FBI: Warra boombii Obaamaafi Kiliintanitti ergan adamsaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Moombii Pirezedaantii duraanii Obaamaa dabalatee aanga'oota gurguddoo US hedduuf ergameen walqabatee dubbii dubbataniin Pirezedaant Doonaald Tiraamp miidiyaaleen "gocha hamaa baballisuu dhuma hin qabne" akka dhaaban waamicha dhiyeessan.
Meeshaan dho'uu danda'u maramee aanga'ootaaf ergame kun tokkollee hin dhukaane. Dhaabbanni Ameerikaa yakka qoratu FBI illee warra boombii kana erga adamsuu eegaleera.
Dubbii hiriira Roobii galgala Wiiskoonsiitti ta'e irraatti dubbataniin Pirezedaantichi namoota yakka akkanaa raawwatan akka to'achuuf jiran dhaaadatanii "miidiyaaleenillee oduuwwan dhaabbataadhaan diiguuf hojjetaniifi yeroo hedduu sobaan miidhaa qaqabsiisan" gocha akkasii akka dhaaban waamicha dhiyeessan .
Dabalataan Pirezedaanti Tiraamp, jireenya uummataa keessas hunda siyaasa waliin walqabsiisanii wal jibbuu irraa caalmaatti waliif ho'uun barbaachisaadha jedhan. "Warreen siyaasa keessatti hirmatan mormitoota siyaasaa isaanii akka diinaafi hir'ina hamilee hin qabnetti ilaaluu hin qaban," jedhan.
Meeshaaleen dhohinsaa shakkaman gara pirezedaantii Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaafi Barreessituu dhimaa alaa duraanii Hiilaarii Kiliintanitti ergamuu, Dhaabbanni iccitiin yakka qoratuufi gaggeesitoota duraanii tiksu, Seekireet Sarvis beeksise.
Gochaan kun meeshaaleen dhohan wal fakkaatoon mana sooressaafi arjoomaan beekamu Joorji Soorositti argamee guyyaa lamaan boodadha.
Meeshaaleen dhohinsaa kunneen ogeessota [ tecnicians] meeshaa saamsamee pirezedaantii duraanii Obaamaaf ergame sakatta'aa turaniin qabame.
Ze Taayim Waarner sababa meeshaa saamsamee qabame kana hordofee hojjetoota isaa baaseera.
CNN gamoo kana irratti waan argamuuf hojjetoota kutaa oduu baasuu isaa pirezedaantiin dhaabbatichaa Jeef Zuuker himaniiru.
Obbo Zuuker meeshaan dhohinsaa shakkame kun erga kutaa ergaa fudhatamutti qabamee, guutummaatti hojjetooota bakka shakkame kanaa baasuu himan.

Madda suuraa, CBS
Ibsi kutaa Sekireet Sarvis akka agarsiisutti meeshaan dhohinsaa saamsamuun Hiilaarii Kiliintaniif ergame kaleessa irra deebiin ilaalame to'atame.
Har'a ganama immoo meeshaan wal fakkatu saamsamuun gara mana Baaraak Obaamaatti ergamee osoo achi hin gahiin Waashingitanitti hojjetoota dhaabbata qorannaa yakkaa icciitiin gaggeessu [secret service] to'atame.
Meeshaalen dhohinsaa saamsaman kunneen bakka ergama isaanii osoo hin gahiin ture karaatti kan to'ataman. Meeshaalen dhohan kunneen gara mana jireenyaa Obaamaas tahe Kiliintan, Niwu Yoorki hin dhaqqabne.
BiiroonQorannoo Yakkaa [FBI] gochaa shororkaa kana qorachuuf deegarsa gochaa akka jiru hime.

Madda suuraa, Reuters
Dubbii himtuun Obaamaa dhimmicha irratti deebii hin kennine. Haa tahu malee dubbii himaan Kiliintan Waashingitan Postitti akka himanitti meeshichi saamsamee ergame gara mana isaanii akka hin geenye himan.
Meeshaan Dhohinsa ykn boombiin gara gamoo CNNtti ergame Daariktera Dhaabbata Basaasaa Ameerikaa [CIA ] duraanii Joon Bireenaaniif dha.
Obbo Bireenaan erga taayitaa gadhiisanii CNN waliin kan hojjetan yoo tahu Tiraampi qeequun beekama.

Madda suuraa, Getty Images
Maaltu jedhame?
Dubbii himtuun Waayit Haawus Saaraa Saanders, ''yaalii rukuttaa'' gaggeesitoota duraanii irratti yaadame akka balaaleffatan himan.
Dabalataan karaa tiwiitera isaanii sodaachisa CNN fi gaggeesitota ammaa fi duraanii irratti raawwate Waayit Haawus ni balaaleffata jette.

Madda suuraa, Getty Images
Itti Aanaan Pirezedaantii Ameerikaa Maayik Peensi yaali haleellaa Baaraak Obaamaa, Kiliintanii fi CNN irratti gaggeefame ni balaaleffanna jechuun karaa toora tiwiiterii barreesse.
Dabalataan gochaa kana cimsinee balaaleffaanna, biyya keenya keessattis bakka hin qabu jedhan.
Doonaaldi Tiraampi ergaa Maayik Pensi irra deebuun qooduun yaadichatti akka walii galu himeera.
Ilmisaa Doonaaldi Tiraampi jr fi intalli isaa Ivaankaan gochicha balaaleffataniiru.
Cheelsii Kiliintan, mucaan Hillarii fi Biil Kiliintan dhaabbata Sekireet Sarvis gochi fashaleesseef galata guddaa qabna jetteetti.













