Afgaanistaan: 'Namoonni osoo jiranii beeyladootaa dursuun Afganii baasuun sirrii miti' - Ministira Ittisa UK

Peen Faazing bineenstoota kunuunsa ture Kaabulii baasuuf xiyyaara geejjibaa kireeffate

Madda suuraa, NOWZAD

Ibsa waa'ee suuraa, Peen Faazing bineenstoota kunuunsa ture Kaabulii baasuuf xiyyaara geejjibaa kireeffate

Ministirri Ittisaa UK Been Walaas namoonni osoo jiranii beeyladootaaf dursa kennuun Afgaanistaanii baasuun sirrii miti jedhan.

Mr Walaas balalii xiyyaaraa hojjattootaafi beeylada dahoo kunuunsaa Kaabul keessatti argaman baraaru uggure jedhamuun himannaa dhiyaates fudhatama dhabsiisan.

Waalas namoota ‘balaa keessa jiran’ otoo Afgaanistaanii hin baraariin beyladootaaf dursa kennuuf qophaa'aa miti jedhan.

Dhaabbanni hojii tola-ooltummaa beeylada waliin walqabaturratti kan hojjetu Paawol Faazing deeggartoonni isaa xiyyaara mi’a fe’un akka Afgaanistaanii baasuuf erga maallaqa walitti qabanii booda Ministeerri Ittisaa UK akka isaan dhiise dhiisu himata.

Faazing walakkeessa bara 2000tti waaraana Biriitish Afgaanistaannit bobbaafame waliin hojjataa erga ture booda, bakka tursiisa beeylaoota ’’Nowzad’’ jedhamu magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabulitti hundeessuun saree, adurreefi harree baraara ture.

Waalas garuu bakka sakatta’insaa Taaliban keessa ykn bakka namootaan dhiphate keessa isaan dabarsuu hin dandeenye jedha.

Waalas akka nama paaspoortii Biriitish qabutti akka bahuu eeyyamamuufillee, yoo xiyyaarri geejjibaa Kaabul kan qubatu ta’e, isaafi hojjattootni isaa, namoota kumaatamatti lakkaa’aman biyyattii keessa bahuuf hiriirra galan keessa qaxxamuruuf ‘’sa’aatii dheeraa eeguutu’’irraa eegama jedhan.

‘’Dhimmichi namoonni isaaf hojjetaniifi beeyladoota isaa baraaran sakatta’insa Taaliban, bakka namoonni lafs dhipphisanii jiraniifi hiriira jiru keessa darbuu danda’aan isa gargaaruu danda'uu? kan jedhudha,’’

‘’Namoonni kumaatamatti lakkaa’amanitu jiru, muraasni isaanimmoo waan ganna 20 darbe hojjataa turaniif kallattiin balaa keessa jiru, balaa cimaadha isayyu, namoonni kun akkuma namoota kaanii xiyyaara yaabbachuu qabu.’’

Sababii kanaaf jecha namoota kanaaf dursi kennamuu qaba jedhaniiru.

Faazing toora Tiwitaraa gubbattii, "namoota dogoggoraan filatamaniif dursi kennamaa, ani ganna 22 Humna galaanarraa Rooyal Maarin tajaajileera,’’ jedhee qeeqe.

Barreeffama Tiiwitararratti barreesse biroo keessatti immoo, "Ani akkan of tiksuufin Kaabulitti hafe, loltuu ganna 22 tajaajile gara sarara duubatti hafe, hojjattoonni koofi beeyladoonni ani kunuunsaa ture amma yoonaatti achii hin baane,’’ jedha.

Taatullee Waalas, namoonni osoo jiranii beeyladootaaf dursa kennuun achii baasuuf qophii akka hin taane Sky News'tti himan.

Waalas xiyyeeffannoon Taalibaanotaa ijoon hojjattoota isaafi beeyladoota inni baraare caala namoota hiriirarra jiran muraasa akka ta’an eeraniiru.