Vilaadimiir Puutin fi Naarendiraa Muudii osoo Tiraamp itti dhaadatanii Chaayinaatti walargan

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin sagantaa simannaa irratti aanga'oota kaan wayita harka fuudhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin sagantaa simannaa irratti aanga'oota kaan wayita harka fuudhan

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin fi Ministirri Muummee Indiyaa Naarendiraa Muudii kora nageenyaa biyyoota naannawa saniif Chaayinaa seenaniiru.

Korri aanga'oonni 20 ta'an irratti hirmaatu jedhamee eegamu kun wayita US doorsisa taarifaa cimsitee jirtutti gaggeeffama.

Keessattuu hariiroo daldalaa Indiyaa fi Raashiyaa irratti gammachuu kan hin qabne Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp aanga'oota biyyoota lameenii walbiratti arguun dubbii hammeessa.

Korri Jaarmiyaa Qindoomina Shaangaayi- Shanghai Cooperation Organisation (SCO) jedhamu kun magaalaa handaara galaanaa Tianjin keessatti gaggeeffama.

Korri kun wayita waggaa 80ffaa yaadannoo xumuramuu Waraana Addunyaa lammaffaa ilaalchisee agarsiisi waraanaa guddaan Beejiingitti gaggeeffamuuf jedhutti taa'ama.

Waggaa torba keessatti yeroo jalqabaaf Chaayinaa kan daawwatan Naarendiraa Muudii, kora kana dursuun Pirezidantii Chaayinaa Shii Jinping waliin haasa'aniiru.

Indiyaan hariiroo ishee Chaayinaa waliin cimsuu akka barbaaddu itti himan.

Aanga'oonni biyyoota kunneenii wayita Ameerikaan qaraxa irratti dabaluuf doorsisa cimsitetti walargan.

Tiraamp Indiyaan boba'aa Raashiyaarraa bitti jechuun taarifa guddaa akka biyyattiirra kaa'an dhaadataa jiru. Akkasumas Raashiyaan waraana Yukireen hin dhaabdu taanaan akka qoqqoban akeekkachiisaniiru.

Ministirri Muummee Indiyaa Naarendiraa Muudii viidiyoo X gubbaatti maxxansan keessatti biyyisaanii Indiyaan ''hariiroo walamantaa, walkabajaa fi wal tumsuurratti hundaa'e'' Chaayinaa waliin cimsuuf kutannoo akka qabdu dubbatan.

''Fedhiin uummata biyyoota lameenii biiliyoona 2.8 ta'anii qindoominni biyyoota lameenii akka cimuudha. Kun milkoofnaan jireenyi dhala namaa garri caalu akka fooyya'etti ilaalama,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chaayinaan olaantummaan kan dursitu jaarmiyaan SCO jedhamu biyyoota miseensa ta'an 10 qaba. Paakistaan, Iraan fi Belarus as keessatti argamu.

Kora irratti dhaabbiidhaan kan hirmaatan fi taajjabdoonni ammoo biyyoota 16.

Korri kun biyyoonni kunneen waliin jiraachuu isaanii kan irratti mul'isaniin ala hanga kana guddaa miti.

Garuu biyyoonni wayita kora kanarratti walargan quuqqaa garaasaanii, waan isaan gaddisiise fi waan waliin qaban hunda kaasanii akka garaasaaniitti waliin dubbatu.

Kun faayidaa korri kun qabu isa ijoodha.

Korri bara kanaa ammoo wayita US qaraxa dabaluuf dhaadachuu cimsitetti waan ta'eef akkaan murteessaadha.

Torbee darbe keessa Pirezidant Tiraamp oomishaalee Indiyaarra qaraxaa dhibbeentaa 50 kaa'uuf murteessuun Delhii fi Beejig gidduutti hariiroon akka cimu sababa ta'e.

Biyyoonni lameen erga bara 2020 keessa humnoota daangaa eegan gidduutti dhibdeen dhalatee hariiroonsaanii cimaa hin turre.

Jaarmiyaan SCO bara 2001 Chaayinaa, Raashiyaa fi biyyoota Giddugala Eeshiyaan eegale dhiibbaa jaarmiyaalee biyyoota lixaa kanneen akka Nato dura dhaabbachuu kaayyeffateeti.

Korri baranaa erga dhaabbatichi hundaa'ee isa guddaa ta'a jedhamee eegama.

Yaadannoo waggaa 80ffaa Waraanni Addunyaa Lammaffaan itti xumurameen walirra bu'uunsaammoo adda isa taasisa.