Aanga'oonni Awurooppaa Zeleniskii dabaaluun gara Waayit Haawus imaluu maaf barbaadan?

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee UK Keeyir Istaarmar fi dureewwan Awurooppaa kaan Zeleniskii waliin gara Waashingitan DC akka imalan ibsaniiru.
Wiixata Hagayya 18, 2025 Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii Waayit Haawusitti Pirezidant Tiraamp waliin ni mari'atu.
Ibsi mootummaan UK baase waa'ee Zeleniskii waliin gara Waayit Haawus imaluu ilaalchisuun ''kun erga Ministirri Muummee waraana Raashiyaan seeraan ala Yukireen irratti gaggeessaa jirtutti xumura gochuu keessatti tattaaffii Tiraamp taasisaa jiran ajaayibsiifataniiti,'' jedha.
Ministirri Muummee Keeyir Istaarmaar karaan nagaa osoo abbaan dhimmaa, Pirezidant Zeleniskiin, qooda hin fudhatin hin milkaa'u jedhanii turan.
Ministirri muummee kun wabii nageenya Yukireeniif dhaabbachuu irratti kora har'a, Dilbata Hagayya 17, 2025, taa'ame wayita dursanitti marii kamuu keessatti Yukireeniif bakki kennamuu akka qabu dubbataniiru.
''Walga'ii bor Waayit Haawustti gaggeeffamu irratti Ministirri Muummee qondaalota Awurooppaa kaan waliin ta'uun ni hirmaatu. Mariin itti aanee akka gaggeeffamus ni deeggaru. Deeggarsi isaan Yukireeniif qabanis hanga barbaachisaa ta'etti itti fufa,'' jedha ibsi kun.
Ministira Muummee UK Keeyir Istaarmar waliin aanga'oonni Awurooppaa kanneen akka Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloni, Hoogganaa Nato Maark Ruutee, Chaansilara Jarmanii Fireedirik Meerzi, Pirezidantii Finlaand Aleksaandar Istab, Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Makroon, Pirezidantii Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen gara Waashingitan imaluuf qophaa'uu ibsaniiru.
Aanga'oonni Awurooppaa kunneen hunduu Zeleniskii dabaaluun gara Waayit Haawus akka imalan, kunis deeggarsa qabaniif akka ibsu akeekaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalli Yukireen kun Waayit Haawusitti Tiraamp faana wayita walargan kun kan jalqabaa miti. Guraandhala darbes garas imalaniiru, garuu simannaa gaariin hin taasifamneef.
Aanga'oonni lameen ammas akkuma yeroo sanaati moo hariiroosaanii cimsataniiru? Aanga'oonni Awurooppaas tarii kanumaaf faana ka'an ta'a.
Erga Guraandhala keessa Waayit Haawusitti kabaja dhabanii Zeleniskiin yeroo jalqabaaf amma garas imalu.
Yeroo sana Pirezidant Zeleniskii, Pirezidant Tiraamp fi Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'an JD Vaansi osoo iji addunyaa isaan ilaalu tamsaasa kallattiin osoo walga'iin isaanii darbuu afaan keessa walba'aa waan fedhan waliin jechaa turan.
Dippiloomaasii addunyaa keessatti taateen akkanaa kan jalqabaati jedhameera.
Dhumarratti Zeleniskii Waayit Haawus keessaa gadi ari'an, kabaja dhowwatan.
Taatee sana booda hariiroo mishaa qabaatu ykn haala kanaan walitti deebi'u jedhanii eeguun ni ulfaata.
Garuu ji'oota itti aanan aanga'oonni Awurooppaa hariiroon laafe kun akka suphamu duubaan dhiibbaa uumaa turan.
Amma Pirezidantiin Yukireen kun kophaa hin jiran. Marii dhimma biyyasaanii ilaallatu kamirrattuu ija jabinaan akka dubbatan waan gorfaman fakkaatu, Tiraampitti dubbachuu dabalatee.
Aanga'oonni Awurooppaa michuunsaanii wayita dhimmi biyyasaa dubbatamu kora Alaaskaa keessaa dhabamuutti baayyee mufatanii turan.
Ofiis irratti hirmaachuu baayyee fedhu turan, Tiraamp garuu osoo kun hundi irratti ka'uu didanii kophaatti Putiin waliin dubbatan.
Amma aanga'oonni kunneen qaama marii ta'uuf deemu, kanattis akka gammadan ibsaniiru.
Ammas haasaan kan gaggeeffamu Tiraamp fi Zeleniskii gidduutti, garuu aanga'oonni kunneen Zeleniskii hordofuun DC keessa jiraachuun biyyoonni Awurooppaa Yukireen duuba jiraachuu waan agarsiisuuf hamilee ta'aaf jedhanii amanu.
Ministirri Muummee UK waan Guraandhala darbe iddoo Pirezidantonni US taa'an- Oval Office, keessatti Zeleniskii mudate taa'anii ilaaluun ni ulfaata jedhan.
Keeyir Istaarmar ergasii callisanii hin ilaalle, hariiroo Tiraamp fi Zeleniskii fooyyessuuf baayyee hojjetaniiru.
Ji'uma sana keessa Waayit Haawus daawwachuun haala gaariin simatamaniiru, dhihoo kanas Tiraamp wayita Iskootlaand daawwatan simannaa gaarii taasisaniif.












