Obbo Shimallis Abdiisaa: 'Kun dogoggora cimaadha; kan ta'uu hin qabne garuu raawwatamedha'

Itti-aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naaannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa rakkoon eegdonni Jawaar Mohaammad akka kaafaman ajajamuusaaniitiin walqabatee mudateen kan hin malledha jedhan.
Eegdonni Obbo Jawaar halkan waarii akka gadhiisanii deemaniifi osoo dursanii hin beeksisiin taasifamuun kun hiriirri mormii kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti akka gaggeeffamu taasiseera.
Ibsa haala yeroorratti OBNf kennaniin Obbo Shimmallis: "Kun dogogora cimaadha; kan ta'uu hin qabne garuu raawwatamedha," jedhan.
"Obboleessa keenya Jawaaris ta'e warra kaanis biyya alaatii galan eegumsa mootummaan itti yaadee, karoorsee balaa adda addaa karaa adda addaa dhufuu danda'u giddu-galeessa godhatee eegumsa raawwachaati kan ture."
Obbo Shimallis, eegumsaa maluu taasisuun nageenya isaa mootummaan Federaalaas, mootummaan naannoos kan mirkaneessu ta'uu isaa isiniif mirkaneessuun barbaada jedhan.
Dhimmichi akka qoratamuuf kallattiin kaa'amee akka jiru kan ibsan Obbo Shimallis, namoonni bakka adda addaatti miira itti dhaga'ame karaa sirrii ta'een ibsachaa oolaniiru jedhan.
"As keessatti garuu qaamoleen fedhii adda addaa qaban, qaamoleen Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuu barbaadan, qaamoleen saamicha adda addaa gaggeessuu barbaadan bakka biraatiis fe'amanii dhufanii gocha fokkisaa raawwatanii jiru."
Gocha fokkisaa bakka gara garaatti qaamoleen fedhii addaa qaban kun taasisuuf turan Qeerroofi Qarreen poolisiifi qaamolee nageenyaa waliin ta'uudhaan akka fashalu taasisaniiru akka Obbo Shimallis jedhanitti.
Haala amma jiruun walitti bu'insa amantaafi sabaa gidduutti akka ta'uuf sochiin bal'aan taasifamaa jira jechuun, abbootiin Gadaa, jaarsoliifi Qeerroon kana akka hiraawwanneef haarsaa guddaa kaffalan galateeffataniiru jedhan Itti-aanaan Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Gochawwan gaddisiisoo raawwataman akka jiru himuun, mootummaan dhimmicha qulqulleessee uumata akka beeksisuufi ol-aantummaa seeraa kabachiisuuf akka jirus addeessaniiru.
Ummanni Oromoo sadarkaa kanarra kan ga'e tokkummaa isaa ijaarrachuudhaan akka ta'eefi garaa garummaa yaadaa jirurratti ilaafi ilaameedhaan mariyachuun, akkasumas galma walootiif harka walqabatee hojjechuudhaan akka ta'es ibsaniiru.
Kaleessa kan injifatamne tokkummaa dhabuu keenyaan ture kan jedhan Obbo Shimallis, ar'as tokkummaa keenya eegachuudhaan qofa kan ce'uu dandeenyu jedhan.
"Fedhiifi faayidaan ummata keenyaa nuuf of ilaalee keenyadha. Kanaaf, fedhiifi faayidaa ummata keenyaa kanarratti ammoo tokkummaan hojjechuu qabna."
Wanti uumame kun akkaataa seeraan itti deemamee qulqullaa'uun tarkaanfiin fudhatamee ummataaf kan beeksisfnu ta'a jedhan.
"Dogoggorri kun lamuu nutti hin deebiyu kan jedhan Obbo Shimallis, rakkoo nu mudtate kanarraas barannee darbuu qabna," jedhan.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dhimma nageenyaa Jawaar Mohaammad mudate ilaalchisuun ibsa miidiyaalee biyyaa keessaaf kenneen garuu wanti poolisiin raawwatame omtu hinjiru, qaamni motummaa tarkaanfii fudhates hinjiru jedhee ture.


















