Waraana Raashiyaafi Yukireen furuun 'rakkisaadha' jedhan Tiraamp

Puutiniifi Yukireen

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen wajjin haasaa taasisuun booda biyyooti lameen wal arganii waraana kana dhaabuuf akka marii'atan waamicha taasisan waajirri mootummaa Raashiyaa Kireemliin buusheesse.

Tiraamp waamicha kana kan dhiyeessan Puutiniin torbee darbe Alaaskaatti hogganoota addunyaa torbaafi Voloodmiir Zeleenskii ammoo Waayita Haawusitti waamanii Wiixata darbe mariisisuun booda dha.

Tiraamp lola biyyoota lameenii furuun ''rakkisaa dha'' jechuun kan amanan yoo tahu, pireezidantiin Raashiyaas waraana kana dhaabuuf fedhii akka hin qabaanne amanama.

Gaafa Kibxataa ''waa'ee Pireezidant Puutin torbanoota dhufan keessatti waan barru taha,'' jechuun ''waliigalteef fedhii agarsiisuu dhiisuu malas,'' jedhan Tiraamp.

Akkas hin godhu taanaan Puutin ''haala hamaatu isa eeggata,'' jechuun Tiraamp dabalanii dubbtanis odeeffannoo dabalataa garuu hin kennine.

Pireezidantiin Raashiyaa Wiixata darbe Yukireen wajjin kallattiin dubbachuuf ''fedhii'' qbaachuu Tiraampitti himanii ture.

Tahus Ministarri Hajaa Alaa biyyattii Sergee Laavroov waadaa duraanuu ifa hin turre ittuu busheessaniiru.

Walgahiin kamiyyuu ''suuta qopha'uu qaba, jalqaba ogeessota wajjin achiin sadarkaa itti aanutti darba,'' jechuun toora haasaa Kireemliin beekamaa irra deebi'aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dimtrii Pooliyaansikiin UN'tti bakka bu'aa ittaanaa Raashiyaa yoo tahan marii kallattii ''namni dide hin jiru'' garuu walgahuudhaaf qofa walgahuu tahuu hin qabu jedhan.

Gaafa Kibxataa Puutin mariidhaaf Zelenskiin gara Moskoo akka deemu yaada kan dhiyeessan tahuu himamus Yukireen garuu waan fudhattu miti.

Raashiyaanis yaada filmaataa Yukireen irratti waliigaluu hin dandeenye kan dhiyeessaa jirtu fakkaata.

Mariin guyyoota darbanitti taasifaman waraanichi kan isaan yaadan caala wal-xaxaa akkasumas qaawwa guddaa fedhii biyyoota lameen gidduu jiru kan itti agarsiise fakkaata.

Dhukaasa dhaabuuf dhaadatanii Puutiniin akka waliigaluu nan godha jedhanis hojiirra ooluu hin dandeenye.

Amma pireezidantichi Yukireeniifi Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa taheef mariiyachuu qabu gara jedhuutti ce'aniiru. Haa tahu malee Yukkireeniif gamaa wabii nageenyaa kennuun waliigalteen hamma tahe taasifameera.

Zelenskii fi hogganooti Awurooppaa waadaan kuni walabummaa Yukireeniif akka fayyadu kan amaniisan fakkaata.