Afgaanistaan: US balaa haleellaa gareen IS Kaabul keessatti gaggeessuu malu sodaachaa jirti

Madda suuraa, US Marine Corps/Reuters
Us halleellaan garee Islaamiik Isteet (IS) damee Afgaanistaaniin carraan qaqqabuu waan jiraachuu maluuf lammileen ishee akka gara buufata xiyyaaraa Kaabul hin seenneef akeekkachiifte.
Akeekkachiifni nageenyaa Sambata akka lammileen US "karrawwan buufata xiyyaaraarratti sodaan nageenyaa" waan jiraachuu danda'uuf gara sana dhufuurraa of qusadhaa jedheera.
Namoonni bakka bu'aa mootummaa US qofaan akka deemu itti himame qofti imaluu qabu, jedha akeekkachiifni kenname kun.
Qondaalonni waraanaa US akka jedhanitti wanta ta'aa jiru ilaalaa jiraachuufi karaa biraa ittiin lammii biyyattii ittiin baasan barbaadaa jiru.
Waa'ee yaaddoo gareen IS geessisuu malu jedhamee bal'inaan kan ibsame hin jiru; gareen kunis ifatti Kaabul keessatti haleellaan qaqqabsiise jedhee wanti dubbatees hin jiru.
Akeekkachiifni kun yeroo buufata xiyyaraa Kaabul alatti rakkoon itti uumamefi gabaasawwan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman Afgaanistaan keessaa baqachuuf osoo jedhanii kufanii miidhamuun qaqqabaa turettidha.
Taalibaan guutummaa Afgaanistaan waliin gahuun magaalaa guddoo biyyattii Kaabul torban darbe kan to'ate.
Guyyaa guyyaan namoonni xiyyaaraan balali'uun biyyaa ba'uun akka isaaniif hayyamamu abdachaa buufata xiyyaaraa Kaabul dhiphisaa jiru.
Namoonni US fi michoota ishee waliin hojjechaa turan, akkasums dhimmoota akka mirgoota namoomaaf duulaa turan biyya sana keessaa gadhiisanii bahuu baannaan Taalibaan haaloo nurratti baha jechuun sodaachaa jiru.
Sambata darbe karra buufata xiyyaarichaa irratti wanti ta'e garuu ifatti hin beekamne.
Haata'u malee, gabaasaan Sky News Istwaart Raamseen akka jedhetti namoonni kumaatamaan karra buufata xiyyaara Kaabul duratti wal mudduun "namoonni kufanii caccabuun du'an" jiru jedhe.
Yeroo kun ta'uttis loltoonni Biriitish namoota wal dhiibuu kana keessatti ukkaamfamuun balaan irra gahe baasaa turan jedheera.
Qajeelchi Ittisaa US ibsa Sambata kenneen akka jedhetti buufata xiyyaarichaa keessaa lammilee US 2,500 dabalatee namoonni 17,000 xiyyaaraan baafamaniiru.
Aanga'aan tokko akka jedhanitti, lammileen Ameerikaafi Afgaanonni US akka biyyattii keessaa bahan barbaaddu "lakkoofsaan muraasa" ta'an yeroo balali'uuf gara buufata xiyyaarichaatti geeffamaa jiran qoccolloon irra gaheera.
Yeroo gara buufata xiyyaarichaa geefffaman karaarratti kanneen rukkutaman muraasnis jiru jedhameera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa US boodarra BBCtti akka himanitti, karrawwan buufata xiyyaaraa irratti namoota lakkoofsaan baayyee walitti qabamanitti akka hin makamneef qajeelfama dabarsaniif.
Sababiin isaa ammoo lammileen US hunda bakka isaan jiranitti dhuunfaa dhuunfaa isaaniitiin haala ittiin qunnamuun danda'amuufi akkaataa ittiin imalanirratti "qajeelfamawwan qixaa'an" qaqqabsiisuun danda'ameera jedhan qondaalli kun.
Biyyoonni kaan maal jedhan?
Biyyoonni biroos haala lafarra ta'aa jiru irratti akeekkachiisa baasaniiru.
Mootummaan Jarman buufanni xiyyaarichaa, "akka malee hamaafi seenuunis kan hin amanamnedha" jechuun ibsa baaseera.
Ministeerri dhimma alaa Siwiiz akkasuma haalli nageenyaa, "sa'aatiiwwan muraasa darban keessa hammaachaa dhufeera," jechuun beeksiseera.
Kanarraa ka'uunis balaliiwwan namoota Kaabul keessaa baasuuf yaadaman yeroo birootti dabarsaniiru.
Humnoonni US yeroo ammaa kana buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Kaabul to'ataniidhuma jiru.
Afgaanistaan dabalatee namoota biyyoota biroo humnoota warra Lixaa waliin hojjechaa turuu isaaniitiif Taalibaan haaloo irratti bahu jedhamaniifi lammileen US akka nagaatiin bahaniif gargaaraa jiru.
US loltoonni ishee Hagayya 31 akka gadhiisanii bahan karoorfattus, guyyaa isaan bahanii booda maaltu akka ta'u ifa miti.

Madda suuraa, Reuters
Barreessaan Olaanaa NATO Jeens Istooltenberg biyyoonni walta'iinsa dhaabbatichaa keessa jiran namoonni baay'een akka baafamaniif buufanni xiyyaaraa Kaabul Hagayya 31 boodallee banaa turuu qaba yaada jedhu dhiyeessaniiru jedhan.
Biyyoota miseensa NATO keessaa tokko kan taate UKn, namoota jiran baasuun akka danda'amuuf beellamni Hagayya 31 loltoonni US bahuuf qabame guyyaa muraasaaf akka dheeratuuf gaafachuu ishee BBC'n hubateera.
Namoonni gariin lammileen hunda ykn Afgaanistaanota yaaddoo keessa galu jedhamee amanamu hunda baasuun hin danda'amu jedhanii sodaachaa jiru.
Sababiin isaa ammoo hiriiraafi adeemsa dheeraa balaliiwwan namoota baasuuf godhamu hedduu duubatti harkifachiisaa jiru irraan kan ka'edha.
Kun osoo kanaan jiru warri Taalibaan Afgaanistaan to'achuudhaaf humna isaanii cimsachuuf yaalaatuma jiru.
Hundeessaa garee Taalibaan kan jedhaman Mullaah Abdul Gahanii Baradaar, amma Kaabul seenanii, marii mootummaa haaraa hundeessaatti makamuuf jedhaa jiru.














