Taphataan garee dargaggoota biyyaalessaa Afgaanistaan xiyyaara US irraa kufuun du'e

Dargaggoo Zaakii Anwaarii

Madda suuraa, AFGHAN SPORTS SOCIETY

Taphataan kubbaa miilaa biyyaalessaa garee dargaggootaa Afgaanistaan Kaabuliitti xiyyaara US irra kufuun du’e.

Aanga’oonni Afgaanistaan akka mirkaneessaniitti dargaggoon taphataa kubbaa miilaa guddattootaa kun xiyyaara waraanaa US yaabbachuun baqachuuf yaalaa wayita jiru buufata xiyyaaraa Kaabuuliitti kufee du’e jedhan.

Dargaggoo Zaakii Anwaarii umuriinsaa wagga 19 yoo ta’u, garee kubbaa miilaa biyyaaleessaa dargaggootaa Afgaanistaaniif taphata ture jedhame.

Taaliibaan erga deebiisee biyyattii qabateen booda, biyyoonni lixaa lammiilee isaanii baasuu eegallaan namoonni kumaatamaan lakkaa’amanis gara buufata xiyyaara Kaabuuliitti qajeelanii ture.

Fakkiin guyyaa Wiixataa qoodame tokko akka mul’iseettis, xiyyaarri humna qilleensaa US osoo balaliif ka’uuf jedhu namoonni dhibba hedduun lakka’aman waliin fiigaa turan. Kaanis karaa cinaatiin yoo ol bahan fa’ii mulatu turan.

Miidyaaleen biyya keessaa akka gabaasaniitti, erga xiyyaarichi ka’een booda yoo xinnaate namoonni lama irra kufuun du’aniiru.

Humnis qilleensaa US gamasaatiin erga Kaataar gahuun qubateen booda gommaa itiin qubatu keessatti qaama nama argu mirkaneesseera.

Daarektoreetii Waliigalaa Barnoota Qaamaa fi Ispoortiiwwan Afgaan ibsa karaa toora facebook irratti baaseen du’a Mr Anwaariif gaddu ibseera.

‘‘Lubbuunsaa Janata haa boqattu, maatii, hiriyootaa michoota ispoortiif Waaqa kadhanna,’’ jedha qaamni ispoortii. namoonni kaaniis kabaja qaban karaa miidiyaalee hawaasaatiin ibsaa jiru.

Loltoonni US gara 4,500 ta’an yeroodhaaf Kaabul keessatti Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Kaarzi qabatanii jiru.

Taalibaanoonni ammoo sanada ilma malee lammiileen Afgaanistaan akka buufaticha keessa hin galle dhorkaa turan, isaan sanada qaban mataansaanii rakkataa turan.