Tiraamp Gorsaa nageenya biyaalleessaa MaakMaastariin Joon Booltaniin bakka buse

John Bolton. Photo: February 2017

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joon Boltan Gorsaa nageenya biyyaalessaa Mr Tiraamp nama sadaffaa ta'uun mudaman

Pirezidaant Donaal Tiraamp gorsaa nageenya biyyaaleessaa Ameerkaa kan turan HR MaakMaastariin, qondaala bara Bush keessa ittisaa raayyaa tureefi Ambaasaadara Motummoota gamtomanii duraa Joon Boltaniin bakka busaniiru.

Mr Tiraamp barreeffama tiwiitariitiin Janaraal MaakMaastariin, ''nama hojiiwwan cicimoo raawwateefi yeroo hundaayyuu hirriyyaa kiyya ta'uun turu'' jechuun barreessaniiru.

Mr Booltan kan Kooriyaa Kaabaa fi Iraanii irratti dhiibbaa taasisuu deegaraa turan, akka Oduu 'Fox'tti himanitti, gaheensaa pirezidaantichi akka ''filannoowwan gutuu ta'e qabaatan'' taasisuudha jedhaniiru.

Janaraal MaakMaastar namoota muxxannoo olaanoo dhiheenya kana Waayit Hawuusiin gadhiisan keessaa tokko.

Torbaan darbees, Mr Tiraamp barressaa dhimmaa alaa kan ta'an Reeksi Tiilariin karaadhu barreefama Tiwiitariin Maayik Pompee Daarektar jiddugala qorannoo yakkaatiin bakka buusuun isaa ni yaadatama.

Mr Booltan kan mudamni isaa ragaasisa seenetii Ameerikaa hingaafannees, baatiiwwan 14 Tiraamp itti taayitaa qabate keessatti gorsaa nageenya biyyaalessaa nama sadaffaa ta'u. Isaanis Ebla 9 irraa kaasuun hojii eegalu.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Mr Boltanis adeemsichaaf deebii yoo kennan, ''biyya keenya naga qabeetti, alatti ammoo cimtuu taasisuuf,'' Pirezidaanti Tiraampii fi gareewwan isaa waliin hojachuu qophii ta'u himaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Joon Boltan eenyuu?

Mr Boltan, nama ganna 69, waggoota dheeraaf geengowwan garee rippablikaanootaa keessatti oggeessa imaamata alaataa ta'uun, bulchiinsa Ronaald Reegan, Joorji HW Buush fi kan W Bush tajaajilaniidha.

Bush inni lammaffaanis motummoota gamtoomanitti ergamaa Ameerikaa gochuun kan mudan yoo ta'u, tibba sanattis ture dippilomaatoonni dhuunfaatti Mr Boltan haala gorsaa namatti hintolleetti kan qeeqan.

Mr Boltan dhimmi meeshaalee waraanaa Saadaam Husseen barbadeessu kan gargaaranii turan yoo ta'u, innis dhumsaa dogoggoraan xumurame.

Akkasumas weerara Iraaqii kan deegareefi tarkaanfii humna lotluu Kooriyaa Kaabaafi Iraan kan gaazeexaan jajabeessaa tureedha.