Imbasiin UK Finfinnee jiru miidiyaalee Itoophiyaa irratti komii dhiyeesse

Madda suuraa, EBC
Imbasiin UK Finfinnee jiru miidiyaaleen Itoophiyaa waa'ee marii Ambaasaaddara UK fi ajajaa waraanaa Itoophiyaa waan sirrii hin gabaafne jechuun komate.
Itoophiyaatti ambaasaaddarri UK Aliistar Miisipeel torbee kana ajajaa waraanaa Itoophiyaa jeneraal Birhaanuu Juulaa waliin mari'atanii turan.
Dhimma wal gahii kanaa miidiyaaleen Itoophiyaa qixa sirriin hin gabaafne jedhe ambaasaaddarri UK.
Miidiyaa biyyaalessaa ETV fi kan mootummaan hidhata qabu FBC dabalatee miidiyaaleen kaanis Itoophiyaatti Ambaasaaddarri UK ajajaa waraanaa Itoophiyaa waliin wal arguu gabaasan.
Gabaasa isaanii keessattis haala wal fakkaatuun hogganoonni lamaan waa'ee nageenya Gaanfa Afrikaa mari'atanii jedhan.
Itti dabaluunis, Ambaasaaddarri UK Aliistar Misipeel tarkaanfiin seera kabachiisuu mootummaan Itoophiyaa Tigraay keessatti gaggeesse biyyattii keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya gutummaa gaanfa Afrikaaf kan gumaache ta'uu dubbatan jechuun gabaasan.
Imbaasiin UK Itoophiyaa jiru garuu gabaasni miidiyaalee kanaa sirrii miti jedhe ibsa baase.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ambaasaaddarri UK Aliistar Misipeel ajajaa Waraanaa Itoophiyaa jeneraal Birhaanuu Juulaa waliin wal arguun dhugaa ta'uu barruu fuula twitter isaarratti kan hime imbaasichi ambaasaaddar Alistar waa'ee lola Tigraay yaaddoo UK'n qabdu ajajaa waraanaa kanaaf ibsani jedheera.
Lola kanaaf furmaatni siyaasaa akka barbaadamu, lolli akka dhaabbatu, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan akkasumas waa'ee deggarsa namoomaa ilaalchisee yaaddoo UKn qabdu ibsani jedheera.
Dhimma kanaan walqabatee Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa odeeffannoon jalqaba fuula Feesbuukii isaarratti baasee ture gogoggora ta'uu isaatiif dhiifama gaafachuun sirreesseera.
Kan duraan "Duulli ol-aantummaa seeraa kabachiisuu dhiyeenya kana gaggeeffame adeemsa ol-aantummaa seeraa biyyattii mirkaneessuufi naannawaa sana keessaatti nageenyaafi tasgabbiin akka jiraatuuf kan gumaache ta'uu…" jechuun kan gabaasne, "Dhimmoota Tigiraay, biyyaa, naannawaafi kanneen biroo irratti waliin dubbachuu isaaniis beeksiseera," kan jedhutti sirreeffamee akka dubbifamu hordoftoota keenya dhiifama waliin ni gaafanna jedha.
Gabaasni miidiyaaleen mootummaa qabatanii bahan dogoggora jedhame yoo qeeqamu kun kan duraa miti.
Bitootessa darbe gaazexaan eejansii pireesii Itoophiyaan maxxanfamu 'The Herald' dhaabbatni deeggarsa Ameerikaa USAID ajjeechaan jumlaa Aksuumitti akka hin raawwanne qorannoon mirkaneesse jedhee ture.
USAID boodarra ibsa baaseen ani dhimma Aksuum irratti qorannoos hin goone gabaasan baases hin qabu jedhe.
The Herald gabaasa kana kan hojjete erga dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Amnesty International ajjeechaa jumlaa Aksuumitti raawwate ilaalchisee gabaasa baaseen booda ture.
Lola Tigraay ilaalchise aanga'oonni Itoophiyaa wayita hogganoota biyyootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin mari'atan dhimma irratti mari'atan ilaachisee wanti isaan barreessanii fi kan gama kaaniin himamu adda adda yeroon itti ta'us tureera.












