Waa'ee dubartoota eegdoota bulchaa Liibiyaa duraanii Mu'aammar Gaadaafii turanii kana beektuu?

Madda suuraa, REUTERS
Erga hogganaan duraanii Liibiyaa Muhaammar Gadaafii Onkololeessa 2011tti garee finciltootaan ajjeefamee booda waa’ee isaa wanti baay’een dubbatamaafi barreeffamaa tureera.
Haata'u malee, waa’ee eegdoota isaa dubara qofa ta’anii imala isaa hunda irratti waliin deemaa turan wanti jedhame baayyeen hin turre.
Hogganaan duraanii Liibiyaa kun jalaala dubartootaaf qabuun kan beekaman ture. Innis haadholii warraa lama, intala tokko fi eegdoota dubaraa dhibbaan lakka’aman kanneen meeshaa waraanaa ciccimoo hidhatan qaba ture.
Akkasumas narsii lammii Yukireen dabalatee jireenyaa isaa keessatti deeggartoota dubaraa isa bira dhaabbatan hedduu qaba ture.
Haadhi warraa isaa jalqabaa barsiistuu kan turte yoo ta’u, ji’a jahaan booda gargar ba’anii ilma Muhaammad jedhamu tokko waliin qabu. Haadhi warraa isaa lammaffaan, Saafiyaa al-Gadaafii, Narsii kan baratte yoo taatu, haadha ijoollee isaa torbaati.
Ta’us dubartoota jireenya isaa keessa turan hunda keessaa, kan baayyee beekkamtii qaban, eegdoota isaa dubartootaati. Looltoonni eegdoota isaa dubaraa fi gartuun narsoota dubartotaa addunyaa irratti beekkamttii qabu.
Odeeffannoowwan akka garsiisaniitti, eegdoonni isaa dubartootaa ta’un alaatti, wayita filataman durbummaa kan qabaniidha.
Dabalataanis isa eeguudhaaf kan of kennaniifi lubbuu isaaniin kan isa tiksani fi qulqullinna isaani eeggatanii akka jiraatan kakuudhaan waadaa seenu. Waadaa isaanis sirritti eeggatu jedhama, sababii guyyaafi halkanilleen isaa irraa adda ba’anii hinturref jecha.
Akka gabaasaaleen Liibiyaafi ala irraa himaniitti eegdoonni kunneenis kan leenji'aniifi kan dandeetti meeshaalee waraanaa fayyadamuun oggummaa gahaa ta'e qabaniidha.
Barruuleen Huffington akka jedhutti, dubartoonni kunneen osoo ifatti hojii isaanii hin eegaliin dura yunivarsitii addaa keessatti leenjii waraanaa fi meeshalee waraanaa walitti fufaa fudhataniiru.

Madda suuraa, REUTERS
Gaadaafiin dubartoota babbareedoo filachuun erga leenjiseen booda loltota taasisa. Biyyaa dubartoonni uffataa amantaa Islaamummaa uffataniin mul'atan keessatti eegdotii kunneen uffanaa addaa fi kophee koomeen ol ka’aa kaawwatanii argamuun isaanii, wanta yaada namoota hedduu hawwate ture.
Eegdoonni Gaadaafii kun seera bulchiinsa isaa waliin haala walsimuun turan. Innis dubartoota kanneen walabummaa dubartootaa irratti akka mallattoo amantaa isaatti fayyadamaa ture.
Haata'u malee, boodarra odeeffannoo dubartoonni kunneen tokko tokko kennanniin akka Gaadaafiin isaan gudeedaa tureefi dhiibbaa irraan gahaa ture ibsaniiru.
Daawwannaan Gadaafiin bara 2009 Xaaliyaanatti taasise, miidiyarratti oduu ijoo ta’ee ture, erga shamarran Xaaliyaana 500 babbareedoo ta’an hoteela keessa bulaa turetti sagantaa irbaataa irratti affeeree.
Taatee kanas namoonni hedduun, jaalaal inni dubartootaaf qabu qofaan osoo hintaane, kaayyoo inni dabarfachu barbaadee kan biraatu ture jedhaa turan dabalatinis kitaabasaa ‘green book’ jedhamuu itti qooduu himan. Kitabni sirna bulchiinsa isaa ibsu kun, Liibiyaatti mana barumsaatti ittiin barsiifamaa ture..
Himannaawwan gudeeddii fi dararuu
Gabaaseeleen booda keessa bahan akka mul'isaniitti, eegdoonni duraanii Gaadaafi, isaa fi ijoolleen isaa dhiraa isaan gudeeduu fi rakkisaa akka turan himan. Kana malees jarri kunneen erga gudeedaniin booda battalumatti akka “isaan jibbuun” dhiisaa turan dubbachuu isaani gabaasonni ni himu.
Ogeessi xin-sammuu magaala Beengaazii Liibiyatti dalagaa ture, Sehaam Sergaawaa Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)f, yakka waraanaa Gadaafii fi waayilootni isaa raawwatan qorachuuf odeeffannoowalitti qaba ture.
Baayyinni laakoofsa eegdota isaa kunneen sirriitti hin beekamu. Ta’us garuu dubartoonni 400 ta’an kan jiran yoo ta’u, yeroo gara biyya alaatti imaluutti eegdoota dubaraa 30 ta’an waliin imalaa ture.
Eegdoota kunneen keessaa dubartoonni tokko tokko akka gudeedaman himachuu yeroo eegalanitti waayilootni isaanii biroos himannaa dhiyeessuu eegalani. Himannaan miidhaa irra ga’ees walfaakkaataa ture.
Dabalataaniis Sergawaan himmaannaa loltoonni Gadaafii dubartoota gudeedaniiru jedhu qorachaa ture yeroo hokkorri mootummaa isaa kufise biyyattii keessatti uumame boode ajjeechan isa raawwate.
Dubartoonni tokko tokko takkaatti loltoota 20 ta’aniin gudeedamuu isaani himataniiru.
“Shamarreen ganna 18 tokko abbaa ishee fulduratti akka gudeedamte dubbateetti. Abbaanshee akka ishee hin ilaalleef gaaffachaa turte,” jedha Sergawaa.
Dubartoonni gudeeddiin irra ga’e tokko tokko of kan ajjeesan yoo ta’u, kaan ammo of ajjeesuuf yaadaa turani.
Kufaatii Gadaafii
Yeroowarraaqsii jijjiirama biyyoota Arabaa Tuuniziyaa irra eegaluun Muddee bara 2010 keessatti kaʼe , Liibiyaan akka biyyaa fincillummaa “ittaantu” tarree namoota hedduu keessa hin ture.
Namoonni hedduun Gadaafii akka hogganaa abbaa irree kan uummaatni wagootaa dheeraaf callisanii jalaatti obsaniitti ilaalan. Ta’us garuu akka hoggantoota biyyoota Arabaa biro hogganaa feedhii biyyoota lixaa kan biyyaa isaarra calsisu jedhamee hin ilaalamu ture.

Madda suuraa, REUTERS
Akkuma fincilli babalʼachaa deemeetti,bulchiinsi isaa balaarra akka bu’uu danda’u ifa ta’aa deeme. Kana irra ka’e, Gadaafiin gochawwan gara jabuummaa mormitoota fi namoota bara 1970 fi 1980 biyyatti baqate irratti fudhateera.
Akkasumas magaaloota fi gandoota keessatti namootni fakkii isaa cicciran ykn aangoorra akka bu’uuf dubbataan xiyyeeffannoo hameenya isaa ta’ani.
Finciltoonni bulchiinsa Gadaafi mormuun waraana eegalan lenjii fudhatani hin turre, ta’us loltoota duraani Gadaafii kan baqate of keessa qabu , Hatau malee looltoonni mootummaa fi kanneen maallaaqaaf ajjeesan lakkoofsaan caalu turani.
Bitootessa keessa NATO’n namoota nagaaf eegumsa gochuudhaaf Mootummoota Gamtoomani biratti fudhatama argachuusaaniis yeroo gidduu galeetti, badiisa isaani olchuun finciltoonni humna argatani, jioota muraasan booda haali garagalee, finciltoonni milkii guddaa argatan.
Magaalaa guddittii Tiriipoolii yeroo finciltoonni to’atanitti, Gadaafiin baqatee dhokachuun geeddarsa uummataa akka qabuu fi “weerarootaa fi waayiloota isaani” irratti injifannoon akka argamu waadaa seenaa ture. Bulchiinsi abbaa irrummaa inni dhaabbatee ture diigame, namoonni baay’een garuu Gadaafiin bilisa ta’e gara fuulduraatti filcila kaasuusa sodaatan.
Haleella xiyyaari NATO konkolaattotasa irratti raawwate hordofe, Gadaafii haala haamaa fi salphisaa ta’een magaala dhalootasaa Sirteetti ajjeefame, kunis yeroo humnootni NTC utuu inni magaalatti keessatti lafa jalaatti dhokachaa ture qabamedha.
Akkataa inni itti ajjeefame sirritti ifa miti “dhukaasa banamee keessa du’ee ykn rasaasan rukatame ykn finciltoota daanditti isa gototanii injifannoo isaanii kabajaa turaniin ajjeefame” yoo ta’e hin beekamu.
Bulchiinsisaa kan waggoota 42 haala hin eegamneenidhaan xumuramne, sababiisa Gadafiin warraaqsaa waan turee fi abba irrummaan biyyatti bulchaa turusaaf. Dabalataan haala salphisaa akkasii keessatti du’usaaf namoota isaa qabe dhiifama kadhachuunsaa hin eegamne.
Gadaafiin waggoota hedduuf Liibiyaa hoggane, namoonni isaa qabe hedduunsaani gaafa inni mootummaa duraani fonqolchuun angoo qabate hin dhalanne jedhan.














