Tiraamp meeshaa waraanaa fooyya'a irratti qoqqobbii kaahan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp seera gurgurtaa meeshalee qawween walitti fufiinsaan rasaasa dhukaasu (bump- stock device) irratti qoqobbii ka'uuf mallateesan.
Meeshaan kun bara darbe Laas Vegaasitti haleellaa hidhataan tokko namoota konsartii deeman irratti banee lubbuu namoota 58 gaaga'een fayidaarra ooleera.
Meeshaan kun daqiiqaa tokkotti rasaasa hedduu dhukaasuuf gargaara.
Haasaa waayit Haawosii taasisaniin obbo Traamp muummeen haqaa biyyattii seera itti fayyadama meeshaalee kanaa seeraan ala taasisu akka baasan gaafatani akka ture ibsaniiru.
Waldhabdeen dhimma toa'nnoo messhaa waraanaa irra ture erga torbee darbe namoonni 17 Flooridaatti abbaa qawwee tokkoon ajjeefamanii booda ariifannaan itti waliigalamaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Barattoonnii fi maatiin barattootaa ajjeechaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Meejer Stoon maan Daaglasitti raawwateen miidhaman hara'a teessoo mootummaa kutaa Flooridaa Talahasseetti hiriira mormii geggeesuuf akka ta'e beekameera.
Barattoota 100 ta'antu koonkolaataa sadiin bakka hiriirri kun itti gaggeefamutti imalaa jira.
''Teessoo mootummaa bulchiinsa keenyaatti deemnee namoonni nu waliin guddanne, jireenya keenya guutuu isaan beeknu akkasumaan lubbuun saanii tola akka hin banne mirkaneefachuu barbaanna'' jetti barattuun ganna 18 Juuliyaa Saalmoonee
Traamp maal jedhe?
Haasaa kaleessa Waayit Haawositti taasiseen Obbo Traamp gootummaa qaamota seera raawwachiisan jajanii, Abbaan Alangaa Jeef Seeshin, meeshaalee raasasni utuu adda hin citiin akka dhuka'u taasisan irratti atattamaan seeraan dhorkaan akka irra kaahamu gaafachuu himaniiru.
Dubbii ijoon jijjiirama bu'uuraa fiduun, furmaataa ragaan deeggarame lafa kaanyee daa'imman keenya baalaarraa eeguu dha jedhan.












