Lammiin Ameerikaa tokkollee Kaabuul keessatti hin hafu jedhan Baayidan

Pirezidaantii US, Joo baayiden

Madda suuraa, EPA

Pireezidant Joo Baayidan loltoonni Ameerikaa guyyaa akka bahan itti himame caalaa turuu danda’u, sababiinsaa immoo Taalibaan namoota achii bahuu barbaadan buufata xiyyaaraa Kaabuul akka hin geenye gochaa ijaa jiruufi jedhan.

Baayidan humnooti Ameerikaa dhuma baatii kanaarratti akka bahan barbaadu, tahus lammiileen 15,000 ol tahan achitti danqamaniitu jiru.

Pireezidantichi jeequmsa amma Kaabuul keessa ture waan hambisuu dandeessu hin turre jechuun ABCtti himan.

Mootummoonni biyyoota alaa lammiilee isaanii fi Afgaanota isaan wajjin hojjetan geejiba qilleensaan achii baasuu itti fufaniiru.

Loltoonni Ameerikaa 4500 tahan Buufata Xiyyaaraa Kaarzaayi magaala guddoo keesstti argamu yeroof to’ataniiti jiru.

Taalibaan lammiilee Afgaan waraqaa ragaa imalaa hin qabne hin dabarsu kan jedhe yoo tahu, warrumti eeyyama qabanillee biyyaa bahuuf rakkachaa jiru.

Lammiileen Ameerikaa tokko tokko sagantaa balalii isaaniif qabameen achii bahuuf buufata xiyyaaraa galuu hin dandeenye jedhan.

Roobii kaleessaa hogganaan humna ittisaa Ameerikaa Loyd Austin loltuun Ameerikaa lammiilee Ameerikaa achitti danqaman baasuuu danda’a gaaffiin jedhu dhiyaateefii ture.

‘’Lakkoofsa guddaan namoota achii baasuuf humna hin qabnu,’’ jechuun deebisan.

Guyyaan dhumaa achii bahuu qabnu darbus US hamma lammiileeshee mara achii baaftutti Afgaanistaan keessa turti jedhan.

‘’Lammiileen Ameerikaa achitti hafan yoon jiraatan, achi turretu isaan baasnaa,’’ jedhan.

Pirrezidantichi lammiileen Ameerikaa 10,000-15,000 tahan, Afgaanota 50,000-65,000 tahan kan waraana Ameerikaa turjumaana tajaajila turan fa’i achii bahuu qabuu jedhan.

Hanga ammaa namooti 6,000 tahan achii akka bahan taasifameera. Isaanis dippiloomaatota, hojjettoota nageenyaa, hojjettoota deeggarsaa fi lammiilee Afgaani dha qondaallii biyyoota lixaa Rooyitarsitti himeera. Peentaagoon namoota 9000 baasuuf akka kaayyefate rippoortarootatti himeera.

Roobiima kaleessaa Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa xiyyaaronni idilee imalaa Waajira Ittisaa irraa eeyyama argannaan gara Kaabuul deemuun namoota baasuu danda’uu jedheera.

Ministirri itti aanaa Haajaa Alaa Wendy Sherman qondaalonni Ameerikaa Taalibaan namoota achii bahuu fedhan hunda akka gadhiisu itti himanii turan jedhan.

Yeroo buufata xiyyaaraa namoonni bahaa turan jeequmsa mudateef dogoggorri uumamee yoo ture gaaffii jedhuuf, lakki jedhan Baayidan.

‘’Jeequmsi akka sanaa otoo hin mudatiin bahuun ni danda’ama ture, maaliif akka hin taane hin beeku jedhan,’’