Filannoon Itoophiyaa yeroo hin murtoofneef achi butame

Weerara koronaavaayirasiif jecha filannoon biyyaalessaa 2012 yeroo qabameetti akka hin gaggeeffamne Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gabaasni keenya kallattii kanumaan xumurama

    Fayyaa tahaa

  2. Amma nu gahe, Dirree Dhawaatti namni koronaavaayirasiin qabame 1 dabalataan argame

    Namni vaayirasiin kun irratti mula'te kunis gaheessa ganna 42 yoo tahu, ALI Bitootessa 9 biyya Awustiraaliyaa irraa gara Itoophiyaa kan dhufe yoo tahu, guyyaa ittaanutti ammoo gara Dirree Dhawaa imaleera.

    Boodas mallattoon waan irratti mullateef wayita qoratamu, vaayirasichaan qabamunsaa mirkanaa'eera jedha ibsi Ministirri Fayyaa Itoophiyaa baase.

    Kunis lakkoofsa namoota COVID-19n qabamanii 26n gaheera.

  3. Amma nu gahe, Xaaliyaan sa’aatii 24n dabran keessa namoota 837 dhabde

    Xaaliyaanitti sa’aatii 24 keessatti namoonni 837 sababa COVID-19 yoo du’an lakkofsa namoota du’anii 12,428’tti ol akka guddatu taasiseera.

    Lakkofsi namoota vaayirasichaan qabamanii isa gaafa Wixataa 1,648 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu haaraa 2,107 ta’eera.

    Ammaaf namoonni vaayirasichaan qabamanii 77,635. Kunis isa gaafa Wixataarraa %2.8’n ol guddateera.

    Mootummaan biyyattii namoonni 15,729 vaayirasicharraa bayyanachuu yookaan dandamachuusaanii himaniiru.

    Namoota du’an keessaa 66 kan ta’an doktaroota/hakiimoota.

  4. Amma nu gahe, Itoophiyaan filannoo achi butte

    Asxaa Bordii Filannoo Biyyaalessaa

    Madda suuraa, NEBE

    Weerara koronaavaayirasiif jecha filannoon biyyaalessaa 2012 yeroo qabameetti akka hin gaggeeffamne Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

    Sababii weerara koronaavaayirasiittin walqabatee haala uumame irraa ka’uun, filannoon bara kanaa yeroo qabameef keessatti gaggeessuu kan hin dandeenye ta’uu, Boordichi beeksisee jira.

    Haaluma kanaanis hojiiwwan karoora duraan baheen gaggeefamaa turan yeroodhaaf dhaabuuf murteessuu isaas ibseera.

    Ibsa boordichi midiyaalee biyya keessaaf kenneen akka mulliseetti, baatiiwwan Bitooteessaafi Eblaa keessa hojiiwwan haalduree filannoo raawwatamu qaban hedduu akka tureefi sababii taatee koronaa amma addunyaafi biyyattii mudateen kan raawwachuu kan hindandeenye ta’uu beeksiseera.

    Mootummaan biyyattii tatamsa’ina koronaa ittisuuf jecha walitti dhufeenya namootaa dabalatee tarkaaffiiwwan dhorkaa hedduu waan fudhateefi sadarkaa naannooleettis labsiin yeroo muddamaa waan labsamaa jiraniif, geejiboonni waan dhaabbataniifi namoota walitti qabuun waan dhorkameef hojiichatti danqaan umamuu eere.

    Kana malees hojjattoonni motummaafi dhaabbilee idil-addunyaa boordichaaf deeggarsa taasisan manaa akka hojjatan waan taasifameef, kanneen ammo hojjattoota isaanii gara biyyaatti akka deebii’an waan taasisaniif, kanaafi kan olitti eeramaniin wal qabatee galmeen filattootaa baatii Eblaa keessaa eegalamuuf ture irratti dhiibbaan umameera jedheera

  5. MM Abiy sochii ittisa COVID-19’f deeggarsi birri miliyoona 150 walitti qabame jedhan

    MM Abiy Ahimad erga koreen walitti qabduu qabeenyaa biyyaalessaa COVID-19 hundeeffamee guyyoota shan keessatti qarshiin miliyoona 150 walitti qabamuu isaa ibsan,

    Guyyoota shanan darbe qofaatti maallaqni hanga kanaa walitti qabamunsaas hangam ummanni Itoophiyaa arjoomaa akka ta’e kan mulliseedha jechuun fuula Twitter isaanii irratti barreessaniiru.

    Deeggarsi amma eerame kunis meeshaalee wallaansaa arjoomamanii kan hin dabalanne ta’uu MM Abiy himaniiru.

    Akka MM jedhaniitti namoonni 241,000 ol ta’an karaa tajaajila Itiyoo telekoomiin biyyuma keessaa birrii miliyoona 2.7 arjoomaniiru.

    Kunis attam ummatti yeroo rakkootti waliin kan dhaabbatu ta’u kan mulliseedhas jedhaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Oduma walfakkaatuun dhaabbileen gara garaa weerara koronaavaayirasii ittisuuf Birrii miliyoona 47 ol gumaachan

    Weerara koronaavaayirasiin walqabatee waamicha deggersaa mootummaan taasiseen dhaabbileefi namoonni gara garaa koree dhimma kanaaf hundeeffameef gumaachaa jiru.

    Guyyaa har’aa dhaabbileen dhuunfaafi mootummaa 12 Birrii miliyoona 47 ol gumaachaniiru.

    Haaluma kanaan:

    Dhaabbanni MIDROC Birrii miliyoona 10 fi kuma 845

    Baankiin Daashen Birrii miliyoona 10

    Oromiyaa Intarnaashinaal BaankiiBirrii miliyoona 5

    Baankiin Abay Birrii Miliyoona 3

    Dabuub Giloobaal Baankiin ammoo Birrii miliyoona 2

    Horaa Tireediing Birrii miliyoona 1Tiraakoon Tireediing Birrii miliyoona 1

    Saantaamaariin Birrii Miliyoona 1

    Dhaabbanni Yaadannoo Yerusaalen Birrii kuma 200

    T.K.TLC Birrii kuma 50 gumaachaniiru.

    Akka gabaasa FBCtti sagantaa deeggarsa sassaabuu kanarratti walitti qabaan koree deeggarsa biyyaalessaa Ambasaddar Misgaanuu Araggaa,deeggarsi maallaqaaf meeshaaleeammas itti fufuu himan.

    Itti dabaluunis, namni hundi ofeeggannoo gochuun madditti, deeggaruurrattis akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

  6. Amma nu gahe, UK’tti namoonni 393 dabalataan koronaan du’an

    UK’tti guyyaa darbe kanan qofaatti namoonni 393 koronaavaayirasiin kan du’an yoo ta’u, kunis kan hanga ammaa biyyattiitti ta’ee caalaa isa olaanaadha jedhameera.

    Walumaagalatti hanga ammaatti biyyattiin namoota 1,801 vaayirasichaan dhabdee jirti.

    Namoota vaayirasiichaan biyyattii keessatti lubbuunsaanii darbe kunneen keessaa 367 Inglaandiitti, 13 Iskootilaandiitti, torba ammoo Weelsitti yoo ta’u, jaha Kaaba Ayerlaandiitti ta’uu himame.

  7. 'Hamma rakkoon kun darbutti lammii keenyarraa kiraa manaa hin nyaannu' Magaalaa Dukam

    Siidaa Magaalaa Dukam keessaa

    Warri Duukam nama sababa koronaavaayirasiitiin hojii dhiisee mana oolaa jiru kiraa manaa kanfalchiisuu dhaabaa jiru.

    Erga dhibeen Koronaavaayiras biyya keenyatti seenee fedhiin walgargaaruu fi walbira dhaabbachuu namoota dhuunfaaniis ta'ee kan dhaabbilee mul'achaa jira.

    Abbootiin qabeenyaa gamoowwan, konkolaattotaafi meeshaalee garagaraa kennanis magaalota hedduu keessatti baayyinaan mul'achaa jiru.

    Magaalli Dukam bakka indastiriin guddaan itti argamu waan ta'eef namoonni hojii humnaa fi warshaalee keessa hojjetan baayyinaan keessa jiraatu.

    Jiraattonni Magaalaa Dukamis yeroo rakkoo kanatti namoota galii gadi aanaa qaban kanneen mala ittiin deeggaran qopheeffatanii hojiirra oolchaa jiru.

    Guutuu odeessa kanaaf hidhaa kana hordofaa http://www.bbc.co.uk/afaanoromoo/52110893

  8. Somaaliyaan tatamsa’ina vaayirasii ittisuuf manneen madarasaa cufte

    Ijoollee manneen barnootaa amantaatti qara'aa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Motummaan Somaaliyaa tatamsa’ina koronaavaayiras dhaabuuf jecha manneen barnootaa amantaa hundi akka cufamaniif ajaja dabarse.

    Kana malees, ummanni torban lamaan dhufaniif masjiida dhaquu dhiisuun manaa akka kadhataniif dhaamame.

    Somaaliyaa keessatti hanga ammaatti namni vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’ee sadii qofa ta’ulleen, dhukkubichi baballanaan biyyattiin dandamachuu hin dandeessu sodaan jedhu cimeera.

    Dhaabbileen fayyaa wal waraansa waggoota 30’f biyyatti keessatti gaggeeffamaa tureen yoo barbadaa’an, lammiileen biyyatti bakka jireenyaasaanii buqqa’an miliyoonaan lakka'aman ammoo walitti maxxanuun kaampiiwwan keessa jiraataa jiru.

    Gartuun Islaamummaa leellisu al-Shabaab kan naannoolee kibbaafi jiddugala biyyattii irra caalaa to’atee jirus, namoonni Covid-19n qabaman kanneen ‘waadaa cabsan’ qofaadha ykn warraa kanneen motummaa ykn dhaabbilee idil-addunyaatiif hojjataniidha jedheera.

  9. Keeniyaa keessatti daa’imni ganna 13 sa’aatiin alatti socho’uusaatiin ajjeefame

    Poolisoota Keeniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Keeniyaa keessatti daa’imni ganna 13 sa’aatii sochiin ummataa itti dhoorkame socho’uusaatiin ajjeefame.

    Qondaalli poolisii Keeniyaa dhimma ajjeechaa daa’ima ganna 13 kaleessa galgala poolisiidhaan ajjeefame akka qoratamuuf ajaja dabarse.

    Daa’imni kunis Naayiroobii keessatti fuuldura mana maatiisaa biratti taphataa kan turee fi poolisoonnis namoota walitti qabamanii turan bittinneessuuf rasaasaa akka dhukaasan namoonni yeroo taateen kun raawwatu achi turan ibsaniiru.

    Innis garaa keessa kan dhahame yoo ta’u hospitaalatti osoo yaalarra jirudha kan lubbuunsaa darbite.

    Inspeektarri Waliigalaas miseensonni poolisii kaleessa galagala naannoo Huruumaa-Mataaree jedhamutti hojiirraa turanakka qoratamaniif ajaja kennaniiru.

    Abbaan alangaa biyyattii murtee dabarsuuf sanada sirrii eegaa ture jedheera.

    Jimaata darberraa seerri haaraan bahe kunis tatamsa’inna COVID-19 dangeessuuf namoonni galgala sa’aatii 1 hanga subii sa’aatii 11’tti sochii taasisuu akka hin dandeenye kan dhorkudha.

    Namoonni galgala sa’aatii 12 irraa jalqabee mana turuu dhabuusaaniitiif boombii imimmaanessu itti darbatameera akkasumas reebamaniiru.

  10. Amma nu gahe, Keeniyaatti namootni haaraan 9 koroonaavaayirasiin qabaman

    Keeniyaatti namootni haaraan 9 koroonaavaayirasiin qabamuu isaanii mootummaan beeksise.

    Hanga ammaatti Keeniyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii 59 gaheera.

  11. Salaataaf gara masjiidotaa deemuun dhorkame

    Hordoftoonni amantaa Islaamaa salaata Ramadaanaa guyyaa jalqabaa, kan bara 2018 Finfinneetti.

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Juma’aa fi Jama’aa (salaata garee) dabalatee salaatni hundi manatti akka raawwatamu ajaja dabarse.

    Manni marichaa ibsa har’a kenneen hordoftootni amantichaa hanga beeksisni biraan himamutti salaataaf gara masjiidotaa akka hin deemne fi kadhannaa bakka jiranii akka raawwatan ergaa dabarse.

    Yeroo salaataa azaanni akka godhamu manni marichaa beeksiseera.

    Dabalataan namootni harka akka wal hin fuune, murteewwan mootummaan ittisa dhibee COVID-19 ilaalchisuun dabarse fi gorsa ogeeyyii fayyaa akka hordofan dhaamera.

  12. Raayyaan Ittisa Biyyaa waraqaalee odeeffannoo COVID19 qaban Helikooptariin rabsuuf

    Asxaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, FDRE Defense Force

    Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waraqaa odeeffannoo waa’ee koronaavaayirasii qabatan helikoptariin rabsuuf akka jiru beeksiseera.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa boruu magaalaa Finfinnee keessatti hubannoo koronaavaayirasiirratti uumuuf sagantaawwan gara garaa ni gaggeessa.

    Sagantaalee qaban keessaa tokko helikooptarii fayyadamuun waraqalee odeeffannoo waa’ee Covid-19 qaban raabsuu yoo ta'u maarshi baandiin faaruuwwan adda addaa dhageesisaa hojii hubannoo uumuu kana akka dabaalus himameera.

  13. Amma nu gahe, Itoophiyaa - namooti dabalataa sadi koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e

    Itoophiyaa keessatti namoota 66 sa'aatii 24 darban keessatti qorannoon koronaavaatirasii taasifameef keessaa sadi poozatiivii ta'uun isaanii mirkanaa'e.

    Ministeerri Fayyaa ibsa Kibxata baaseen namoonni sadi dabalataa vaayirasichaan qabamuu mirkaneessee, walumaagalatti lakkoofsi namootaa qabamanii 25 gaheera jedhe.

    Kanneen reefu vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa lama lammiilee Itoophiyaa ganna 30 fi 36 dhiira yoo ta'an, Bitootessa 24 Dubaay irraa balalii tokkoon gara biyyaa dhufan.

    Namoonni kunneen guyyoota 14 adda of baasanii iddoo jiranitti mallattoon waan irratti mul'ateef qoratamanii poozatiivii ta'uun isaanii mirkanaa'e.

    Kan sadaffaa dubartii lammii Itoophiyaa ganna 60 yoo taatu Bitootessa 15 Firaans irraa gara Itoophiyaa seente.

    Magaalaa Finfinnee buufattee kan turte dubartiin kun horodofamaa turuufi mallattoon waan irratti mul'ateef bilbiltee erga qoratamteen booda vaayirasicha qabaachuun ishee kan mirkanaa'e.

    Namoota vaayirasichaan qabaman 25 keessa lama gara biyya isaaniitti yoo debi'an, lama bayyanatanii amma kan jiran 21.

    Nmooti lama haalaan dhukkubsatanii hordofiin godhamaafii akka jiru ta'uu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota qorannoon taasifameefi 1013 gaheera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  14. "Daawwannaa keenyaan biyyi nagaa ta'uusaa ilaallee jirra"

  15. Tajaajilli Telekoomii har’arraa eegalee akka deebi’u murtaa’e

    Shimallis Abdiisaa

    Tajaajilli telekoomii godinaalee Oromiyaa keessatti adda citee ture har'arraa eegalee akka deebi'u murtaa'uu isaa pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

    Daawwannaa godinaalee Wallaggaa afran taasisan xummuranii kan deebi'an pireezidant Shimallis Abdiisaa miidiyaaleef ibsa kennan iratti kana jedhan.

    Qaamoleen hidhatan bu'uraalee misoomaa kan akka Teelee miidhaniiru kan jedhan Obbo Shimallis "haala qabatamaa laffarra jiru bu'ureeffachun tajaajilli telekoomii har'arraa eegalee akka deebi'u murtaa'era" jedhan.

    Godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaatti intarneetii fi tajaajilli bilbilaa erga adda citee baatii sadii ta'ee ture.

    Kana hordofuunis erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as rogeeyyii fi falmitoonni mirga namoomaa hedduun mootummaan intarneetii akka gadi dhiisu dhiibbaa gochaa turan.

  16. Amma nu gahe, Tajaajilli Telekoomii har’arraa eegalee akka deebi’u murtaa’e

    Oduu Ammee
  17. Pireezidantiin Koongoo duraanii koronaavaayirasiin du'an

    Pireezidantiin Koongoo duraanii Yoombii Opaangoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Koongoo duraanii, Yoombii Opaangoo Paariis keessatti coronaavaayirasiin du'an.

    Namni ganna 81 kun osoo vaayirasichaan hin qabamiin duras dhukkubsatanii akka turan maatiin himaniiru.

    Toombii Opaangoo bara 1977 hanga 1979 waggoota lamaaf Koongoo Biraazaaviil bulchanii san booda hoggana amma jiru Deniis Sassoo Niguweessoon aangoorraa fonqolchaman.

    Waggoota dheeraaf erga mana hidhaa turanii booda bara 1991 hiikamanii hanga bara 1997 wal waraansi Koongoo keessatti eegaluutti Ministira Muummee ta'uun hojjetaa turan.

    Booda baqatanii gara Firaans deeman. Gara biyyaa deebi'uun kan hayyamameef ganna 10 dura ture.

  18. Koronaavaayirasiin meeshaaleerra yeroo hagam tura?

    Koronaavaayirasiin meeshaalee adda addaarra hagam turaan gaaffii keessan ta'uu mala.

    Akka odeeffannoo Ministeera Fayyaatti:

    • Waraqaarra guyyoota 4-5
    • Meeshaalee sibiilarraa hojjetamanirra guyyoota 2
    • Meeshaalee mukarraa hojjetamanirra guyyoota 4
    • Meeshaalee daawitii ykn qaruuraarraa hojjetamanirra guyyoota 4
    • Guwaantii harkaarra guyyoota 4-5
    • Meeshaalee pilaastikiirraa hojjetamanirra guyyoota 5

    Meeshaalee kamiyyuu fayyadamuu keenya duraa ykn erga fayyadamnee booda harka keenya haa dhiqannu, qulqullina meeshaalee itti fayyadamnuus haa eegnu jedha ergaan Ministeera Fayyaa kun.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  19. Namoonni miliyoona 24 hiyyummaa jalaa hin miliqan - Baankii Addunyaa

    baankii addunyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kufaatiin diinagdee weerarri Koronaavaayirasii uume, biyyoota Eshiyaa Paasifiik keessatti namoonni miliyoona 24 hiyyummaa jalaa akka hin baaneef ykn hin miliqnee danqaa uumera jedha Baankiin Addunyaa.

    Tibbana gabaasni Baankichi baase akka mul’isutti,‘rakkoo diinagdee biyyoota hundatti uumamu guutummaatti hambisuun kan danda’amu miti’ jedha.

    Kana malees, maatiin hojii warshaaleen walqabaturratti jireenya isaanii bu’uureffatan caalatti miidhamoo ta’uusaaniis akeekkachiisera.

    Dhimma kanaan walqabatuun turizimiin Taayilaandii fi odola Paasifikii, akkasumas manufakchariing Veetnami fi Kaamboodiyaarratti dhiibba akka qabaatu ibseera.

    Baankichi akka raageetti, namoonni mil 35 hiyyummaa keessatti akka hafaniidha.Isaan keessaa mil 25 lammiilee Chaayinaati.

  20. Yugaandaan paastarii koronaavaayirasiin Afrikaa keessa hin jiru jedhe himatte

    Yugaandaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Aanga'oonni Yugaandaa paastarii hordoftoota amantaa waldaa isaa ta'anitti koronaavaayirasiin Afrikaa keessa hin jiru jechuun itti himaa ture himatan.

    Abbootiin alangaa yaada Agustiin Yigaan Jimaata Waldaa Rivaayivaal Kiristaan jedhamutti dubbataniin himannaa irratti banan.

    Yaada paastarichi jedhan ammoo karaa TV biyya keessaa tamsa'eera.

    Inni garuu himannaa isarratti dhiyaate kana waakkateera.