Laas Veegaas: Maandaalaayitti yoo xinnaate namootni 50 ajjeeffaman

Madda suuraa, Getty Images
Dhukaasaa Laas Veegaas bakka dowwannaa sirbaarratti banameen, namoonni 50 ajjeefamanii yoo xinnaate kan biraa 200 ol madaa'aniiru.
Namichi Isteefan Padook jedhamuufi kan umuriin waggaa 64 kan ta'e, dhukaasa darbii 32 ffaa Hoteela Maandaalaay Bey irraa asiin gadi namoota dawwannaa muziiqaa irra turani irratti dhokaase.
Poolisiniis namtichi kun jiraataa naannichaa ta'usaa fi qondaaltoota poolisitiin ajjeefamu isaa dubbateera.
Isaanis 'nama fedhii qabu' kan biraa namticha shakkamee waliin deemaa ture barbaachaa jiraachu isaanii dubbataniiru.
Shariif Joo Lombaardoo akka jedheettis, poolisoonni dhokaasichi mala ajjeechaa 'qofaasaatiin raawwachu' kunis kan dubartii Issiyaa Maarilou Danely irratti xiyyeefate akka ta'e amanu .

Madda suuraa, Getty Images
Dubbii himaan hospitaalaa akka jedheetti namoonni miidhama 14 haala soodaachisaa keessatti argamu.
Raga baatoonni ammoo dhukaasni dhibbaatamaan lakkaa'amu dhukaasamu isaa dubbataniiru.
Holeeloonni baayyeen waan cufamaniif agarsiisichi alatti raawatamu danda'eera.

Poolisiin akkuma bakka balaan kun itti raawatame qaqabaniin walakkaan daandii Laas Veegaas cufameera.
Namoonnis hoteeloota, manneen nyaataa fi buufata xiyyaara Laas Veegaas Mckaarraanitti dahachaa jiru
Erga balaan kun uumamuunisaa dhagahameen boodas balaliinsii muraasni gara biraatti geeddaramaniiru.
Doowwannaan agarsiisa muziiqaa kan agarsiisu kun qaama isaa ta'ees erga Jimaata darbeetii kaasee hoteeloota dhihootti argaman kan biraa baayyee keessattis gaaggeefamaa ture.












