Dhimmoota ijoo marii dhimma Yukireen Tiraamp waliin taasifameerratti ka'an

Madda suuraa, PRESIDENTIAL PRESS SERVICE/HANDOUT/EPA
Pirezidant Volodimir Zeleniskiin gaafa Wiixataa karaattii waraana Yukireen dhaaban irratti mari'achuuf Pirezidantii US Donaald Tiraamp waliin Waayiit Haawusitti wal arganiiru.
Dureewwan Awurooppaas marii kanarratti hirmaachuuf gara Waashingitan imalaniiru.
Mariin kuni erga Tiraamp torban darbe Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimir Putiin waliin Alaaskaatti wal arganii dhukaasa dhaabuurratti osoo wal hin galiin hafan booda taasifame.
Tiraamp jechoota abdachiisoo dubbachuufi yaada gar biraa michuuwwan isaanii Awurooppaarraa dhagahameen ala mariin Wiixataa gara waliigaltee nageenyaatti hin geessine.
Dhimmoonni ijoo marii kanaa kunooti.
Putiin fi Zeleniskii walitti fiduu?
Marii booda Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti akka barreessanitti gara Putiin bilbiluun pirezidantii Raashiyaafi Zeleniskii akka wal argan qophii akka eegalan itti himuu himan.
Eega lamaan isaanii bakka si'achi ifa ta'utti mari'atan booda mariin pirezidantii US hirmaachise ni taasifama.
Gorsaan Putiin eegasii booda akka jedhanitti Tiraamp fi Putiin gaafa Wiixataa daqiiqaa 40'f bilbilaan haasa'an.
Pirezidantiin Raashiyaafi Yukireen wal diinomfatan walitti fiduun hangam akka salphaa akka ta'e si'achi kan mul'atu ta'a.
Yoo walitti dhufan Raashiyaan bara 2022 Yukireen erga weerarte as yeroo jalqabaaf dureewwan lamaan fuulaa fuulatti wal argu jechuudha.
Ji'ootaaf zeleeniskiin Putiin qunnamuuf barbaadaa turan.
Kaayyoon isaanii Raashiyaan nagaa buusuuf fedhii hin qabdu yaada jedhu waan qabaniif mariin kuni milkaa'a jedhanii hin yaadan.
Moskoon immoo Putiin fi Zeleeniskiin akka walitti dhufan waan feetu miti.
Tiraamp fi Dureewwan EU wal darban
Tiraamp dhukaasa dhaaburra waliigalteen nagaa akka mallattaa'u barbaadu.
Waamicha dhukaasni akka dhaabbatu gaafatus waan fedhan hin fakkaatu.
Kana dura Yukireen dhukaasni akka dhaabbatu gaafataa turte. Waliigaltee dhukaasa dhaaburra waliigalteen dhukaasa dhaabuu salphaas ta'u danda'a.
Waa'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu yoo dubbatan ''kuni barbaachisaa ta'u isaa hin beeku,'' jedhan.
Haa ta'u malee, dureewwan Awurooppaa dhukaasa dhaabuu barbaadan.
Chaansilarri Jarman Friedrich Merz ''Mariin itti aanu waliigaltee dhukaasa dhaabuu malee yaaduun na dhiba,'' jedhan.
''Mee isarratti haa hojjennu, Raashiyaarratti dhiibbaa haa cimsinu,'' jedhan.
Zeleniskiin dhimma kanarratti akka dubbatan yeroo gaafataman akka duraanii waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jiraatu deebi'anii hin dubbanne.
Tiraamp wabii nageenyaa akeekan
Tiraamp dubbii isaaniin waliigaltee waraanatti xumura gochuuf taasifamu mara keessatti US Yukireeniif wabii nageenyaa akka argattu akka gargaaran dubbatan.
Pirezidantiin US waraana bobbaasuu akka filmaatatti hin dhiheessine.
Garuu, wabiin nageenyaa kuni loltuu Ameerikaa bobbaasuu akka dabalu yeroo gaafataman akka filmaata tokkotti akka ilaalan himan.
''Eegumsa gaarii kenninaaf,'' jechuun Tiraamp dubbatan.
Dhimma wabii nageenyaa kennuurratti ejjennoo ifaa Tiraamp kennanidha.

Madda suuraa, Reuters
Torban darbe Alaaskaatti Putiin Yukireeniif wabii nageenyaa kennuuf waliigalaniiru jechuunis Tiraamp dubbatanii turan.
Waliigalteen meeshaa waraanaa dolaara biiliyoona 90 qaama wabii nageenyaa Yukireeniif dhiheessuu akka ta'e marii Wiixataa booda Zeleniskiin dubbataniiru.
Kuni meeshaa waraanaa US qabu Yukireen hin qabne, farra misaa'elaa fi ''kaan ammatti ifa hin goone,'' jedhan Zeleniskiin.
US diroonii Yukireen akka bittu fa'is dubbatani.
Zeleniskiin 'galatoomi' baay'isan
Barana Guraandhala keessa Zeleniskiin yeroo Waayit Haawus daawwatan haala gaariin hin simatamne turan.
Imala isaanii tibbanaan garuu warra Ameerikaa baay'uma jajan. Daqiiqaa muraasa keessa si'a jaha ''galatoomaa'' jedhan.
Kana dura gara US yeroo dhufan Ameerikaa hin galateeffanne jedhamanii Pirezidantii I/Anaa JD Vaansiin haalaan qeeqamanii turan.
Imala isa tibbanaan Zeleniskiin uffata waraanaa hin uffanne.

Madda suuraa, Getty Images
Michummaa maatii cimsuufis Zeleniskiin xalayaa Giiftii Duree Yukireen irraa ergame Giiftii Duree US'f ergame kennaniiru.
''Siif miti - haadha warraa keefi,'' jechuun Tiraampitti kennan.
Dureewwan Awurooppaas mariin taasifamuu dura akkanuma Tiraamp jajaa turan.
Ta'us, Raashiyaan isaaniifis yaaddoo akka taate hin dhoksine.















