UN namoota nagaa Tigraay gargaaruuf $35 mil. ol gumaache

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoota nagaa sababa lola Tigraayiin miidhaman gargaaruuf deeggarsa yeroo balaa doolaara miiliyoona 35.6 gumaachuu beeksise.
Lola humnoota mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti Sadaasa 4, 2020 naannoo daangaafi Tigraay keessatti eegalee torbanootaaf gaggeefameen namoonni hedduun du'anii, miiliyoonaan kan lakkaawaman fedha deeggarsa namoomaa atatamaa eeggachuuf saaxilamaniiru.
Arjooma maallaqaa kana keessaa $25m kan ta'u namoota nagaa lola kanaan madaa'aniifi miidhamaniif qoricha, wanta nyaatamuufi bishaan dhugaatii dhiyeessuuf akka oolu dhaabbatichi ibseera.
Dabalataan $10.6m kan ta'u ammoo namoota lola kana dheessuun gara biyya ollaa Sudaanitti baqatan kanneen kumoota hedduun lakkaawamaniif dahoo, tajaajila fayyaa fi bishaan dhugaatii dhiyeessuuf akka ramade dhaabbatichi ibsa kaleessa baaseen beeksiseera.
Qindessaan deeggarsa bayyanachiisaa yeroo balaa dhaabbatichaa Maark Laawkook, ''lola torban jahaan booda miidhamni namoota nagaa guddaa ta'uu dhagahaa jirraa'' jedhan.
''Lolli akka kanaa takkaa to'annoon ala taanaan dhaabuun rakkisaadha, lubbuu darbe deebisuun hin danda'amu. Roorroon inni uumuus yeroo dheeraaf tura. Ammaan tana daa'imman deeggarsarraa adda citanii jiru. Amma danqaa malee isaanii qaqqabuu barbaanna'' jedhan.
Maallaqa amma dhaabbatichi arjoome kanaan deeggarsi dhiyaatu hunda dura dubartoota, daa'imman, jaarroliifi kanneen miidhama qaamaa qabaniif dursa akka kennu dhabbatichi beeksiseera.


Lola torbanootaaf humnoota mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti gaggeefameen namoonni dhibbaan lakkaawaman du'uu, kaan kumaan lakkaawaman ammoo qe'eerraa buqqa'uufi miiliyoonaan kan lakkaawaman ammoo fedha deeggarsa namoomaa atattamaaf saaxilamuu dhaabbatichi ibseera.
Baqattoota naannoo Tigraay irraa Sudaanitti baqatan 50,000 ta'an keessaa walakkaatti kan siiqan daa'imman ta'uullee ibseera.
Guyyoota dura ibsa dhaabbatichi baaseen deeggarsa kennuuf sochiin hojjetoota dhaabbatichaa daangeffamuu isaatiin daa'imman miiliyoona 2.3 ta'an naannoo Tigraay keessatti deeggarsa argachuuf rakkachuu ibsee ture.
Ejensiiwwan gargaarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii naannoo Tigraay keessatti deeggarsa kennuuf sochiin isaanii akka hin daangeffamne irra deddeebiin gaafachaas turan.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaan hojii deeggarsa namoomaa dhiyeessuu olaantummaan kan qindeessuu ta'uufi dhorkaan sochii kan kaahame nageenya hojjetoota gargaarsaa eeguuf akka ta'e hima.
Ka'umsi lola kanaa maali?
Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.
Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.
Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen 50,000 ol tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.















