Tiraampi namoota waraqaa jireenyaa hin qabne miliyoona 1.8'f lammummaa kennuufi

Madda suuraa, Getty Images
Waayit haawuus dallaa walfalmiisiisaa daangaa meeksikoo irratti hojjetamuuf bajata argachuuf goodaantota miiliyoona lamatti dhihaataniif lammummaa kennuuf karoora tarreesseera.
Wixineen kun walgahii mana marii Demokraatotaa waliin qaban dura gargaara olaanaa Tiraampiin yaada dhihaateedha.
Seerri mariif dhihaate kun gaafa Wiixataa ifa ta'a; gaaffiin baajata doolaara biiliyoona 25 dallaa daangaa Meeksikoo irratti hojjetamu waliin.
Demookraatonni hojjetamuu dallaa kanaan morman, karooricha qeeqanii turan.
Karoorichi maali?
Yaadni kun Konfiraansii gaafa Kamisaa wamamuun itti gaafatama imaammata Waayit Haawuus kan ta'an Istiifeen Miilaeeri fi gargaara mana marii Reppaablikaanotaa gidduutti ta'e booda yaada gadi baheedha, jechuun Midiyaaleen Ameerikaa dubbatu.
Obbo Miileer karoorri Waayit Hawuus kun ''wligaltee addaati'' akka jedhan dubbatama.
Wixineen kunis waggoota 10-12 dhufan keessatti namoota miliyoona 1.8'f karaa itti lammummaa argatan kan tarreessuudha.
Kunis godaantota 700,000 Abjuu-qabiyyee (Dreamers) jedhamuun kan beekamani fi ijoollummaa isaanitti karaa seeraan al ta'een gara Ameerikaatti kan galaniifi sagantaa bara-Obaamaa baheen akka humnaan hin deebifamneef eegumsa kan godhuun ''Defeerred Action for Childhood Arrivaals (Daca)'' jalatti warra argamanis kan dabalatuudha.
Namoonni biroon miiliyoona 1.1 ta'an ammo godaantota ulaagaa sagantaa kana kan guutan garuu iyyannaa Daca hin galchatin hafan ta'u.
Wixineen Waayit Howuusii bahe kun waantawwan lama yeroo baay'ee Pireezidaant Donaald Tiraampiin qeeqaman dabalataan gara xumuraatti fidu barbaada.
Kunis godaantummaa walharkisaa isa jedhamu murteesuu wayita ta'u, seera jiraattoota Ameerikaa maatii fagoo utuu hinta'in rakko malee ijoolee dabalatee haadha warraa yookaan abbaa warraa isaanii itti fudhachuu danda'aniidha.
Wixineen Waayit Hawuus kun daayiversitii viisaa lootarii (DV) yookaan carraa lootariin namoonni 50,000 ol wagga waggaan adduunyaarra gara Ameerikaa deemanii sanas haquu kan dabalatuudha.












