin Kaabul dhiisanii kan baqatan hidhattootni Taalibaan magaala guddoo biyyattii to'achuu isaaniin sa'aatiiwwan hanga ta'e dursaniiti.
Ministirri Haajaa Alaa UAE Ashraaf Gaaniifi maatii isaanii namooma irratti hundaa'uun simachuu beeksisaniiru.
Roobii gara galgalaa dhaamsa gama Viidiyoon dhaamaniin Ashraaf Gaanii biyyaa baqachuu isaanii haalanii, kan biyyaa bahan ''balaa guddaa'' jedhanii ibsan hambisuuf ta'uu dubbatan.
Ammaaf akka dhangala'uun dhiigaa fi hokkorri dhaabatuuf Emireetota biran jira. Ammaan tana Afgaanistaanitti deebi'uuf mariittin jira'' jedhan.
Asharaaf Gaanii maallaqa hedduu waliin gara UAE baqatan jedhamee oduun haasa'amu ''gonkumaa bu'uura hin qabus'' jedhaniiru.
Maanguddoon ganna 72 Ashraaf Gaanii biyyaa baqachuu isaaniitiin keessumaa namoota siyaasaa Afgaaniin hedduu qeeqamaa jiru.
''Rabbi gaafatamaa isa godha, biyyis itti faraddi'' jedhan dura taa'aan Mana Maree Olaanaa Araara Biyyaalessaa Afgaanistaan Abdullaah Abdullaah.
Torban tokko booda dhimma Afgaanistaan irratti Wiixata kana dubbatan Pireezidantiin US Joo Baayidanis haasaa isaanii keessatti mootummaan Afgaanistaan baqachuu isaatti qeeqaniiru.
Roobii kaleessa ammoo ibsa kan kennan itti aanaan Ministira Haajaa Alaaa US Weendii Sheermaan Gaaniin ''ammaan booda bakka bu'aa Afgaanistaan miti (no longer a figure)'' jedhan.
Haata'u malee US ammallee Pireezidantii jechuun isaan waamti sababni ammoo hanga ammattii ce'umsi aangoo seera qabeessi hin goddhamnee jedha Waajirrri Haajaa Alaa US.
Ergaa viidiyoo feesbuuk irrattii kallattiin tamsaafameen Ashraaf Gaanii qaamolee nageenyaa isaaniin masaraa Pireezidantii keessaa ''haala ani kopheekoo hin kawwanneenin bahee'' jedhan.
''Ta'iiwwan saffisaan dhalatan. Mootummaa hunda hammataa irratti warra Taaliban waliin marichuu barbaadeen ture'' jedha Ashraaf. Itti dabaluunis mootummaa isaanii keessa qondaaltotni jiran Taaliaan waliin akka mariyatan kan barbaadan ta'uus himan.
UAE'n dureewwan biyyaaf dahoo yeroo taatu kun kan jalqabaa miti. Ministirri Muummee Paakistaan Benaazir Bihuttoo bara 1990'oota keessa Dubaayiin mana ishee erga godhattee booda biyyatti deebi'uun aangoo qabatte.
Pireezidantiin baqarra jiran Ashiraaf Gaanii bara 2014'tti bakka Hamiid Kaarzaay bu'uun aangoo kan qabatan yeroo ta'u, bara 2020'tti irra deebiin filatamanii ture.
Ashraaf Gaanii bara darbe BBC waliin gaaffiifi deebii taasisan irratti Taalibaan ni injifata sodaa jedhu qabaachuu gaafatamanii, ''Kun Veetnaam miti. Mootummaan kun hin jigu'' jechuun deebisanii ture.













