Shimallis Abdiisaa: "Daawwannaa keenyaan biyyi nagaa ta'uusaa ilaallee jirra"

Tajaajilli telekoomii godinaalee Oromiyaa keessatti adda citee ture har'arraa eegalee akka deebi'u murtaa'uu isaa pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Daawwannaa godinaalee Wallaggaa afran taasisan xummuranii kan deebi'an pireezidant Shimallis Abdiisaa miidiyaaleef ibsa kennan iratti kana jedhan.
Qaamoleen hidhatan bu'uraalee misoomaa kan akka Teelee miidhaniiru kan jedhan Obbo Shimallis "haala qabatamaa laffarra jiru bu'ureeffachun tajaajilli telekoomii har'arraa eegalee akka deebi'u murtaa'era" jedhan.
Godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaatti intarneetii fi tajaajilli bilbilaa erga adda citee baatii sadii ta'ee ture.
Kana hordofuunis erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as rogeeyyii fi falmitoonni mirga namoomaa hedduun mootummaan intarneetii akka gadi dhiisu dhiibbaa gochaa turan.
Koronaavaayirasii
Dhibee Koroonaavaayirasiin walqabatee mootummaan naannichaa sadarkaa garaagaraatti koreewwan hundeessuun hojjechaa akka jiru kan himan Obbo Shimallis sochiin uummataa akka hir'atu gaafatan.
"Daldalli xixiqqan jiraachuu qaba. Haa ta'u malee of eeggannoo gochuu qabna" jedhan. Haa ta'u malee "sochiin diinagdee akka hin dhaabbanne gochuu qabnas" jedhaniiru.
Tajaajila lammummaa irratti waamichi taasifamee abbootiin qabeenyaa fi dargaggootni hirmaachaa akka jiranis dubbatan.
Uummatni murtee mootummaan naannoo Oromiyaa dabarse akka hordofan fi namni hundi akka amantaa isaatti Waaqasaa akka kadhatus dhaaman.
Dhaabbilee amantaa namoota heddu walitti qaban irratti mootummaan tarkaanfii fudhachuu akka eegalu dubbataniiru.
Tajaajilli intarneetii gadi dhiifamuun isaa weerara dhukkuba kanaan kan wal qabatuu ta'uufi dhiisuu isaa wanti dubbatan hin jiru.
Nageenya
Amma dura tajaajilli intarneetii kan adda cite rakkoo nageenyaa godinaalee kanneen keessa jiruun wal qabatee akka ta'e himamaa ture.
Pireezidant Shimallis daawwannaa godinaalee Wallaggaan booda ibsa kennaniin, "daawwannaa keenyaan biyyi nagaa ta'uusaa ilaallee jirra" jedhan.
"Caasaaleen mootummaa aanaalee fi gandaa shaneedhaan diigamanii turan" kan jedhan Obbo Shimallis, yeroo ammaa garuu caasaaleen gandaa fi aanaa deebi'anii ijaarramaniiru jedhan.
"Waajjiraalen mootummaa banamaniiru, piroojeektonni duraan turani fi haaraan hojjetamaa jiru," jedhan.
Kanaaf "haala qabatamaa laffarra jiru bu'ureeffachun tajaajilli Telekoomii har'arraa eegalee akka deebi'u murtaa'era" jedhan.
Sochiin godinaalee Wallaggaa keessa jiru "akka ololaan haasa'amu" akka hin taane dubbatan.
Namootni fagoo ta'anii haala nageenyaa godinaalee Wallaggaa keessa jiru hammeessun dubbatan qaamaan deemanii akka daawwatan kan affeeran Obbo Shimallis "uummatni aarsaa kaffaltanif galatoomaa" jedhaniiru.
Marii uummata waliin magaalota garaagaraatti taasifameenis haalli ture jijjiiramuusaa fi haaluma kanaan akka itti fufu waliigaluu isaanii himan.
Badii itti qaanofnetu raawwatame kan jedhan pirezidantichi mootummaan nageenya uummataa eegsisuf dirqama itti kenname ni bahata jedhan.
Hojii hojjetamaa turen godinaaleen Kibba Oromiyaas guutumaan guututti nagaa ta'aniiru jedhan.
"Caasaalen gandaa fi aanaalee diigamanii turan deebi'aniiru. Olaantummaan seeraas kabajamaa jira" jedhan.












