Jawaar Mohaammad: Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa tarkaanfiin motummaanis ta'e poolisiin fudhatame hinjiru jedhe

Komishiinara Pooliisii Federaalaa Indaashaawu Xaasaw

Madda suuraa, FBC

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dhimma nageenyaa Jawaar Mohaammad mudate ilaalchisuun ibsa miidiyaalee biyyaa keessaaf kenneen, wanti poolisiin raawwatame omtu hinjiru, qaamni motummaa tarkaanfii fudhates hinjiru jedheera.

Komishiinarri Pooliisii Federaalaa Indaashaawu Xaasaw gama motummaanis ta'e gama poolisiitiin tarkaanfiin kammiyyuu irratti hinfudhatamne jedhu.

Akka Komishinarihaatti, ergaa rogeessi Jawaar Mahaammad deeggartoota isaatiif dabarseen, hidhamuufan, miidhaan narra gahuufi kan jedhudha. Kanaafuu tarkaanfiin fudhatame wayiitu hinjiru, kan jedhamees dogongora jedhaniiru.

Poolisiin namoota siyaasaafi roggeeyyoota jijjirama umameen walqabatee gara biyyaatti deebii'aniif bakka jiraataniifi socho'aniitti rakkoon akka isaan hinmudanneef eegumsa taasiisaafi tures jedhaniiru.

Rakkoolee biyyattii keessatti callaqisaa turan yeroodhaa gara yerootti hikamaa dhufusaaniitiin walqabatee, eegdoota dhunfaa kaasuuf hojjataa ture.

''Gara fuula duraattis bakka barbaachisuufi hinabrbaachifne adda baasuun kana duras poolisii keessatti hojjatamaa kan tureefi gara fuula duraas kan hojjatamuudha,'' jedhaniiru.

Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, OMN

Kanaafuu ergaan poolisiin tarkaanfii narratti fudhate jedhamee dabarfame dogongora jedhaniiru Komishiinar Indaashaawu Xaasaw, ''poolisiniis ta'ee qaama motummaa kamiinuu tarkaanfiin fudhatame hinjiru,'' jedhaniiru.

Kana waan ta'eefu humnootiin nageenyaafi oggantoonni bakka jiraniitti daandiiwwan cufaman bansiisuun hawaasni haala nagaatiin akka socha'u akka taasiftan hubachiisa jedhaniiru.

Kana malees ''hojii seera kabachiisuu keenya itti fufiinsaan kan hojjannu ta'u ibsuun barbaadas,'' jedhaniiru.

Taatee kanaa fi haasawa Paarlaamaa MM Abiy

Jawaar ganama kana miidiyaa OMN waliin gaaffiifi deebii taasiseen dhimmi kun qorannoon gara fuuladuraatti kan ilaalamu tahus, ''taateen kuniifi haasaan Ministira mummeetiin kan walqabatu natti fakkaata,'' jedheera.

Kaleessa (Kibxata) ganama MM Abiy Ahimad Paarlaamaa biyyattiitti dhiyaachuun dhimmoota garagaraa irratti haasawa taasisaniiru. Isaan keessaa dhimmi waa'ee miidiyaalee dubbatan dubbii ijoo marii taheera.

Maal jedhan?

''Hooggantoota miidiyaalee kanneen paaspoortii biyya alaa of harkaa qaban, yoo barbaadaniifi nagaa yoo ta'e asiitti xabachuun, yoo nuti rakkina keessa galammuu ammoo kanneen biyya itti baqattan qabda, nuti kan obsaa jiruu dirree haa ballifnu jenneeti malee birmadummaa biyyattiirratti dhuufnaan afaam Amaaraa ta'e Oroomo kan dubbatu irratti tarkaanfii fudhachuun keenya kan hinolle ta'u hubachuun barbaachisaadha,'' jedhaniiru.

Misooma, bilisummaa fi demookraasii keenya yoo deeggartan gaariidha, kanaa achii daldalaaf itti fayyadamtu yoo ta'e bilisummaa fi dimookraasiitiin ni qoofama yoo ta'e hubatamuu qaba.

Rakkoo uumtanii biyya biraa itti baqattan kan qabdan, obsaan kan isin ilaalaa jirru, dirree isinii bal'ifna jenneeti, jireenya biyyarratti dhuftu yoo ta'e seeraan isin gaafannaa. Uummatni biyya biraa hin qabu,'' jedhaniiru.