Afgaanistaan: 'Haleellaan diroonii sodaa dhohiinsa boombii buufata xiyyaaraa Kaabul hambise'-US

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaan US qilleensarraan dirooniidhaan raawwate, dhohiinsa boombii kan biraa magaalaa Afgaanistaan, Kaabul keessatti mudachuuf ture hambiseera jedhan qondaaltonni waraanaa US.
Ajaji waraanaa giddugalaa US akka ibsetti, konkolaataan dirooniidhaan haleelamte kun miseensa garee IS, kan damee Afgaansitaan baattee turte.
Lammiileesaa baasee xumuruurra wayita ga'aa jirutti haleellaan mudachuu akka malu US akeekkachiiseera.
Yaaddoon haleellaa jiraatus hanga daangaan yeroo kaa'ame xumuramutti lammiileesaa baasuu akka itti fufu himeera mootummaan US.
US lammiileesaa hanga Hagayyaa 31, 2021'tti baasee xumuruu Taalibaan, kan amma Afgaanistaan to'atee jiru, waliin waliigale.
Biyyoonni kaan lammiileesaanii baafatanii kan xumuran yoo ta'u, kan hin xumurin jiru US qofa.
US gareen Taalibaan Afgaanistaan to'atee bariitu isaa, Hagayya 14, 2021, irraa eegalee lammiileen 110,000 caalan biyyattii keessaa akka ba'an godheera jedha.
Gaazexeessituun BBC kan yeroo ammaa Kaabul jirtu Lyse Doucet, guyyuu ergaawwan hedduu namoota gareen Taalibaan sodaachisurraa argachaa akka ooltu himte.
Namoonni sodaachifaman kunneen weellistoota, barattoota yuuniversitii fi dubartoota siyaasa keessatti hirmaannaa qabaniidha.
Namoonni kunneen akka yeroo hawaasi idiladdunyaa biyyattii keessatti nagaa eegsisaa turee amma abdii hin qaban.
Taalibaan akkasaan biyyaa hin baane ittisuus dubbatu.
Kana malees loltoota US dabalatee sodaachisni Taalibaan irraa isaan mudataa jira.
Keessattuu gareen IS damee Afgaanistaan buufata xiyyaaraatti dhohiinsa boombii gaggeessuuf akka jiru dhaadata.
Qondaalli Ajaja Giddugalaa Waraana US Capt Bill Urban Dilbata kaleessaa odeeffannoo argataniin konkolaataa haleellaa boombii gaggeessuuf ture dirooniidhaan rukutuu hime.
Dhohiinsa boombii kanneen badanii balleessan raawwataniin naannoo buufata xiyyaaraa fi maagaalaa Kaabul keessatti yaaddoon jiraachuus hime.
Haleellaa Kamisa darbe buufata xiyyaaraa Kaabul keessatti raawwateen namoonni 170 ta'an yoo du'an, kanneen keessaa loltoonni US 13.
Gareen IS damee Afgaanistaan, IS-K jedhamu haleellaa Kamisaa raawwachuu himeera.













