Misaa'elli Tomahawk US Yukireeniif kennuuf yaadaa jirtu maali? Hangam Raashiyaarratti olaantummaa kennaaf?

Misaa'elii Tomahawk

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp misaa'elii fagoo deemu Yukireeniif kennuuf yaadaa akka jiru pirezidantiin ittaanaa US JD Vaans dubbateera.

Gosti misaa'elaa Yukireeniif kennama jedhamee yaadama ajiru ammoo Tomahawk jedhamee beekama.

Yukireen michootashee warra Lixaa meeshaa waraanaa adda waraanaarra darbee fageenyatti magaalota Raashiyaa haleeluu danda'an akka hidhachiisaniif gaafachaa turteetti.

Meeshaa akkasii kana argachuun ammoo industirii waraanaa Raashiyaa akkaan dadhabsiisuun waraanichi akka xumuramu taasisa jettee amanti Yukireen.

"Yoo baasiin waraanicha itti fufsiisuu Mooskootti cime, marii nagaa jalqabuudhaaf dirqamti," jechuun BBCtti hime itti-aanaan ministeera ittisaa Yukireen Ivaan Haviriliyuuk.

Dubbi-himaan Kireemiliin Dimiitirii Pekov garuu dubbii pirezidantiin ittaanaa US JD Vaans dubbate kana busheessuun, "Kiiviif waan adda waraanaarra jiru qorichi jijjiiruu danda'u hin jiru," jedhe.

"Tomahawks ta'u misaa'eloota gosa biroo, haala [waraanni kun] itti deemaa jiru jijjiiruu hin danda'an," jedhe itti dabaluun.

Yukireenitti ergamaan addaa US Keeyiz Keloong, Tiraamp daangaa Raashiyaa keessa gadi fagaatamee haleellaan akka raawwatamuuf ajajeera yaada jedhu kaasa.

Yaadni Vaans fi Keloong kun ammoo waraana kana ilaalchisee ejjennoo bulchiinsa US tibbana jijjirame waliin wal sima.

Misaa'eloonni Tomahawk maali, akkamiin hojjeta?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Misaa'elli Tomahawk misaa'ela fageenya dheeraa, saffisaan soonik Kiruuz misaa'eliin gadi yoo ta'u, adda durummaan Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam bakka baayyee barbaachisaadha jedhanitti qiyyaafannaa sirriin haleeluuf itti fayyadamu.

Dooniirraa ykn doonii bishaan jalaarraa furguggifamuudhaan, aadarii diinaan akka hin argamnetti osoo samiitti baayyee ol hin ba'iin balali'uun r kan hojjetudha.

Mala GPS, inershiyaa naavigeeshiniifi Teeriyaan kontur maaching (TERCOM) walitti fayyadamuun hojjeta.

Daandiin balalii misaa'ela kanaa yeroo qabatamaa keessatti karaa daataa walitti hidhamiinsaatiin haaromfamuu kan danda'u yoo ta'u, bakka barbaachisutti ammoo akka dheeratu butuun bakka irratti xiyyeeffatanitti erguun ni danda'ama.

Misaa'eloonni Tomahawk siistema vertikaalii ta'een dooniiwwan lafarraatii, doonii galaana jalaarraatii yookaan ammoo laawoncharii dirra lafaarras ni dhukaafamu.

Erga takkaa bakka jirurraa dhukaafame booda mootarri rookkeettii sochoosu jabaan humni ittiin fagoo deemu gochuun, misaa'ela sana dafee qilleensa keessa sochoosa. Kun ammoo baallee isaa fi qilleensa mootora isaa akka fudhatu dheeressa.

Akkasiin erga toora qabatee booda saffisa naannoo km/h 880 ta'een bakka itti ergame qaqqaba.

Misaa'elli kun olka'iinsa gadi aanaa (hanga meetira 30-50 gadi) keessa kan deemu yoo ta'u, kallattiin osoo hin taane daddabaa balali'a, kun ammoo raadarriin adda baasee addaan kutuuf rakkisaa taasia.

Yukireen maaliif misaa'ela kana barbaaddi?

Misaa'elli kun fageenya dheeraa kan balali'u yoo ta'u, akkaataa idileetti galaana irraa furguggifamee adda waraanni irratti gaggeefamurrra darbee fagaatee bakka filatame rukkuta.

Meeshaan waraanaa kun giddu-galeessaan kiiloomeetira 1,600 hanga 2,500 irratti rukkutuu danda'a.

Wanti biraa adda isa godhu, daangaa qilleensaa eegumsa jabaa qaba jedhamee amanamu keessa seeneellee sirriitti haleeluu isaati.

Yukireenis kan dhimmitee argachuuf Ameerikaatti waywaataa jirtuuf fageenyarratti magaalota Raashiyaa haleeluu akka ishee dandeesisu amanuudhaan.

Misaa'eliin Yukireen abdachaa jirtu kun meetira 6.1 kan dheeratu yoo ta'u, baalleen isaa ammoo faana 8.5 ni ta'a.

Tomahawk, misaa'elii kun hanga kiiloogiraama 1,510 ulfaatas.

Akka ragaan baajata Pentaagon agarsiisutti, US bara 2026tti misaa'eloota 57 bitachuuf karoorfattee jirti. Kanaaf ammoo giddu galeessaan tokkoo tokkoo isaatiif baasii doolaara miiliyoona 1.3 qabdeetti.

Sirna qajeelfamaa dabalatee meeshaalee waraanaa fooyyessuu fi ol guddisuufis baasii miliyoonaan lakkaa'amu ramaduun tattaaffiin itti fufee jira.

Waraanni US fi michoonnishee `gps balalii Tomahawk caalaa gargaaru qoratanii foyyeessuun yeroo humni galaanaa US fi UK finciltoota Huutii Yaman keessatti misaa'ela Tomahawk furguggisuun itti fayyadamaniiru.

Tomahawk misaa'eloota Yukireen yeroo ammaa qabdurraa akkamiin adda ta'a kan jedhu gaaffiin ni ka'a.

Yukireen yeroo ammaa kana misaa'eloota fageenya dheeraatti furguggifsman biyya keessatti hojjetamanii fi biyyoota Lixaarraa dhiyaateef baayyee qabdi.

Flamingo - Dhaabbanni Yukireen Fire Point dhiheenya kana misaa'ela Flamingo jedhamu kan Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin meeshaa waraanaa biyya isaanii keessatti omishame milkaa'aa ta'uu ibsan qabdi. Fageenya maayilii 1,000 ol kan deemuu danda'u yoo ta'u, Yukireen yeroo jalqabaaf itti fayyadamuushee Hagayya 2025 gabaasteetti.

Neptune - Yukireen misaa'ela farra doonii Neptune hojjettee bara 2015tti ifoomsite. Misaa'eliin gosa kanaa isa jalqabaan booda itti aananii hojjetaman yoo xiqqaate hanga fageenya maayilii 600 ol kan deemanidha.

Harpoon - US keessatti kan hojjetame Boeing, Harpoon misaa'ela haala qilleensaa hunda keessatti hojjechuu kan danda'u, kan odoo (horiizon) ol ta'e, farra doonii kan ta'ee fi raadara sochii qabu kan fayyadamu ta'ee, ittisa jalaa miliquuf bishaan gubbaa xiqqoo balali'a. Doonii, doonii bishaan jalaa, xiyyaara ykn qarqara galaanaarraa furguggifamuu kan danda'u yoo ta'u, fageenya maayilii galaanaa 75 deema.

ATACMS - Lockheed Martin Corp (LMT.N) tiin kan hojjetame, Sirni Misaa'ela Tooftaa Waraanaa akkaataa moodeela isaarratti hundaa'uun fageenya guddaa hanga maayilii 190 deemuu danda'a.

Misaa'ela balistikii tooftaa lafarraa gara lafaatti boba'aa jabaa qabuu fi fageenya giddu galeessaa qabuu, akkasumas dheerinni isaa gara meetira 4 kan ta'ydha. ATACMS kan furguggifamuu danda'a M270 Multiple Launch Rocket System (MLRS) ykn M142 High Mobility Artillery Rocket System (HIMARS) irraati.

Storm Shadow Missiles - MBDA Awurooppaatiin kan hojjetaman yoo ta'u, misaa'eloonni akkasii kun fageenya maayilii 155 kan deeman yoo ta'u, rasaasa waraanaa barame paawundii 990 ulfaatu qaba.