Ajjeechaa Laas Veegaas: Poolisiin kaayyoo abbaa qawwee qorachaa jira

Madda suuraa, Reuters
Poolisiin kaayyoo dhukaasa namoota heedduu bakka dowwannaa sirbaa Laas Veegaasitti raawwatamuun lubbuu namoota 59 balleessee kanneen 527 ta'an maddeesse qorataa jiru.
Abbaan qawwee kan ta'e Isitiifan Paadook, nama umurii 64, darbii 32ffaa Hooteela Maandaalaayi Beey irraa namoota agarsiisa muziiqaarra turaniitti gadi kan dhokaasa bane Dilbata alkan ture.
Poolisiioonnis qawwee 23 kutaa cisiicha hooteelaa isaa keessaa kan arge yoo ta'u, mana jireenyaa isaa Nevaadaatii ammoo qawwee 19 fi dhowaawwan arganii jiru.
Haa ta'u malee, hanga ammaatti ajjeechaan kun sababiin maaliif akka raawwatame wanti barame hinjiru.
Qaamni isilaamik Isteeti ofiin jedhu harkan keessaa qaba jedhu iyyuu, qorattoonni garuu hanga ammaatti gochichi shororkeessummaa addunyaa waliin walitti dhufeenya qabaachu isaa hinargine. Qorattoonni muraasnis haalicha rakkina xin-sammuu waliin kan wal qabatu ta'u isaa eeru, garuu isaafis wanti mirkanneefame hinjiru.
Pireezidaant Tiraampis tibba Wiixata taree Waayit Haawusitti haasawa taasisaniin gochiicha 'hojii seexanaa qulqulluu' jechuun ibsaniiru.

Waa'ee namicha dhukaasee waan beeku qabnu maali?
Istiifan Paadook kaaba Laas Veegaas magaalaa xiqqoo Mesku'itee keessa hawaasa lammiilee angafootaa waliin jiraata ture.
Akka poolisiin jedhettis, namichi kun dubartii Maarilou Daanleey jedhamtuufi amma biyya Jaappaan keessatti kan argamtu waliin jiraachaa kan turee fi haala akkasii keessatti hirmaataa kan hinfakkaaneedha.
Balaadhaan booda garuu yoo poolisoonni qabeenyaa isaa sakatta'an,qawwee dabalataa 19 fi dhootuuwan kan biraa akkasumas rasaasa kumaatamaan lakkaa'aman meeshaalee elekitiriikaa muraasa waliin arganiiru, jechuun Sheriif Jooseef Laas Veegaas irraa ibsee jira. .

Madda suuraa, Paddock family












