Afgaanistaan: Baayiden Afgaanistaanii yeroo namoota baasnu lubbuun baduu mala jedhan

Joo Baayiden miidiyaatti yommuu dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mr Baayideen waa'ee Afgaanistaan keessaa bahuu sirrii tahuu cimsanii dubbatan

Pirezidaantiin US Joo Baayiden namoota hedduu Afgaanistaanii baasuun '' miidhaa lubbuu malee'' kan raawwatu miti jedhan.

Waayit haawusii ibsa kennaniin Baayiden seenaa keessatti ''lakkoofsa nama baay'ee fi haala ulfaataa keessatti namoota balaliin baasuu'' raawwateen hanga ammaatti 13,000 kan tahan baasuu himan.

Garuu yaadni pirezidaantichaa Taaliibaan lammiilee achii baasuu iratti ammatti danqaa hin uumne jedhu kan ministera ittisaa isaanii waliin wal dhaha.

Taaliibaan deebisee biyyattii qabachuu irratti Baayiden hawwaasa idil adunyaan akka malee qeeqaman.

Lammiin Ameerikaa kamiyyuu biyyasaatti galuu barbaadu, ni fidna,'' jedhe Baayiden, boqonnaa isaanii adda kutuun haala kana irratti dubbachuuf erga deebi'anii.

Gaaffii gaazexeessitoota irraa dhiyaateef irratti deebii yoo kennan humni waraanaa US, michoota Afgaan achii bahuu barbaadan 50-65,000 tahan baasuuf ''cichoomina wal fakkaataa'' taasisu jedhan.

Lammiilee Ameerikaa baasuun dursa argatas jedhan. '' Dogogora homaa hin uumiinaa, ergamni namoota baasuu kun isa hamaadha. Humna waraanaa keenyaaf miidhaa qaba akkasumas haala ulfaataa keessatti kan raawwataa jirudha'' jedhan.

Bu'aan isaa xumuraa maal akka tahu waadaa galuu hin danda'u. Garuu akka ajajaa waraana tokkootti waan barbaachisu hundaa akka bobbaasnu isinii mirkaneessa,'' jedhe.

Akkasumas namoota Kabul keessatti danqaman baasuuf humna waraanaa Ameerikaa erguu hin barbaachisu. Taliibaan nama kamiyyuu paaspoortii Ameerikaa qabu akka buufata xiyyaaraa galaniif eeyyamaa jira waan taheef jedhan.

Haa tahu malee gabaasonni Kabulii dhagahaman lammiileen Ameerikaa buufata xiyyaaraa gahuuf rakkataa jiraachuu agarsiisa. Ministerri Ittisaa Liyood Oostiin Jimaata akka himanitti lammiileen Ameerikaa Afgaanistaanii bahuuf yaalaa turan loltoota Taalibaaniin dhaanamaniiru.

Torban kana keessa tikni Ameerikaa haala Afgaanistaan keessaa karaa hin taaneen madaale jedhamuun Baayiden irratti qeeqni ka'aa ture. Baayiden garuu kufaatii tikaa kan jedhu kana haaluun qondaalota waliin ''waliigaltee'' irra geenyeeti jedhan.

Garuu Taaliibaan saffisa kanaan gara aangootti dhufuun ''waan hin yaadamne'' ture jedhan. Lammiileen Afgaanistaan hedduun biyyaa bahuuf torban kana keessa buufata xiyyaaraatti walitti qabamanii jiru.