Hogganaan CIA gaggeessaa Taalibaan waliin Kaabulitti icciitiin mariyatan -Miidiyaalee Ameerikaa

Taalibaanis ta’ee CIA’n Wiiliyaam Barnisi fi Mulaa Baradaar hin Wiixata walarganii mariyachuusaanii hin mirkaneessinee.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Taalibaanis ta’ee CIA’n Wiiliyaam Barnisi fi Mulaa Baradaar hin Wiixata walarganii mariyachuusaanii hin mirkaneessinee.

Hogganaan Dhaabbata Basaasaa Ameerikaa CIA gaggeessaa Taaliibaan waliin Wiixata Kaabul keessatti icciitiin walga'uun mariyachuu isaanii miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.

Taalibaanis ta’ee CIAn garuu Wiiliyaam Barnisiifi Mulaah Baradaar gabaasalee bahan kana hin mirkanneessine.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden Hagayya 31, bara 2021tti guyyaa xumuraa humnoonni Ameerikaa Afgaanistaan gadhiisanii kan bahan akka ta’e dubbatanii turan.

UK dabalatee, biyyoonni michuuwwan Ameerikaa biroon garuu guyyichi akka dheeratu barbaadu.

Humnoonni Ameerikaa haleellaa 9/11 bara 2001 qaqqabe hordofuun ture Afgaanistaanitti kan duulte.

Maddeen miidiyaalee Ameeerikaa kanneen akka Niwuyoork Taayimsi, AP fi Waashingten Poostitti himanitti gaggeessaan Taalibaniifi hogganaan CIA wal arganiiru. Haata'u malee, miidiyaaleen kunneen odeeffannoo bal’aa hin kennine.

Yoo walgahuun isaanii dhugaa ta’e erga hidhattoonni magaalaa Kaabul Hagayya 15 bara 2021 to’achuun mootummaan Afgaanistaan biyyaa baqatee asitti, Taalibaaniifi Ameerikaa gidduutti walitti dhufeenya sadarkaa hunda caala olaanaadha jedhameera.

Loltoonni Ameerikaa 5,800 yeroo ammaatti Buufata Xiyyaaraa Kaabul eegaa kan jiran wayita ta’u, lammileen Affgaanistaaniifi biyyoota biroo kumaatamatti lakka’aman ammoo biyyattii gadhiisanii bahuu yaalaa jiru.

Waashinten Poost akka jedhetti, mariin kun guyyaa Waraaanni Ameerikaa namoota xiyyaaraan baasuu xumurus kan ilaallatu fakkaata.

Kibxata Taalibaan kana booda lammileen Afgaanistaan biyyaa bahuun hin eeyyamamuuf, guyyaan xumuraa Ameerikaan namoota akka baaftu kaa’ames hin dheereffamu jedheera.

Mulaah Baradaar namoota afran bara 1994 Taaliban hundeessan keessa isa tokkodha.

Bara 2010 tarkaanfii waraanaa Ameerikaafi Paakistaan waloon fudhatan keessatti qabamuun ganna saddeetiif hidhamee ture.

Bara 2019 irraa kaasuun waajira Taalibaan Qaataaritti argamu hogganaa kan ture.

Guraaandhala bara 2020tti ammoo waliigaltee Dohaa, loltoonni Ameerikaafi NATO Afgaanistaanii akka bahan ilaallatu mallatteessaniru. Kana malees, hoggaanaa Taalibaan yeroo jalqabaatiif Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjiin bara 2020 kallattii haasa’e ture.